Ingiliizitti ajjeechaa dargaggoo Ertiraan namoonni shan himataman

Madda suuraa, SBNA
Ingiliizitti dargaggoon Ertiraa waraanamee ajjeefamuu hordofee namoonni shan ajjeechaan himataman.
Reeffi dargaggoo Barakat Saloomun Adooleessa 7 ganama 1:30tti bosona naannoo Stevenage jedhamutti argamuu Poolisiin Hertfordshire himeera.
Namni biraa gargaaruun shakkamee to'atamee ture, yeroof gadhiifameera.
Dargaggoon ganna 20 Barakat waggootaan dura Ertiraarraa gara Ingiliiz kan dhufe yoo tahu, kolu galtummaa gaafatees raggaasifameefii ture.
Poolisiin naannoo kanaa namni odeeffannoo qabu kamuu, dhiyaachuun akka odeeffannoo kennan gaafatan.
Ajjeechaa dargaggoo kanaan namoonni himatni irratti baname: Jelaanii Omar, Robeel Misgaanee, Malaake Fissahaa, Tamasgan Gabramadin fi Naatinaa'el Hadiguu kanneen jedhaman oggaa tahan, umriinsaanii 18 hanga 23 keessa jiranidha.

Madda suuraa, SOUTH BEDS NEWS AGENCY
Gargaaraa Inspektaraa kan tahan Iain MacPherson waan jedhan: ''Maatii Barakat yeroo hamaa keessa jiraniif, gadda guddaa nutti dhagahame isaaniif ibsina.
''Qorannoon keenya sadarkumaan adeemaa jira. Kanneen shakkaman to'annoo jala oolchuun, himannis irratti banameera.
Haatahu malee, namoonnii dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa qabaniifi odeeffannoo amma dura poolisiitti hin kennine, ammallee akka nu qunnaman gaafanna.''












