Zeleniskiin waraana Yukireenii as yeroo jalqabaaf UStti qajeelan

Madda suuraa, EPA
Pirezidaantin Yukireen Volodmir Zeleniskiin pirezidantii US Joo Baayidan wajjin wal arguuf gara UStti imalaa akka jiran beeksisan.
Erga Raashiyaan Yukireen weerartee as dawwannaan kun isa jalqabaati jedhame.
US gama isheen daawwannaan kun dhugaa ta'uu himuun, deeggarsa meeshaa waraanaa Yukireeniif akka itti fuftus beeksifteetti.
Keessumaa misaa'ela farra haleellaa qilleensarraa baay'ee ammayyaa Paatiroot jedhamu Yukireenif akka gumaachitus himteetti Ameerikaan.
Kaayyon deeggarsa misaa'ela Paatroot kanaa ammoo dandeettii ittisa haleellaa qilleensarraa Yukireen cimsuuf akka ta'es ibsiteetti.
Raashiyaan erga Yukireen weerartee amma guyyoota 300 guuteera.
Zeleniskiin daawwannaa Washingitanitti taasisu kanaan Kongiresii Ameerikaa irratti haasaa ni taasisa jedhame. Dhimmoota biroo heddu irrattis ni mariyatanis beekameera.
Zeleniskiin deemsa isaa kana ilaalchisee, "Dandeettii waraana Yukireen cimsuudhaf gara US imalaan jira" jechhuun fuula tiwitara isaa irratti barreesse.
Zeleniskiin yeroo heddu aangawoota biyya alaa magaala guddoo Yukireen Kiivitti simachuun haasofsiisa malee biyyoota birootti daawwannaa hin taasisne. Yeroo kaan ammoo adda waraanaa deemun loltoota jajjabeessa.
Amma gara US deemuf murteessun isaa barbaachisummaa walitti dhufeenya biyyoota lamaanii kan agarsiisudha jedhama.
Weerara Raashiyaan gaggeessite kana irratti Yukireenif deeggarsa meeshaa waraanaa guddaa kan gumaache US dha.
Deegggarsi misaa'ela Paatiroot US amma Yukireenif dhiyeessuf jirtu ammoo haleellaa Raashiyaan bu'uuraalee misoomaa Yukireen irratti gaggeessitu qolachuuf kan gargaarudha.
Raashiyaan haleellaa dhiyeenya kana gaggeessituun bu'uuraalee misoomaa kanneen akka buufata anniisaa haleeluu irratti xiyyeeffachuun magaalota Yukireen heddu tajaajila elektirikaan ala gootetti.
Daawwannaan Zeleniskii kun osoo hin ibsamin dura US deeggarsa waraanaa biliyeena 2 ta'u Yukireenif akka kennitu beeksiftee turte.
Bara 2023tti US deeggarsa dabalataa dolaara biliyeena 40 Yukireenif kennamu mana maree eeyyamsiisuf hojjataa akka jirtutu beekame.
Erga waraanni eegalee as US deeggarsa waraanaa kallattiin Yukireenif kennuudhan kan US dursu hin jiru.
Pirezidaantin Yukireen Volodmir Zeleniskiin deeggarsi dabalataa akka biyyattii barbaachisu eerun waraanni kun ji'atti baasii dolaara biliyeena 5 akka isaan baasisaa jiru ibsee ture.
Oduun gara Washingtan deemaa jiraachuu isaa kan dhagahame adda waraanaa magaala Bakhmut jedhamutti daawwannaa tasaa taasisuun loltoota Yukireenif medaaliyaa kennee erga jajjabeessee guyyaa tokko booda.

Madda suuraa, Reuters
Guyyaadhuma Zeleskiin adda waraanatti argamuun loltoota jajjabeessaa turetti, pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmir Puutin ammoo Kirimiliinitti qondaalota waraanaa lola irratti hirmaataniif badhaasa kennaa oole.












