Tiraamp Masrii fi Joordaan lammiilee Filsxeem Gaazaa keessaa akka baasaniin barbaada jedhan

Madda suuraa, Rooyitars
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Masrii fi Joordaan lammiilee Filsxeem Gaazaa ''bakka diigamee''keessaa akka fudhataniin barbaada jedhan.
Sambattan kanaa Tiraamp mootii Joordaan Abdullaahitti bilbiluun:"Akka kana caalaa fudhattaniin fedha, sababiin isaas yeroo ammaa kana guutummaa Gaazaa ilaalaan jira, rakkoo hamtuutu jira'' jedhan.
" Dilbata dhuftu Pirezedantii Masrii akkasuma gaafachuuf karoorfachuu dubbatan.
Tarkaanfiin kun ''yeroo muraasaaf ykn ''yeroo dheeraa ta'uu danda'a'' jedhan.
Hamaas tarkaanfii akkanaa kamiyyuu akka mormu dhaadateera, yaadni kun lammiilee Filisxeem Gaazaa keessa jiran kanneen akka qe'ee akaakileesaanitti ilaalan dheekkamsiisuun waan hin oolle.
"Ummanni keenya Filisxeem Gaazaa jiraatan ji'oota 15'f du'aa fi mancaatii dandamatee otoo lafasaarraa hin baqatiin ture.
Kanaaf, akkuma US jettu, Gaazaa deebisanii ijaaruu yaada jedhuuf affeerraa Pirezidant Tiraamp ibsan otoodhuma fala ta'eellee hin fudhatan" jechuun miseensi biiroo siyaasaa Hamaas Baasem Naayim BBC'tti himan.
"Ummanni keenya akkuma waggoota kurnan darban keessatti karoora buqqaatii fi biyya biraa nuuf qopheessaan hunda fashaleesse, karoora kanas ni fashaleessa," jechuun dubbatan.
Jiraattonni Gaazaa miliyoona lamaa keessaa harki caalaan isaanii lola Israa'el waliin ji'oota 15'f gaggeeffameen buqqa'an, kunis bu'uuraalee misoomaa Gaazaa baayyeen diigameera.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii kanaan dura ijaarsi bu'uuralee misoomaa gGaazaa keessaa %60 miidhamuu ykn barbadaa'uu ibse.

Madda suuraa, EPA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bu'uuralee misoomaa kana deebisanii ijaaruun waggoota kurnan lakkaa'amu fudhachuu danda'a jedhe jaarmiyaan kun.
Tiraamp yaada kana kan kennan xiyyaara keessatti gaazexeessitootatti wayita dubbatani. "Ati waa'ee namoota miliyoona tokkoo fi walakkaa ta'uu haasofta, nutimmoo hundasaa qulqulleessina" jedhan.
"Wanti hundi jechuun dandeenya diigamee, namoonni achitti du'aa jiru. Kanaafuu biyyoota Arabaa muraasa waliin bakka tarii jijjiiramuuf nagaan jiraachuu danda'anitti mana jireenyaa ijaaruufitti hirmaachuun barbaada."
Tiraamp yaada dhihaate kana ilaalchisee ibsa dabalataa kan hin kennine yoo ta'u, dhimmi kun waamichaqondaalli Waayit Haawus dubbise keessatti hin eeramne.
Namni qe'eerra buqqa'e magaalaa kibbaa Gaazaa Kaan Yuunis keessa jiru Abu Yahyaa Rashiid waa'ee yaada Tiraamp kennee gaafatamee akka jedhe,:
"Hiree keenyaa fi waan barbaannu kan murteessu nuyi. Lafti kun seenaa keessatti kan keenyaa fi qabeenya abbootii keenyaati. Reeffa keenyatu baha malee nuti hin baanu" jedhe.
Imaammanni dantaa alaa Ameerikaa waggoota kurnaan darbanii biyya Filisxeem hundeessuuf hojjataa ture.
Kana keessa Gaazaan qaama ijoo taateedha.
Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaniyaahuun garuu kana fudhachuu didan.
US kanaan dura Filisxeemota Gaazaa ykn West Baankii keessaa humnaan buqqisuu akka mormitu ibsite turte, Ministirri Dhimma Alaa duraanii Ameerikaa Antonii Bilinkan bara darbe : "Gaazaa gadhiisanii bahu hin qaban, akka bahaniif dhiibamuus hin qaban" jedhanii turan.
Baqattoonni Filisxeem miliyoona lamaa ol ta'an Joordaan keessa jiraatu, irra caalaan isaanii lammummaa biyyattii argataniiru jedha Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii.
Filisxeemonni 750,000 tilmaamaan waldhabdee hundeeffama Israa'eliin walqabatuun dur qe'ee isaanii baqatanii turan.
Filisxeemonni kumaatamaan lakkaa'aman erga waraanni Israa'el waliin jalqabame gara Masriitti kan baqatan yoo ta'u, achitti garuu akka baqattootaatti beekamtii hin argatan.
Bara 2023 Pirezidantiin Masrii Abdul Fattaa al-Sisiin Filisxeemota humnaan gara Siinaatti godaansisuu morman, furmaanni jirus biyya walaba taate Filisxeem hundeessuu qofa ta'uu dubbatan.












