Ermiyaas Waaqshumaa: 'Cimee hojjechaa kanan jiru biyyi keenya wiskii biyya biraatti akka erguu dandeessisuufan'

Ermiyaas Waaqshumaa
Maxxanfame

Maqaan isaa Ermiyaas Waaqshuumaa jedhama. Yunivarsiitii Saayinsiifi Tekinoloojii Finfinneetti (AASTU) barataa damee barnootaa Kemikaal Injinariing waggaa afraffaati.

Yunivarsiitiin Saayinsiifi Tekinoloojii Finfinnee (AASTU) barreeffama Hagayya 31, 2021 toora Feesbuukii isaarratti maxxanseen, "barataa AASTU boqqoolloo gara biiraatti jijjiire" jechuun waa'ee barataa Ermiyaas Waaqshuumaa katabe.

Gaaffiifi deebii BBC Afaan Oromoo barataa kana waliin laaboraatoorii Yunivarsiitichaa keessatti taasiseen, "boqqoolloorraa biiraa haaraa oomishuu danda'eera," jechuun BBCtti hime.

Barataa Ermiyaas dhugaatii alkoolii biiraatti dabalataan gosa dhugaatii wiskii jedhamuun beekkamu hojjechuusaa hima.

Itoophiyaan lafa qonnaaf ta'u bal'inaan qabaattullee garuu galteewwan midhaanii oomisha biiraaf oolan biyya alaatii maallaqaan bitamanii akka galan hima.

Sharafa biyya alaa biyyattiin bittaa garbuu biiraaf baastu hambisuu kaayyeffatee boqqoolloo irraa biiraafi wiskii hojjechuusaa himu barataa Ermiyaas Waaqshuma.

"Biyya keenya keessatti itti fayyadamni alkoolii baay'ee guddaa waan ta'eef omishaaleen qonnaa immoo si'a baay'ee alaa gara biyya keenyaatti waan galaniif wanti kun hafuu qaba," jedha.

Dabalataan "sharafa biyya alaa hambisuu qabna. Biyyi keenya qonnaan bulaa baay'ee qabdi akkasumas lafa qotamuu danda'u bal'aa waan qabnuuf fi humni nuti qabnus guddaa waan ta'eef akkamitti rakkoo hawaasa kanaa furuu qaba kan jedhu yaadni nakeessa ture," jechuunis hima.

Boqqoolloo maalif?

Barataa Ermiyaas Waaqshumaa boqoolloo irraa biiraafi wiskii hojjechuuf sababoota heddu qabaachuu dubbata.

Isaan keessaa inni tokkoffaan immoo "boqqoolloon biyya keenya keessatti iddoo adda addaatti bal'inaan biqila. Kana malees waggaatti al sadi omishuun waan danda'amuuf gabaarratti bal'inaan argama," jedha.

Kana malees gatiin boqqooloo gatii gosoota midhaanii biroo omisha biiraaf oolan walin yeroo madaalamu gadi aanaa ta'uunsaa sababa isa lammataa akka ta'e hima.

"Kunimmoo omishni (biiraa boqqoolloo) gabaarratti yoo bahe bu'aa guddaa irraa buufachuun ni danda'ama," jedha.

Maallaqni boqqoolloorraa biiraa omishuuf bahu kan garbuutiin gadi ta'uun dabalataan haalli hojiisaas salphaa ta'uu dubbata.

Yaada gara hojiitti hiikuuf

Bara 2020ti wayita weerarri dhibee Covid-19 adeemsa baruu barsiisuu gufachiisetti barataa Ermiyaas Waaqshumaa garuu yaada yeroo dheeraaf sammuusaa keessa ture gara hojiitti hiikuu eegale.

"Jalqaba yunivarsiitii keenyaaf pirojektii akkasii hojjechuun qaba jedhee galche. Yunivarsiitiinis yaada koo kana gammachuudhaan fudhatee akkan hojjedhuuf laboraatoorii keessatti haala naaf mijeessan," jechuunis jalqabbii hojiisaa hima.

Barataa Ermiyaas Waaqshumaa

Laaboraatoorii Yunivarsiitii Saayinsiif Tekinoloojii Finfinnee (AASTU) keessattis biiraafi wiskii sadarkaa yaaliitti liitira tokkoo hanga sadii ta'u hojjechuu eegale.

"Isa booda yeroo milkaa'uu jalqabu dhaabbata Heyinikan bira deemee bifa indaastirii keessatti hojjetamuu danda'urratti yaalee milkaa'e. Hanga liitira 100 hojjennee omisha keessa galuu kan danda'ufi qulqullinnisaa bareeda kan ta'e omishuu danda'e," jedha.

Barataan kun adeemsa qorannoo biiraafi wiskii boqqoolloorraa omishuuf taasisaa ture keessatti hanqinni maallaqaa rakkoo guddaa itti ta'e akka ture hima.

Barataa Ermiyaas Waaqshumaa waggaa tokko booda barumsasaa erga xummuree booda biiraafi wiskii isaa bal'inaan omishuun gabaaf dhiyeessuuf karoora akka qabus BBC'tti himeera.

Kanaafis yeroo ammaa qorannoo gabaa taasisaa jiraachuu himeera.