Naayijeeriyaatti kaadhimamaan seeneetii ajjeefamuun reeffi gubate

Madda suuraa, EPA
Naayijeeriyaa biyya Sambata dhufaa kana filannoon biyyaaleessaa itti gaggeeffamuuf jirutti, kaadhimamaan seeneetii tokko erga ajjeeffameen booda reeffi isaa gubamuun gabaafame.
Kaadhimamaan senaataraa maqaansaa Oyibo Chukwu kunis guyyaa Roobii osoo duula na filadhaa gaggeessanii turanirraa gara manaatti deebi’aa jiranuu namootaan miidhaan irratti raawwachuun kan ajjeefaman.
Isaan boodas reeffi kaadhimamaa nama siyaasaa kanaa namootuma ajjeesaniin gubate.
Namni siyaasaa kuni bulchiinsa Kibba biyyattii Enuguu jedhamu keessatti duula na filadhaa irra akka turan himame.
Ajjeechaan Obbo Oyibo Chukwu kan Paartii Hojjattootaa irraa dorgomaa turanii kunis filannoo biyyaaleessaa biyyattiitti gaggeeffamuf jiruf guyyoonni sadii yoo hafuu raawwatame.
Filannoon biyyaaleessaa guyyaa Sambataa akka gaggeeffamu eegamu kuni waggoota 24 darban keessatti filannoo dorgommii cimaan irratti taasifamu akka ta’u eegama.
Obbo Oyibo Chukwu qofas osoo hin taanee, gargaaraa isaa kan konkolaataa keessa waliin tures osoo konkolaataan isaan lamaan keessa turaniitti ibiddi hin qabsiifamiin dura, itti dhukaasuun ajjeeffamu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
‘‘Miseensonni Paartii keenyaa sababii bulchiinsicha keessatti cimuu keenyatti yaadda’aniif, miseensota paartiilee gara biraatiin ajjeechaan irratti raawwatamaa jira.
''Isaaniis filannoo Sambata dhufaa akka hin milkoofne waan yaadda’aniifiidha,’’ jedhan Chiijiwoke Edewogaa bulchiinsichatti kaadhimamaa teessoo bulchaa kan ta’an.
Paartiin Hojjattootaa garuu ajjeechaa raawwatame kanarratti homaa hin jenne.
Garuu ammo kaadhimamaan pirezidantii paartichaa Piitar Obii deeggartoonni akka sagalee ‘‘sirrii, naga qabeessaa fi abdii qabeessa’’ kennaniif gaafataa jiru.















