Ameerikaatti atileetonni bebbeekamoo miidhaa saal-qunnamtiin walqabate FBI himachuuf

Madda suuraa, Getty Images
Atileetonni dubartootaa gareen hakiimii ispoortii Jiminaastikii Biyyaalessaa US miidhaa saal-qunnamtii nurraan gaheera jedhan FBI nuuf hin qoranne jechuun maallaqa $1bn ta'uuf himachuuf jiru.
Dubartoonni himannaa dhiyeessan kunneen Biiroon Qorannoo Ameerikaa FBI qorannoo yakka miidhaa saal-qunnamtii ogeessa fayyaa Laarii Naasaar raawwateef ragaaleen amanamoo ta'an dhiyaatanillee sirnaan hin keessumsiine jedhan.
Kanneen himatan keessatti badhaafamtoota medaaliyaa warqee Olompikaa, Simoon Baayilis, Alii Reeyismaaniifi maakeeyilaa Maaroniin ni argamu.
Doktora Laarii Naasar, atileetota Ispoortii Jiminaasitikaa haleellaafi miidhaa saal-qunnamtii geessisuun waggaan 175 itti murtaa'ee hidhaa jira.
Tiksaan olaanaa FBI gama isaatiin waa'ee doktorichaa himannaa dhiyaate xiyyeeffannoo malu kennuufii dhabuufi jalqabbii qorannichaa irratti ammoo dogongorri dalagamuu saaxilaniiru.
Bara darbe keessa hawwiin eegamaa kan ture gabaasni Inispektara Olaanaa Qajeelcha Haqaa Ameerikaa, qorannoo FBI doktaricha irratti taasise gamaggameera.
Akka gabaasichaatti miidhaa doktorichI bara 2015 keessa raawwateera jedhamuun irratti qorannoon jalqabamullee osoo waan tokkollee hin taasifamiin waggaa tokkoof akka turu taasifameera jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanaaf ammoo, bakka buutonni FBI dogongora raawwachuun, akkasumas beekaa ta'e jedhanii dhoksuuf akka barbaadan akeekeera gabaasichi.
Ega FBItti gabaafamee booda doktarichi miidhaa saal-qunnamtii akka isaanirraan gahe himattoonni ifa godhaniiru.
Qaama sagantaa Jiminaastikii Biyyaalessaatti, akkasumas kilinika doktorichaa Yuunivarsiitii Michigaan keessatti argamutti atileetonni fayyadaman hedduudha.
Qorattoonni FBI gabaasni qaqqabe qorannoo hangas mara jedhame akka hin fudhanneefi gama qorannoo gaggeessuutiin sochii kamillee hin taasifne.
Kana malees, aanga'oota biroos hin akeekkachiifne jedhameera.
"Miidhaawwan saal-qunnamtii kanneeniif kan saaxilamne nuti atileetonni dhaabbileen nuuf eegumsa gochuun isaanirra jiraatu, jechuunis Koree Olompikaa Amererikaa, Jiminaastikii Ameerikaa, FBI, akkasumas Qajeelcha Haqaatiin ganamneerra," jechuun badhaafamtuun warqee Olompikaa Keeyilaa Maaronii ibsa kenniteen dubbatteetti.
Torbanoota lamaan dura Qajeelchi Haqaa Ameerikaa FBI'n qorannicha karaa dogongora ta'een qabataniiru kan jedhaman bakka buutonni FBI qorannoon akka irratti gaggeeffamu murteeseera.
Atileetonni himata banan kunneen dhaabbatichi miidhaa qaqqabsiiseef beenyaa kan gaafatan yoo ta'u, kunis dolaara biliyoona 1 ol akka ta'u ni eegama.














