Qorumsa Pirezedantii Naayijeriyaa haaraa filatamu eeggatu maali?

Madda suuraa, Getty Images
Naayijeeriyaan biyyoota Afrikaa keessaa biyya dinagdee guddaafi ummataa hedduu qabdudha.
Lakkoofsi uummata biyyattii ammatti miliyoona 200 fi miliyoona 14 dha. Ummanni biyyatti waggoota saddeettan darbaniif bulchinsa Pirezedant Mohaammadu Buhaariin durfamaa ture yoo ta'u, dhiyeenyatti pirezedantii haaraa filachuuf jiru.
Haata’u malee, pirezedantii haaraa filatamuuf jiru qorumsa jajjabduutu isa eeggata.
Gabateewwan dhimmoota namoota sagaleesaanii kennan keessatti argaman qabatan muraasni asiin gadiitti agamu:
Qorumsi jalqabaa qaala'iinsa jireenyaati.

Waggoota darban keessa lammiileen Naayijeeriyaa akkuuma lammiilee biyyoota addunyaa biraatti, qaala'insa gatii nyaataa kan waraana Yukireenitin wal qabtee mudateen hubamanii jiru.
Haata'u malee gatiin meeshaalee osuma waraanichi hin eegaliinuu dabaluu eegalee ture.
Kunis kan sababiiwwan daangaan meeshaalee alaa galan hedduutti cufamuu fi hanqinni sharafa alaa mudachuun wal qabateeti.
Waliigalatti bara 2022'tti qalaa’insi gatii %19 ol yoo ta'u kunis waggoota 20 darban keessatti isa olaanaadha.
Nyaanni idilee biyyattiitti beekamaa ta'e Garri (daakuun kaasaavaa) mi'awwan dabala gatiin baayyee miidhaman keessaa tokko.
Akkasumas daballii gatii nyaata bu'uuraa kan akka timaatimii fi zayiita nyaataa fa'is maatii irratti dhiibbaa olaanaa qaba.

Pirezedantiin haaraa filatamu gatii oomishaalee bu’uuraa tasgabeessuuf yoo barbaadan garuu qorumsa jabduutu isa eeggata ta'a.
Sababnisaas, duraanuu mootummaan galii argatu caalaatti baasii guddaa baasaa jira.
Mootummaan Naayijeeriyaa boba'aa biyya alaarra galchuuf deeggarsa guddaa taasisuun baasii olaanaa gochaa jira.
Naayijeeriyaan biyya boba’aa oomishtu taatulleen, boba’aa calaluuf dandeettii gadaanaa waan qabduuf bu’aa guddaa boba'aarraa argachaa hin jirtu. Kanaafuu, boba'aa biyya alaarraa galchuuf dirqamte.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti, waa'ee walitti fufiinsa liqiin biyyattiirra jiruufi dhalli kaffalamu galii mootummaan bara 2022tti argate caale baayyee yaada'aa jiru.

Naajeriyaan biyya Afrikaa keessa boba’aa baay'ee oomishuun beekaman keessaa tokko taatus, galiin mootummaatiif garuu gurgurtaa warqee gurraacha (dikita boba'aa) irratti hirkata. Isuma kanatu madda galii sharafa alaa biyyattiis.
Haata'u malee biyyattiin qabeenya boba’aan badhaatullee, galii achirraa argamuun fayyadamaa hin jirtu. Maallaqni argamu harki caalaan ni qisaasa’a ykn ni hatama.
Oomishni boba’aa biyyattii waggoota 10n darbanii asitti gadi hir’ataa adeemaa jira.
Bara 2022tti oomshni boba’aa Naayijeeriyaa waggoota 30 keessatti sadarkaa isa gadaanaarra qaqqabe.
Kanaaf ammoo hannaa fi malaamaltummaan akka maddaatti eerameera. Sababii kanaatiin Naayijeeriyaan biyyoota Afriikaa boba'aa oomishaniin gadiitti buutee jirti.

Lammiieen Naayijeeriyaa keessa harki walakkaan umriin isaanii ganna 18 gadi.
Hogganaan haaraa biyyattii dargaggoota biyyattii kana dinagdee biyyattiirra fayyadamoo taasisuf qormumsatu eeggata.
Namoota sagalee kennaan keessaa harki caalaan dargaggoota, %40’n namoota sagalee kennanii umriin isaanii ganna 35 gadidha.
Kanaafuu dargaggoota kana filannorratti ‘na filadhaa’ jedhanii kallattiin gaafachuun firii filannoo biyyattiirratti dhiibbaa uuma.
Dargaggoonni hedduun hunda caala kan isaan barbaadan hojii argachuudha.
Ammatti lammilee Naayijeeriyaa sadii keessaa tokko hojii hin qabu.

Dargaggoota umriin isaanii 15-24 gidduu jiran keessaa harki walakkaa ol hojii hin qaban.
Bara 2015 asitti dinagdeen biyyattii guddataa ture.
Haa ta’u malee, namoota haaraa carraa hojii barbaadan hunda keessummeessu hin dandeenye. Dinagdeen biyyattii suutumee akka ta‘uuf sababni ijooon tokko tasgabbii dhabiinsa ta’uutu eerama.
Ogeeyyiin dinagdee dabalataan kan isaan kaasan, maallaqa biyyattii akkaataan itti sharafamu daangeffamuufi biyyattiin oomishaalee biyya alaatii galfaman heddutti karra cufachuun investimeentii biyyattii miidhe.
Lammileen biyyyattii sadarkaan bu’uuraalee misoomaa hojiiwwan daldalaa fi hojii guyyaa guyyaa salphisan itti fayyadamuusaanii xiqqaadha.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lammileen biyyattii % 55 qofaatu tajaajil ibsaa argate,akka ragaan Baankiin Addunyaa ibsutti.
Tajaajila intarneeti ammoo lammilee %36 ta’anitu argate.
Kana malees, walitti bu’iinsa biyyattii keessatti dabalaa dhufeef fala barbaadun dhimma ijoo Pirezedantii biyyattii haaraa filataman eeggatu.
Pirezedant Mohaammadu Buhaariin bara 2015 kan filataman yoo ta’u, hidhattoonni Bookoo Haraam Kaaba Baha biyyattii keessa socho’an yaaddoo nageenya cimaa uumaa turan.
Ammatti hidhattonni kun lafa to’atan hin qaban, haa ta’u malee namoota ugguruun biyyattii keessatti dabaleera, haleellaan siyaasa bu’uura godhate, horsiise bultoota fi qonnaan bultoota giddutti walitti bu’iinsi ka’u, akkasuma sarbamiinsa mirgaa poolisoonni qaqqabsiisan fa’aan xiyyeeffannoo pirezedantii haaraa biyyattii barbaadu.
Kana malees Naayijeeriyaatti daa’immaan barnoota addaan kutuun ni heddummata, addunyaarratti daa’imman barnoota addaa kutan shan keessaa tokko lammii Naayijeeriyaati












