Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hogganaan Waagnar loltootasaa magaala Yukireen qabachuuf yaalaa turan keessaa baasuuf jedhe
Hagganaan garee mindeeffamtoota Waagnar Raashiyaa sababii hanqina meeshaa waraanaatiif jecha Caamsaa 10, loltoota isaa magalaa Yukireen Baakhmut keessaa baasuuf ta'u hime.
Ibsi Yevgeny Pirigozhin kun kan dhufe, erga waraabbii viidiyoo awwaala loltoota isaa keessa adeemaa qondaaltoota waraanaa Raashiyaa balaaleeffatu agarsisuu maxxanseen booda.
''Kanneen kuma kudhanootaan lakkaa'aman'' achiitti du'uufi madaa'u dubbate hogganaan kun.
Gama tarsiimootiin bu'aansaa gaafachiisaa ta'ulleen Raashiyaan baatiiwwaniif magaalaa bahaa tana qabachuuf yaalaa turte. Loltoonni Waagnar ammoo baayyinaan keessatti hirmaataniiru.
Jalqaba torban kanaarratti, dubbii himaan Man maree Nagaa Biyyaaleessa Ameerikaa, Joon Kirbii madda tikaa mirkanaa'aa haaraa eeruudhaan, erga Muddeetii kaasee waraana Yukireen keessatti loltoonni Raashiyaa 20,000 ajjeefamuufi kanneen biraa 80,000 ta'an madaa'u himee ture. Kanneen du'an keessaa walakkaan saanii miseensoota garee Waagnar.
Ibsa isaa Jimaata baaseen, Pirigozhin kan umuriin waggaa 61, loltoota isaa Baakhmutii baasuuf akka ta'e hime.
''Shoigu! Gerasimov! Meeshaan waraanaa maarree? Akka tola ooltotaatti as dhufuun aangoo keessa waajjira keessaa furdisuu asitti du'an.''
Ministirri Raayyaa Ittisa raashiyaa Sargee Shoigu fi Hogganaan Waliigala hojjattootaa Vaaleerii Geraasimoo yeroo baayyee xiyyeeffannaa haarii Pirigoshiin.
Hogganaan Waagnar kunis ibsa isaatiin, ''duutii loltoota isaa sababii hanqina rasaasaatiin waraanaatiin guyyaa guyyaan du'anii dabalaa jira,'' jedhan.
Garuu ammoo loltoonni isaa hanga Caamsa 9tti guyyaa Raashiyaan itti Guyyaa Injifannoo Waraanaa Addunyaa Lammaffaa kabajuutti, eddoodhuma saanii turu jedhan. Guyyaa ittaanus Baakhmut keessaa qofa bahu jedhe.
Waraabbii viidiyoo duraan gadhiifame irratti ammoo dureen garee Waagnar kun loltoota isaa dura dhaabbachuun, loltoota Baakhmut keessaa akka baasuufi kaanis madaasaanii hanga qooruutti kaampiiwwan lojistikii keessa akka turan yoo dubbatu mul'ata.
''Rasaasa malee loltoonni koo akkasumass bu'aa malee fi haqa malee lubbuusaanii Bakhmut keessatti hin dhaban,'' jedhe.
Viiidyoowwan Pirigozhin gaafa Jimaataa gadhiifaman keessaa tokko, kan jidduugala Baakhmut irraa fageenya km 2 irratti waraabameedha. BBCn mukeeniifi utuubaawwan dabalatee teessuma lafaa fakkii saatalaayitii lafichaa wal madaalchisuun ilaale.
Prigozhin nama beekkamtii argachuu barbaaduufi kan dhiibbaan isaa dhiheenya keessa kan hir'ate fakkaata.
Torban darbe qofa biloogarii waraanicha deegaruu Raashiyaa tokkootti, loltoonni Waangar Baakhamut keessaa rasaasaa dhabuufi marsaa kumaatama rasaasaa barbaadusaanii itti himee ture.
Ibsa Prigozhin dhiheenya baase kanarratti Kiremliin yaada kennite hin jiru.
Haata'u malee waraanni Yukireen lola dhiheenya Baakhmutiitti gaggeeffamuun hir'inni omtu akka hin mul'annee dubbate.
''Baatiiwwaniif Prigozhin ofiisaatiif xiyyeefffannoo argachuuf jecha ibsawwan garaa garaa baasuuf yaalaa ture,'' jedhan dubbii Himaan ajajjaa waraana Yukireen.
Ittaanaan Raayyaa Ittisa Yukireen Haanaa Maalyaar ammoo Raashiyaan Caamsaa 9tti Baakhmut to'achuuf kan dhumaa yaaltii jedhan.
Prigozhin weerara guutuu Raashiyaa Guraandhala 2022 Yukireen irratti baname keessatti nama gahee olaanaa bahedha. Innis itti gaafatamaa damee waraana dhunfaa mindeeffamtoota Raashiyaaf ajjeechaa raawwataniiti.
Garee isaatiif, yakka cimaa kamuu yoo qabaatan hanaga Yukireen keessatti Raashiyaadhaaf loluuf waliigalaniitti, sirreeffamtoota yakkaan itti murtaa'ee kumaatama mindeesse ture.
Prigozhin magaala dhaloota pirezidanti Vilaadmiir Putiinii bahe. Lamaan isaanitis yeroo jalqabaatiif kan wal argan mana nyaataa magaalattii keessatti. Waggootaan booddee ammoo kaampaaniin nyaataa Prigozhin akka nyaata Kiremliiniif dhiyeessuf mindeeffame.
Lolli Baakhmutis baatiiwwaniif harkifate. Loltoonni Waagnar fi humnootiin idilee Raashiyaa waliin ta'un loltoota Yukireen waraanaa turan.
Humni ittisa Yukireenis hanga barbaade haarsaa gaafatulleen magaalatii ittisuuf murteessan.
Guraandhala keessa, Prigozhin suuraa looltota saa ajjeefamanii maxxansuun, du'asaanitiif dureewwan waraanaa balaaleeffate. Waraanni ta'e jedhee garee Waagnar isaa hanqiina itti uumuu haaleera.
Xinxalaan waraanaa US'tti bu'uureeffate Roob Lee, balaaleeffannaan hanqina rasaasa Waagnar dhiiheenyaa kunus tarii kan Ministeerri raayyaa ittisa Raashiyaa waraana dheeraa Yukireen duratti raabsaa dabaree rasaasaa kan mul'isuudha jedhan.
Looltoonni addawwan hunda eeguu qabaatu, garuu yaaddon Prigozhin kan ka'aa jiruu gama Bakhmutii qofaadhaan, jechuun toora tiwitara isaa irratti barreesse. Osoo Waagnar magaalatii to'achu danda'ee, silaa Prigozhin fudhatamni siyaasaa naaf ta'a jedha ture, jechuun itti dabalan Mr Lee.
Dureen garee mindeeffamtootaa kunis Yukireen tarkaanfii qolannaa Caamsaa 15 eegalu akka dandeessu tilmaameera. Kunis sababii taankoonniifi kaan roobaan booda tibba qilleensa gogaa cimuu waan danda'aniifiidha.
Tarkaanfii addaatiin ammoo Prigozhin janaraala waraanaa kan dhiheenya kana hogganaa loojistiikii irraa harii'ame isatu mindeesse ture.