Lammileen Ertiraa sanada imalaa osoo qabnuu kaampii naannoo Amaaraa keessatti 'hidhamne' jedhan

Madda suuraa, ACT OF SAMARITAN
Lammiileen Ertiraa dhibbaan lakkaa’aman sanada imalaa seera qabeessa ta'e otoo qabnuu buufata baqattoottaa naanoo Amaaraa keessatti akka sirreeffamtoota seeraatti ilaalamaa jirra,’’ jedhan.
Lammileen Ertiraa kunneen guyyoota muraasa dura dhimma amantiif gara Finfinneetti imalaa otoo jiranii buufata dawoo baqattootaa naannoo Amaaraatti argamu geeffamuu dubbatan.
Naannoo Amaaraa magaalaa Daabaat cinatti buufata baqattootaarra lammileen Ertiraa BBCtti akka himanitti, Gadaamii Sandaafaatti argamutti xabala dhiqatanii gara magaalaa Finfinneetti otoo deebi’anii Laga Xaafootti qabamanii gara buufata baqattootaa geeffaman.
Namoonni qabamanii buufaticha geeffaman baay'innisaanii 160 ta'u.
Ta'ullee, A.L.I Adoleessa 11, 2014 buufata baqattootaa sana keessaa namoonni 22 gadhiifamusaanii namoonni BBC’n dubbise himaniiru.
Namoonni buufata baqattoota sana keessa tursiifaman lammummaa biyyoota garaa garaa kanneen qabaniifi umuriin isaaniis akkasuma garaagaradha jedhu.
"Daa’imman , dubartoota biyya alaarraa maatii dubbisuu dhufan. Itoophiyaa keessa jiraachuuf eeyyama hin qabdan,’’ jechuun nutti himame jedha namni buufata baqattoota sana keessa jiru tokko.
Namoonni buufaticha seensifaman harki caalaan isaanii eeyyama Itoophiyaa keessa jiraachuu ''hin qabani'' jedhe daragaggoon buufaticha keessa jiraatuufi maqaan isaa Roobel jedhamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Roobel akka jedhutti, buufanni baqattootaa kun jireenyaaf bakka mijataa akka ta'utti hin ijaaramne, dhoqqee waan qabuuf deemuufuu rakkisaadha.
Dubartiin ulfiifi haadha ijoollee sadii akka taate himtu tokko, abbaa warraa ishee waliin buufaticha geeffamtee dhiphachaa jiraachuu dubbatti.
''Ijoollee umriin isaanii ganna torbaa gadi ta’e sadiin manatti dhiisee ollaatti adaraa kennee dhaamee bahe, haalli irra jiran na yaaddessa,'' jette.
Haati ijoollee sadii kun paaspoortiifi sadana eeyyama Itoophiyaa keessa jiraachuu eeyyama qabaachuu agarsiisu akka harkaa qabdu dubbatte.
Namoonni buufata baqattootaa sana keessatti argaman lammilee biyyoota Ameerikaa, Kanaadaafi biyyoota biroo ta’uu namni maqaan isaa Salamoon jedhamu himeera.
Dargaggoon Arahaadoom jedhamuufi Sudaanirra akka dhufe dubbatu guyyaa sadii dura Sudaaniitti deebi’uun akka irra ture kaasuun, sababa maaliif akka qabame qaama dubbisu dhabuu hime.
Namoonni buufata baqattootaa keessaa baafaman ammoo Ejensii Dhimma Baqattootaafi Namoota Baqannaarra Deebi’aniitiin dabalamuun Baahir Daaritti geeffamuu BBCtti himan.
Lammilleen Ertiraa kunneen sababa maaliif akka to’ataman hoggantoota ejensichaa gaafachuuf irra-deddeebiin yaallee ''torban tokkoo booda malee ammatti deebii kennuu hin dandeenyu,’’ jedhanii deebii kennan.
Dhaabbanni Refugees International Dilbata darbe ibsa baaseen, gabaasni baqattoonni Ertiraa fedhiin isaanitiin alatti buufata baqattoota seensifaman jedhu ''na yaaddeessa,’’ jedhe.
Dhaabbatichatti qindeessaan Bahaafi Kibba Afrikaa Abdullaahii Halakhee, daangaan naannoo Amaaraafi Tigraay bakka baqattoonni kun geeffamuun isaanii gabaafame kun ''keessattuu baqattoota lammii Ertiraa tahaniif balaa qaba,'' jedhan.
Itti dabaluun dhaabbatichi akka ibsetti, mootummaan Itoophiyaa baqattoota dirqamaan buufata baqattootaa seensisuun seeera biyyattiis ta’ee kan idil-addunyaa wajjin wal faalleessa.












