Daandiin Qilleensa Itoophiyaa wantoota ijoo balalii Asmaraa addaan kutuuf isa dirqan ibse

Madda suuraa, Getty Images
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Ertiraatti taasisu adda kutuuf sababoota isa dirqe keessaa tokko maallaqa biyyattii keessaa qabu akka hin sochoosne dhorkamuu isaa akka ta’e ibse.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa waggoota jaha booda guyyaa har’aa eegalee bararii gara Asmaraatti taasisu dhaabuuf dirqamuu isaa beeksiseera.
Balaliin gara Asmaraa erga waggoota 20'f addaan citee booda bara 2018 ture biyyoonni lamaan araara erga buusan booda kan eegale.
Hogganaan Olaanaa dhaabbatichaa Obbo Xaasaw Masfin ibsa har’a miidiyaaleef kennaniin dhaabbatichi maallaqa baankii Asmaraadhaa qabu akka hin sochoofne dhorkamuu ibsan.
Murteen Daandii Qilleensa Itoophiyaa dhagahamuun dura aangawoonni Ertiraa Fulbaana 30, 2024 eegalee xiyyaarichi gara Asmaraa imaluu akka dhaabu ibsanii turan.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa garuu guyyaa ka’ame dursee ‘’haala mijaa’aa hin taane Ertiraa keessa isa mudatee'' fi ''to’annoo isaa ala ta’eerra’’ kan ka’e addaan kutuu isaa ibse.
Baatii Adoolessa keessa Sivil Aviyeeshiniin Ertiraa maallaqa dhaabbatichi baankii Ertiraa keessaa qabu gara Itoophiyaa akka hin fudhanne dhorkuu isaa baankiirraa dhagahuu isaanii Obbo Masfin dubbataniiru.
''Ji’a tokko darbeef maallaqa baasuu hin dandeenye. Baankichi akka hin baafne dhorkamtanittu nuun jedhe. Baankichi Siviil Aviyeeshinii Ertiraan akka biyyaa hin baane dhorkameera jedha,’’ jechuun dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haa ta’u malee, sababa dhorkameef Sivil Aviyeeshinii Ertiraaf gaaffiin irra deddeebiin dhiheessan deebii osoo hin argatiin akka hafe dubbatan.
‘’Hagayya 31 galii gurgurtaarraa argame galchuuf yeroo deemnu herreegni baankii keessan guutummaan guututti dhorkameera. Galchuu malee baasuu hin dandeessan nuun jedhan,’’ jechuun dubbatani.
Maallaqa Ertiraadhaa baasuu dhorkamuu qofa osoo hin taane Ertiraattti tajaajila akka hin arganne dhorkamuun hojii dhaabbatichaaf rakkoo jabaa uumuu dubbatan.
‘’Daandiin Qilleensaa qajeelummaan imaltoota Ertiraa tajaajiluuf carraaqeera. Haa ta’u malee, deebii gaarii waan hin arganneef addaan kutuuf dirqamneerra. Kanaanis baay’ee gaddineerra,’’ jedhan.
‘’Imaltoonni keenya maamiloota isaan kabajnudha. Sababa kanaan ni danqamu,’’ jechuun kanneen dursanii tikkeeta bitaniif maallaqi isaanii guutummaan guututti akka deebi’uuf beeksisaniiru.
Obbo Masfin guyyaa har’aa ibsa kennuun dura Daandiin Qilleensa Itoophiyaa guyyaa kaleessa ibsa baasen balalii akka dhaabuuf jedhuufi kanaanis ‘gadduu’ beeksisee ture.

Madda suuraa, AFP
Sivil Aviyeeshiniin Ertiraa ibsa kana dura baasen sababa xiyyaara Itoophiyaa gara Asmaraa akka hin balaliine dhorkeef tarreessee ture.
Siviil aveeshiniin kuni ibsa gaazexaa Haddaas Ertiraa jedhamuurratti baaseen dhorkaa kana kan murteesse imaltoota Eritiraa irratti miidhaan ''qindaawaa fi malaan taasifamu'' irra gahuuni jedhe.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa adeemsa sirrii hin taaneen ''shaanxaa imaltootaa irratti hanna raawwateera,'' jechuun dabalataan balaliifi shaanxaan boodatti hafee qaqqabuu eeruun daandiin qilleensichaa imaltootaaf beenyaa osoo hin kaffaliin tureera jechuun himate.
Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Eertiraa murtee daandii qilleensaa kana dhorkuuf sababni murteesseef kan biraan gatiin tikkeettii balalii sababa quubsaa malee dabaluu isaati jedhe.
Baatii Adoolessa keessa mootummaan Ertiraa murtee dabarse hordofee Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Abbaataayitaa Sivil Aviyeeshinii Ertiraatii sababa akka gaafatu ibsee ture.
Osoo kuni kanaan jiruuti balalii addaan kutuun isaa kan ibsame.
Xiyyaroonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa torbanitti yeroo shan gara Asmaraatti balali’u ture.
Daandii Qilleensaa Itoophiyaan alatti, daandiiwwan qilleensaa Saawud Arabiyaa, Turkii fi Masrii idileen gara Asmaraatti balali’u.












