Waraana Yukireeniif Raashiyaan itti hin gaafatamtu - Puutin

Puutin

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Waraana Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiruu Raashiyaan akka itti hin gaafatamne Viladmir Putiin ibse.

Puutin kana kan jedhe qondaalota waraana biyyattii ergaa kara foddaa televizhiinii dabarseen yoo ta'u, biyyoonni lamaanuu "rakkoo keessa jiru" jechuun ammayyuu "Yukireen fi nuyi obbolaadha" jedhuun dubbate.

Jalqaba ji'a Guraandhalaa Puutin loltoota 200,000 gara Yukireenitti erguun weerara gaggeesse.

Waraana kanaaf sababni "tarsiimoo biyyoonni sadaffaan gaggeessaniidha" jechuun dubbate.

Waraana Yukireenif sababni dhiibbaa biyyoonni Lixaa gaggeesaniidha kan jedhu biyyoonni lixaa hin fudhatan.

Ergaa karaa TV dubbateen, biyyoonni lixaa Yukireen irra jalqabee biyyoota Gamta Sooviyeetii booda biyya ta'an ilaalcha isaanii akka jiijjiirratan "brainwashed" godhaniiru jedhe.

"Yukireen wajjin waggoota dheeraaf liqiifi anniisaa gatii salphaan dhiyeesafii ollummaa gaarii uumuuf yaalaa turre, garuu sun hin taane," jedhe.

Sodaan biraa Puutin qabu NATOn naannichatti hundee jabeeffata kan jedhuudha. NATOn gaafa hundaa'u kaayyon isaa Waraana Addunyaa 2ffaa booda babal'ifannaa daangaa Raashiyaan taasiftu dura dhaabbachuudhaf.

Biyyoonni dur qaama Gamtaa Soviyeetii turan amma miseensa NATO ta'uun isaanii nageenya koof yaaddeessaadha jetti Raashiyaan. Puutin haasaa taasiseen: "Waanti komatamnuuf tokkoyyuu hin jiru. Yukireen akka obbolaatti ilaalaa turre, ammas akkasumatti yaanna.

"Waanti amma ta'aa jiru gaddisisadha, garuu balleessaa keenya miti," jedhe.

Raashiyaan ji'a Onkoloolessaa irraa kaasee misaa'eloota 1,000 fi dirooniwwan Iraaniin Yukireen irratti haleellaa gaggeessiteetti.

Haleellaa bu'uuraalee misoomaa kanneen akka madda anniisaa irratti xiyyeeffateen nammooni miliyeenatti lakaa'aman elektirikii osoo hin argatin jiru.

Bara haaraa faranjootaa kanattis "oppireeshinii waraana" ittuma fufanii akka gaggeessan qondaalonni waraana Raashiyaa ni dubatu.

Jalqaba yerooRaashiyaan waraana kana eegaltu, loltota gahuumsa qaban qofatu irratti hirmaata jedhee ture Puutin.

Garuu Fulaana keessa loltooni humna eeggataas akka irratti hirmaataniif ajaja laate.

Gama biraan ammoo pirezidaantin Yukireen Volodmir Zeleniskiin daawwannaf Washingtan galuun Joo Baayidan wajjin wal arganiiru.

Joo Baayidan "Yukireen yoomiyyuu taanan qophaa ishee hin taatu" jechuun waadaa galeefira.

Hanga waraanichi xumuramutti US deeggarsa ishee Yukireenif gochuu akka itti fuftu irra deebin waadaa galeeraf.

Paakeejii deeggarsaa dolaara biliyeena 2 tin alattis deeggarsa dabalata dolaara biliyeena 45 Yukireenif gochuuf akka jirtu US beeksifte turte.