Miseensi mana-maree UK dubartii gudeeduun shakkame to'atame

Paarlaamaa UK

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Yunaayitid Kingdom (UK)tti Paartii warra leellisitootaa (Conservative) ta'uun minseensi mana-maree maqaan isaanii hin ibsamiin tokkoo yakka dubartii gudeedduufi qoccoollaa saalaatiin shakkamuun to'annaa jala oolfamuun ibsame.

Poolisiin Meetropolitaantii akka jedheetti, shakkamaan yakka kana kan raawwate bara 2009- 2002 jidduu jiranitti.

Paartiin miseensa mana-maree kanaas dhimmichi qoratamee hanga xumuramuutti namtichi paarilaamaa akka hin galleef dhorkeera.

Namni kunis amantaa irra kaa'ame diiguun, akkasumas waajjira ummataa keessatti waan hin mallee raawwachuun himatamaniiru.

Dubbi Himaan Poolisii namni kun miseensa mana-maree ta'uu ykn eenyyummaa isaa ilaalchisuun kan jedhe waayyu hin turre. Haata'u malee, ''haala gabaasa Amajjii 2020 nu qaqabeen bara 2009- 2020 jidduutti yakka guddeeduu raawwachuun isaa nu qaqqabeera,'' jedhan.

Haaluma gabaasa isaan qaqabbeenis miidhaawwan jedhaman kunneen kan raawwataman magaalaa Landan keessatti ta'uun ibsameera.

''Namni shakkamaan kunis guddeeddii raawwachuun, qoccoollaa saalaafi miidhaa saalaa-qaqabsiisuun, akkasumas amantaa irra kaa'ame cabsuu waajjira ummataa keessatti gochaa hin mallee raawwachuun shakkamuun to'annaa jala oolfame'' jechuun himan.

Kutaan Naamuusa Paartii warra Leelliftootaa akka jedheetti, qorannoon namticha irra gaggeeffamaa jiru hanga xumuramuutti gara paarlaamaa akka hin galleef dhorkameera.

Dubbii Himaan Kutaa Naamusa Paartichaa, ''Qorannichi osoo hin xumuramiin shakkamaan gara Paarilaamaa akka hin galleef paartichi beekisiseera. Qorannichi hanga xumuramuutti dhimmicharratti odeeffannoo dabalataas hin kenninu,'' jedhan.

Poolisiin akka jedheetti, qorannoon gaggeefamaa jiruu kunis qondaaltoota Kutaa Yakkaa Ispeshalistii Jidduugalaatiin ta'u hime.