Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Yuukireen hordofee roobni gurraacha Raashiyaatti roobuu jiraattonni komii kaasan
Magaalaa Raashiyaa Mooskoo keessa waan akka shiifuu gurraachi samii irraa gadi roobe. Kun ammoo Yuukireen diroonii 200 tahuun erga gidduugala calallii boba'aa Raashiyaa haleeltee mudate.
Aarri gurraachi samiitti ol ka'e. Namoonni 17 haleellaa diroonii kana keessa madaa'aniiru jedhan bulchaan naannoo Andiree Voroboov.
Jiraattonni Kibba Baha Moskoo BBCtti akka himanitti waan gurraachi gadi nutti shiife ''mallattoo gurraacha namatti hin tolle uffata keenya hin gadhiisne'' nutti fide jedhan.
Qondaalonni Moskoo garuu ''boba'aan roobe'' jedhamu hin jiru jechuun haalan.
Haa atahu malee, chaanalii Teelegiraamii naannoo miidhaan kun dhaqabee irratti jiraattonni foddaa isaanii akka cufanii taa'an, ijoollee, jaarsolii fi namoonni asmii dhukkubsatan ammoo naannichaa akka baafaman dhaama.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa diroonii 1,000 fi kiruuz misaa'eliin Yuukireen afur sa'a 24 keessatti qolatamuun barbadaa'uu ibsse.
Kuusaan boba'aa Kibba Roostoov jiru tokko haleelamuun namni tokko ajjeefameera jedhe.
Voloodmiir Zeleniskiin haleellaan diroonii kun deebii haleellaa torban darbe Raashiyaan Kiiv irratti raawwatteeti jedhe.
''Nuyi waraana kana hin barbaanne, gonkumaa hin barbaanne ture'' jedhe Zeleniskiin.
''Yoo Yuukireen gubatte Moskoon keessanis ni gubatti'' jedhe.
Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa Sergee Laavroov haleellaan Yuukireen irratti gaggeeffamu ''hammi isaa baay'ee dabala'' jedhe. Jechi qofaan gahaa miti. Kana duras waan kanatti amaneera jedhan.
Gidduugalli calallii boba'aa Kapponyaa ji'a tokko keessatti si'a sadii haleelame.
Torbanuma kana keessa ammoo yeroo lama haleelame. samiin aaraan guutee, qadaaddiin gaanii kuusaa boba'aa dhohinsichaan irraa buqqa'ee yeroo samiitti darbamu viidiyoon adda addaa agarsiisa.
Caccabaan diroonii waan gamoo irra bu'eef suuqiiwan cinaa isaa jiranittis abiddi qabateera.
Moskoo keessaa buufataaleen xiyyaaraa afur cufamaniiru. Balaliiwwan 500 ol tahanis haqamaniiru.
Qondaalonni mootummaa Raashiyaa suuraa kunneen fayyadamuun akka hin maxxansine miidiyaalee biyyattii dhorkanis viidiyoowan yeroo dirooniiwan samiirra guyyaa adii balali'an agarsiisu qoodameera.
Yuukireen km500 daangaa Raashiyaa keessa galuun Mooskoo haleeluu kan jalqabde bara 2023 ture. Ergasii Yuukireen dandeettii misaa'elootaa fi diroonii fageenya dheeraa irratti haleelanii cimsataa dhufte.