Baqataan Afrikaa Italiitti karaa irratti ajjeefamuun dheekkamsa kaase

Reefa namaa daandiirra ciisu

Madda suuraa, POLIZIA DI STATO/QUESTURA DI MACERATA

Maxxanfame

Baqataan Afrikaa gidduugala Italiitti guyyaa walakkaa haleelamee ajjeefamuun dheekkamsa kaaseera.

Dhalataan Naayijeeriyaa godaansaan biyyaa bahe, Italii magaalaa Siviitaanoovaa Maarshee keessatti daldala daandii irratti kan bobba'e yoo tahu, yeroo dhaanamu viidiyoon agarsiisu gaafa Jimaataa ture kan waraabame.

Viidiyoon namoota ta’ii kana argaa turaniin waraabamus yeroo namni kuni nama adiin lafatti gadi qabamee dhaanamu irraa qabuu hin yaalle jedhame.

Namni ganna 32 lammii Italii tahe saamichaafi ajjeechaan shakkamee to’annoo poolisii jala ooleera.

Viidiyoon haleellaa kanaa marsariitiiwwaniifi miidiyaalee hawaasaa Italii irratti bal’inaan kan qoodame yoo tahu- hawaasa kana argaa tures rifaasiseera, namoonni baay'ee warri ijaan argaa turanis ‘’hin oogneefi,’’ jechaa turan.

Haala ta’iin kuni itti mudate waan ifatti bekameee hin jiru.

Namni ajjeefame kuni Alika Ogorchukwu kan jedhamu yoo tahu nama bultiii qabuufi abbaa ijoollee lamaati.

Haati warraasaa Charity Oriachi, akkatti reeffa abbaa warraashee daandiirra ciisu itti agarsiisan yeroo miidiyaaleetti himtu imimmaan qabachuu hin dandeenye ture.

Waamicha haqaa

Gaafa Sanbataa miseensonni hawaasa Naayijeeriyaa dhibbaan lakkaa’aman magaalaa Sivitaanoovaa Maarsheetti daandiitti bahuun haqa nama kanaa gaafachaa turan.

Anga’oonni siyaasaa Xaaliyaanii illee haleellaa nama kanarra gahe balaaleffataniiru.

Enriikoo Leetaa, hogganaa Paartii Demookiraatii yoo tahan waan dhalate ‘’yaaddessaafi gaddisiisaa dha,’’ jedhe.

‘’Hammeenya hin dhagahamnee. Marartee dhabuun baay’ate. Ajjeechaa kanaaf sababni kennamu kan biraan hin jiru,’’ jechuu Tiwiitara isaa irratti barreesse.

Miseensi paartii biraa Maatiyoo Saalviinii du’a nama kanaan aarii qabu ibseera,’’eegumsa qabaachuun waan bifaan qoodamu miti,sirrachuu qaba,’’ jedheera.