Shamarran Filisxeem erga abbaansaanii hidhamee dhalatan waggaa 22 booda abbaasaaniitiin wal argan

Guyyaa Kamisa kaleessaa Amajjii 30, 2025 Hamaas namoota bute keessaa saddeet gadhiisus Israa'el akkaataa waliigalameen Filisxeemota hiitee turte yeroodhaan gadhiisuu hin dandeenye.
Barfannaan Israa'el kun warra Filisxeemiif muddama cimaa ture. Boodarra Filisxeem mana hidhaa Israa'el turan 60 ta'an gara Raamaalaa wayita deebi'an miirra gammachuu fi jaalalaan simataman.
Kanneen hiikaman keessaa tokko ga'eessa umrii waggaa 47 Huseen Nassar. Waggaa 22 booda ifatti ba'ee walabummaa akkanaa arge.
Huseen Nassar bara 2003 warraaqsa Filisxeem lammaffaa- Second Palestinian Intifada keessatti qooda fudhatte jedhamuun hidhame.
Raamaalaatti ijoolleensaa yeroo jalqabaaf isa argan. Hidaayaan umriinshee waggaa 22, obboleettiinshee Ragaad waggaa 21.
Shamarran lameenuu uffata aadaan faayamanii miira addaan abbaasaanii waggoota kurna lamaaf osoo hin argin turan simatan.
Ragaad abbaasheen walga'uun dura akkas jettee turte: ''Yeroo jalqabaaf abbaa koo argee harkaan qabee itti haasa'uufin deema. Nan haammadha. Miira kiyya ibsuun natti ulfaata.''
''Wayita Israa'el abbaa kiyya hiitu haati kiyya ana garaatti baatti. Abbaa qabaachuun maal akka fakkaatu yeroo jalqabaaf baruu kiyya,'' jette.
Akkaataa waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hamaas fi Israa'el gidduutti irra ga'ameen Israa'el Filisxeemota 110 hiitee turte gadhiisteetti.
Dubartoonni fi daa'imman kanneen gadhiifaman keessa jiru. Namni umrii xiqqaa waggaa 15.
Hedduunsaanii yakkoota sasalphoodhaan hidhaman, kaan seeraaniyyuu hin himatamne, kanneen osoo itti hin murtaa'in hidhaa turanis hedduudha.
Hidhamtoonni 21 garuu yakkoota ciccimoodhaan himatamanii turan.
Yakka ajjeechaa dabalatee yakkoota suukanneessoo ta'aniin kanneen himatamanii turan gadhiifamanis garuu gara iddoo jireenyaa daangaa Filisxeem keessaa qabaniitti akka deebi'an Israa'el hin eeyyamneef.
Garuu gara Masrii yookiin biyyoota ollaa kaaniitti akka baqatan eeyyamameeraaf.

Madda suuraa, Reuters
Buleessi Filisxeem Zakariyaa Zubeeyidii jedhamu Israa'eloota hedduu ajjeesuun himatamus, garuu biyyaa akka ba'u hin taasifamne.
Filisxeemonni ammallee Israa'el nagaa hin barbaaddu jechuun komatu.
Kutaalee Raamaalaa fi El Bireh jedhamanitti hooggantuu kan taate Dr Layilaa Abuu Ganaam, ''Israa'eloonni nagaa hin fedhan. Garuu abdii hin kunnu. Osoo abdii kunnee Filisxeem waggaa 75 dura dhabamti ture,'' jette.
Akkaataa waliigaltee dhukaasa dhaabuu amma hojiirra oolaa jiruun hidhamtoota Filisxeem butamtoota Israa'el waliin wal jijjiiruuun marsaan itti aanu Sambata kana ni raawwatama.












