Barattoota yunivarsitii baala hancabbiirraa shayii tolchan

Meetii Dandanaa fi hiriyoonnishii lamaan Saalem Garmaamee fi Radi’eet Nagaraa, Yunvarsiitii Saayinsii fi Teeknolojii Adaamaa irraa tibbana Keemikaal Injinariingiin eebbifamani.
Shamarran sadan wayita barnootarra turanitti qorannoon isaan baala hancabbii irratti gaggeessuun shaayii qorichummaaf oolu hojjetaniiru.
Shamarran kunneen ogummaa barataniin qorannoo rakkoo hawaasaa furuu danda’u gaggeessaniiru jechuunis Yunvarsiitii Saayinsii fi Teknolojii Adaamaa irraa badhaasaafi beekkamtii argataniiru.
“Qorannoo kana kan gaggeessine ogummaa baranne kanaan rakkoo hawaasaa waan furu hojjechuu qabna kan jedhuuni.
‘’Biyya keenyatti hanqina Foolik Asiidiitiin daa’imman lafeen dugdaa isaanii ni miidhama. Haadholiin ulfaas akkasuma. Kanatu ka’umsa nuuf ta’e” jetti Meetiin.
Shayiin namoonni guyyuu dhugan baala garagaraarraa qophaa’uu danda’a. Baala hancabbii immoo duruu hawaasi dhimma qorichummaaf itti dhimma baha.
Shamarran kunneen baala kana laaboraatoorii keessatti qabiyyee keemikaalawaa isaa erga baraniin booda, qorichoota isarraa hojjetamuu dandahan adda baafatan.
“Haancabbiin kuni Foolik Asiidii qaba. Foolik Asiidiin ammoo haadholii ulfaaf baay’ee barbaachisaadha.
‘’Kanaaf nuti faayidaa inni haadholii ulfaa fi daa’immaniif kennu irratti xiyyeeffanne. Foolik asiidiin kuni haadha ulfaatiifis infeekshinii yeroo ulfaa isaan mudatu irraa ittisa” jechuun himti.
Barattoonni kuni baala hancabbii kana laaboraatooriitti sonaawwan dabalataa erga itti ida’aniin booda shaayii hancabbii oomishan.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Shaayiin kuni qorichummaaf kan oolu yoo ta’u, dhibee daa’imman miidhu kan akka ‘Spinal Bifocals’ ittisuufis akka gargaaru himti.
Dhibeen kuni daa’imman kan miidhu yoo ta’u, lafee dugdaa jallisuun lafeen kara dugdaatin alatti akka bahu kan godhudha.
Qorannoon baala hancabbii irraa shaayii qorichummaaf oolu qopheessuu kuni ji’oota shan akka itti fudhates dubbatti.
Shaayiin baala hancabbii qorichummaaf oolu kuni sadarkaa laaboraatooriitti hojjetamee yunvarsiitichaan beekkamtii argatulleen ammatti gabaatti hin baane.
Omishanii gabaatti baasuuf abbummaa kalaqaa itti argachuu fi qulqullina omishaa fi qorichummaasaa mirkaaneessifachuuf adeemsarra jiraachuus himti Meetiin.
Shamarran sadan pirojektii shaayii baala hancabbii qorannoon argatan kana gara biizinesiitti jijjiiruun ofis hawaasas fayyaduuf karoorfatanii jiru.
Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo kalaqa garagaraarratti bobba'uun waan baratan hojiirra akka oolchan ni jajjabeeffamu.












