Haadha si’a afur haleellaa xiyyaaraa Israa’el jalaa ooltee garuu ijoolleeshee dhabde

Rihaab Faawur si’a afur manasheerraa baqatteetti.
Jalqaba kan baqattee wagga tokko dura ture. Haleellaa xiyyaaraa Israa’el jalaa irra deddeebiin baqqattullee jalaa ba’uun salphaa hin turre.
Libaanos keessa bakka kamiyyuu nageenyi amansiisaan hin turre
Haleellaa xiyyaaraa Israa’el raawwatte kun mandara dubartiin umuriin ishee waggaa 33 ta’eefi abbaan warraashee waliin jiraatanitti heddummate
Abbaan warraashee kun tajaajila bishaan mana qopheessaa magaalaa keessa ture.
Haleellaan qilleensaa sun yeroo raawwatamutti ijoollee kan wagga saddeetii Tiya fi kan waggaa ja’aa Naayaan qabatanii bakka Beerutti dhiyoo jirtu Daahihitti baqatan.
Mana maatii Rihaab keessa dahatanii turan. Ijoolleen isaanii hiriyyootasaanii yaadaa turan. Manni isaan gatanii deemaniifi meeshaasaanii ittiin taphatan ni yaadu ture.

Mana barumsaa deemuu dhiisanii karaa oonlaayiniin barachuu jalqaban. Yeroo muraasaan booda garuu mana barumsaa haaraatti galmaa’an.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Uffanni danbii (yunifoormiin) bitameefii baranootaaf osoo qophaa’aa jiranii Israa’el magaalaa Beerutitti dhiyoo kan jirtu Daahiih (bakka isaan itti baqatanii qubatan) xiyyaaraan haleeluu jalqabde.
Hoggantoonni Hezboollaah yeroo ajjeefamanitti haleellaan manneen barbadeessan raawwatamaa turan.
Haleellaa Israa’eliin gamoowwan manca’aniiru. Magaalota keessa socho’uunis hin danda‘amu ture.
Maatiin Rihaab gara naannoo Jaanaahitti baqatan. Maatii abbaa warraashee Sa’id waliin jiraachuu jalqaban.
Mana-tokko keessa namoota 17 ta’anii jiraatu ture.
Tiyyaa fi Naayaan ijoollee adaadaafi eessumaa walin jiraatan.
Qondaala waraanaa duraanii Libaanos kan ta’e abbaan Sa’id mana kireessaniifillee isaan garuu achuma turuu filatan.
“Maatii keenya walin akka turru ijoolleen kiyya na kadhatan. Gara mana haaraa deemnee isaan booda gara mana maatiitti akka deebinu isaanitti himne,” jetti haati isaanii kun.
Ijoollee kana sossobuuf jecha ijoolleen irbaata filatan akka kennaniif waliigalan. Lukkuu nyaatanii, meeshaa ijoolleen ittiin taphatan bitamee mana bakka wiirtuu magaalaa Beerutitti argamtu Baastaatii kireeffatanii deeman.
Bara 2006 waraanni Israa’elfi Hezboollaah kan gaggeeffame naannawaa kibba Libaanositti ture. Bu’uuraaleen misoomaa ammaa irratti xiyyeeffatamee ture.
Waraana ammaa kanaan garuu aanga‘oota Hezboollaah biyyattii keessa bakka garagaraa jiran irratti xiyyeeffachuuf jecha bakka garagaraatti haleellaan qaqqabeera.
Naannawaa Beerut kanaan dura irratti xiyyeeffatamee hin turre amma haleelameera.
Tiyyaa fi Nayaan mana haraatti galan. Manni haaraan akka mana akaakayyoota isaanii osoo hin taane bishaaniifi ibsaa kan qabudha.
Rihaab fi Sa’id xiqqoo tasgabbaa’an. Sagalee diroonii Israa’el dhaga’uun isaanii garuu hin hafne.
“Nyaata dhiyeessinee nyaachaafi kokkolfaa turre. Wantan dhumaa yaadadhu sana ture,“ jetti Rihaab.
Gamoon keessa jiraatan boombiidhaan haleelame.
Boombii Ameerikaan hojjette Jiidaam halkan keessaa naannoo sa’aatii lamaa irratti ture manni isaanii kan rukkutame.
Manni naannawaa manasaanii jiru barbadaa’eera. Dubartootaafi daa’imman dabalatee namoonni 22 ajjeefamaniiru.
Haleellaa giddu-gala Beerut keessatti raawwate keessaa isa hamaadha.
Waraanni Israa’el akeekkachiisa waan hin kennineef namoonni gamoo sana keessa turan hin baane.
Israa’el kan irratti xiyyeeffatte dursaa qindeessaa garee Hazboollaah kan ta’e Waafiq Saafaa akka ta’e ibsiteetti.
Namoota du’an ykn haleellaa sanarraa hafan keessa garuu Waafiiq hin jiru. Jalqabumasaayyu achi jiraachuun isaa kan mirkanaa’e hin turre.
Israa’el maaliif dursitee akeekkachiisa hin kennine gaaffii jedhurratti yaada hin kennine.
Rihaab kan of barte Hospitaala Zhaaraa galteeti. Socho’uu hin dandeessu ture. Yoo xiqqaate wallaansa baqaqsanii wallaanuu lama akka ishee barbaachisu itti himame.
Xiqqoo xiqqoo qofa of beekti ture. Yeroo ijoolleeshee waliin kokkolfaa irbaata nyaachuuf jedhan sun isheetti yaadatama.

Maatiin ishee hospitaala garagaraarra deemanii ishee barbaadaa turan. Boodarra abbaa warraashee Sa’idii fi ijoolleen ishee Tiyyaafi Naayaan du’uu isaanii barte.
Miidhaan cimaa waan irra gaheef eenyummaan isaanii kan barame qorannoo qaccee sanyiitiin ture.
Maatiin waa’ee du’a ijoolleesheefi abbaa warraashee Rihaabitti akka hin himneef hakiimiin isaan akeekkachiise.
Abbaan warraahseefi ijoolleen ishee hospitaala biraatti akka wallaanamaa jiranitti haatishee Baasiimaan isheetti himte. Torban lamaaf hospitaala turte.
Rihaab garuu wanti ta’e akka uumamee ture qalbiin ishee itti himeera.
“Qalbiin ishee baruu hin oolle,“ jetti haatishee Baasiimaan.

Guyyaa 15 booda abbaan warraasheefi ijoolleen ishee akka du’an ogeessi xiin-samuu Rihaabitti hime.
Torban ja’aan booda Rihaab mana jireenyaa Beerutitti argamu keessa qofaa qalbii cabdee jirti.
Wallaansa baqaqsanii yaluurraa ammallee dandamachuutti jirti. Dugdasheefi hirree isheerra wallaansi baqaqsanii yaalii taasifameeraaf.
Deemuudhaaf ni yaalti.Sa’aatii dheeraa ni rafti ykn ni teessi. Wanti hunduu ishee dhukkuba.
Guyyaan dhalootaa wagga saddetteffaa Naayaa erga darbee guyyaa afur ta’eera.
“Yookaan nan boo’a, yookaan ammoo nan raffa,” jetti Rihaab.
“Naayaan eessayyu yoon deeme na hordofti. Tiyyaan ammoo akaakayyootashee baayyee jaallatti. Isaan waliin yeroo jiraannu baayyee gammadduu turte. Ijoolleen koo suura kaasuu jaallatu ture.
Meeshaa ijoolleen ittiin taphataniin taphachuus ni jaallatu. Mana barumsaa deemuun yeroo dhaabatetti,mana barumsaa deemuu yaadne jechaa turan. Akka barsiisaafi barataa ta’uun sa’aatii dheeraaf taphachuu jaallatu ture,” jechuun miira gaaddaan yaadatti.

TikTokirratti ana waliin viidiyoo daawwachuun isaan gammachiisa ture.
Rihaab fi Sa’id yeroo ijoolleen isaanii shubbisan viidiyoo waraabu ture. Ijoolleen isaanii umuriin isaanii waan hin geenyeef viidiyoowwan sana TikTok irratti gadhiisuu baatanis waraabanii kaa’u ture.
Rihaab kan guddatte magaalaa Beerut keessattidha. Sa’id waliin kan wal barte ammoo osoo maatiishee waliin naannoo Maayis al-Jabaal jedhamu daawwachaa jiranitti ture.
Bara 2013 karaa hiriyyootasheetiin wal baran. Seeraan digirii jalqabaa qabattee digirii lamaffaa barachuuf osoo qophiirra jirtuu ture Tiyyaan kan dhalatte.
Amma gaddaan cabdeetti.
“Amma waanan guyyaakoo irratti dabarsu na barbaachisa,“ jetti. Mana barumsaatti deebiyuu yaadaa jirti.

Kan abbaa warraafi ijoollee Rihaab awwaale abbaafi eessumman isheeti. Saanduuqa mukaayeroofii ta’e bitanii Daahiih keessatti isaan awwaalan.
Obbolaan kana yaadachuuf awwaala isaaniirra abaaboon dhaabameera.
Osoo baayyee hin turiin Israa’el naannawaa sanatti haleellaa xiyyaaraan raawwatte. Sababa kanaan bakka awwaalchaarra miidhaan gaheera. Mana maatii Rihaabitti dhiyoottis haleellaan biraa raawwatameera.
Rihaab uffata danbii mana barumsaa ijoolleesheetiif bitte gatuu hin barbaaddu.
Torban darbe Israa’elfi Hezboollaah gidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasifamuu hordofee jiraattonni gara mana jireenyaa isaanii jijjigetti deebiyaa jiru.
Mandarri Rihaab fi Sa’id baayyee miidhameera.
Lammileen Libaanos waliigaltee dhukaasa dhaabuu taasifamuusaatti gammachuusaanii ibsachaa jiru.
Rihaab gara manasheetti deebiyuu hin barbaaddu.
Abbaan warraashee Sa’idiifi ijoolleen ishee lamaan Tiyyaa fi Nayaan kan ajjeefaman haleellaa xiyyaaraa Israa’el Waafiiq Saafaa ajjeesuuf jettee raawwateenidha.
Waafiq Saafaan garuu ammallee lubbuun jira.












