Bu’aan filannoo pirezidaantummaa Naayijeeriyaa baramuu eegale

Madda suuraa, Getty Images
Bu’aan filannoon pirezidaantummaa Naayijeeriyaa kan erga biyyattiin bara 1999tti bulchiinsa waraanaa jalaa baate asitti filannoo dorgommii cimaan irratti taasifamuun ibsamee baramu eegale.
Buufataalee filannoo hedduu keessatti bu’aan sagalee maxxanfamaa kan jiru yoo ta’u, bu’aaleen mirkannaa’oon bulchiinsa Kibba -Lixa Ekiitii bahaa jiran kaadhimamaan paartii biyya bulchuu Boolaa Tiinuubuu injifataa ta’usaanii mul’isaniiru.
Filannoo kanaanis kaadhimamtoonni sadii dorgomtoota cimoo akka ta’an eegamu. Piitar Obii Paartii Hojjattootaa irraa, Boolaa Tiinubuu Paartii biyya bulchaa jiru Ool Pirogresiv Kongiras fi Atiikuu Abubakar ammo Kongirasii Dimokiraatawa Ummattoota Naayijeeriyaa dursuu kan danda’aniidha.
Namoota siyaasaa kanneenii alattis kaadhimamtoonni pirezidantummaa 15 filannoo Naayijeeriyaa bara kanaa irratti hirmaataniiru.
Kaadhimamaan tokko injifachuudhaaf ammoo sagalee caalmaa argachuu ykn bulchiinsota biyyattii 36 keessatti sagalee kennaman keessaa harka bulchiinsoota sadii keessaa harka lama ta’an keessatti sagalee parsanataa 25 argachu qaba.
Kaadhimamtoonni kana argachuu yoo hin dandeenyee ammoo guyyoota ittaanaan 21 keessatti filannoon irra deebiin gaggeeffama.
Afrikaa keessatti namoonni filannoo irratti hirmaatan olaanaan kan irratti sagalee kennanii filannoo Nayijeeriyaa kanaan keessattuu dargaggoonni baayyeen filannicharratti hirmaachuusaanii ibsameera.
Harkifannaa sagalee kenniinsaa guyyaa Sambataa kutaalee biyyattii tokko tokko keessatti mudateefi haleellaawwan sirni kenniinsa sagalee hanga Dilbata kaleessaatti akka dheereffamu taasisaniiru.
Eddoowwan kaanitti ammoo yeroon filannoon itti gaggeeffamu xumuramuudhaaf sa’aatiiwwan hanga hafaniitti filattoonni hin filannee ture.
Magaalaa guddoo biyyattii Abujaaniitti ammoo filachuudhaaf sa’aatiiwwaniif eeggachuuf dirqamanii ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo jalqabaatiif filannoorratti kan hirmaatte Suzaan Ekipph BBCtti akka himteetti, filachuudhaaf buufata filannoo sa’aatii 13’f dabaree eegachuu dubbatti.
Bulchiinsota akka Riivarsiifi Leegoosiitti ammoo muddamni umameera. Sababiin muddamichaa ammoo sagalee lakkaa’uun waan eegalameef namoonni siyaasaa sagalee waliin dhahu jechuun deeggartoonni gara buufataalee filannoo deemuun adeemsa sagalee lakkaa’uu hordofaa ergaa dabarsuu isaanitiin wal qabateeti.
Sagaleen buufataalee filannoo kuma kudhan ta’an irraa walitti qabamanis lakkaa'amaa jiru. Itti gaafatamtoonni filannoos sagalicha qabachuun gara Abujaa erga gahanii booda injifattoota bulchiinsa hundaa ifa taasisu.
Bu’aan filannichaa kan waliigalaas guyyoota muraasaan booda ifa taasifama jedhamee eegama. Kaadhimamaan filannicha injifatus, rakkoolee diinagdee, hojii dhabummaa dargaggootaa fi rakkoo nageenyaa bal’aa amma Naayijeeriyaan keessatti argamtuf deebii kennuutu irraa eegama.












