'Raasaasni akka tasaa dhuka'u akka nama ajjeesu kan nutti hime hin jiru’

Nama samiitti dhokaasaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Itoophiyaa keessatti gammachuu cidhaa, sirna awwaalchaafi qophiilee garaa garaa irratti qawwee dhukaasuun waan barameedha.

Darbee darbee ammoo rasaasni taatee akkasii irratti dhukaafamu wayita namoota nagaa miidhu dhagahama.

Mudannoon akkasii kunis Itoophiyaa qofatti osoo hin taane biyyoota addunyaa garaa garaa biratti madda badii lubbuu namoota nagaa akka ta’e himama.

Fakkeenyaaf, Liibaanonitti jidduu galaan waggaatti yoo xinnaate namoonni torba rasaasaa sirna gammachuurratti dhukaafameen lubbuusaanii dhabu. Tokkoo tokkoo miidhamtootaa waliinis aadaa miidhaa qabu kun maaliif itti fufee kan jedhu kaasa.

Gabaastuun BBC Arabic, Kaariin Torbeey kanaaf deebii barbaacha imalte kan hubattee akkasiin qindeessite.

Naayaan rasaasaa ollaatti barataa qormaata barnoota sadarkaa olaanaa darbetti Gammachuu ibsachuuf dhukafameen kan rukutamte yeroo waggaa torbaa turte.

Osoo dirree mana barnootaa keessa xabataa jirtuu ture Adooleessa keessa mataarra kan rukutamte.

Isaan boodas Naayaan osoo hin du’in dura guyyoota 23’f koomaa [of-wallaaltee] keessa turte. Kunis miidiyaa hawaasaarratti dheekkamsa kaase.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Fayyadamtuun miidiyaa hawaasaa tokkos du’a Naayaatiif gadda itti dhagahame ibsuun, balaan fakkaataan daa’ima ishee akka hin mudanneef sodaa qabaachuu kaafte.

Garuu ammoo ajjeechaa of eeggannoo malee akkasii kanarrattis odeeffannoon mirkanneeffamu danda’amu eenyummaa nama ajjeeffamee yoo ta’u, namni ajjeechaa sana raawwates yakkamaa maqaan hin dhahamne waan ta’ef jireenya isaanii bilisaan itti fufuu danda’u.

‘‘Naayaan osoo hin du'in dura torbanootaaf yeroo koomaa keessa seentee turteetti alkan dheeraadhaaf kadhannaa taasisaafiin ture,’’ jetti Haasmiik Haarpoyaan.

Isheenis Naayaas ta’e maatii ishee hin beektu. Baatii tokkoon duran mucaan Haarpoyaan kan wagga 13, V. Kiriisti, istaadiyoomii lixa magaala guddoo biyyattii Beeruutiitti argamuutti kubbaa miilaa tapahchuu barbaade.

Rasaasnis lafee cinaachaa jidduu isa rukute, garuu akka tasaa ta’ee lubbuun irraa oole.

Rasaasichi hanga ammaattuu laphee Kirist keessatti argama. Innis tuqaa xiqqoo karaa rasaasni kilaashnkoovii gara qaamasaatti ittiin seenee gaazexessituutti agarsiise.

Naayaa bakka rasaasni qaamaasaa itti lixeen yoo agarsiisu

Guyyaa sanattis sagalee dhukaasaa dhagahusaa hin yaadatu. Wanti inni yaadatu akka tasaatti wanti qara qabu tokko dugda keessan isa waraanuu qofaadha. Isaan booddees afuura baafachu dadhabe.

Leenjiisaan isaas Kiriisti maaliif akka bohaa ture hin barre, hanga dhiiga dhangalu ijaan arguutti. Innis ballatumaan gara hospitaalaatti geesse.

Kiriisitiin rasaasa akka tasaa‘ (strey bullet) maal akka ta’eyyuu hin beeku ture. Har’a garuu sagalee kamuu yoo dhagahuu ni kirkira.

‘‘Sagaleen kamuu, dhukaasa ta’e, richiitiiniyyuu akkan of wallaaluu na taasisa. Waanan jala dhokadhu barbaacha bitaafi mirgattan fiiga.’’

Poolisoonnis erga hospitaala dhaqaniin booda himannaa nama maqaan hin beekmamneerratti akka dhiyeessan gorsan.

Torbana lama booddee ammo namoota 12 guyyaa sana gadda irratti dhukaasaa turan akka adda baasan itti himan. Jarreen sunis namni jalaa duunaan gaddarratti dhukaasaa kan turan yoo ta’u, garuu rasaasni nama kamii Kiriisit akka dhahe adda baasuu hin dandeenye.

Seera Libaananiin qilleensaatti dhokaasuun seera maleessa ta’eyyuu, maatiin Kiriiist eenyumarrattiyyuu himannaa hin dhiyeessine. Bara 2016 kaasee qilleensa keessatti dhukaasuun hidhaa baatii jahaatii hanga wagga sadii, addabbiifi qawwee harkaa fudhachuun nama adabsiisa.

Dhukaasichaan lubbuun kan darbe yoo ta’e ammoo, addabbiin hojii cimaa ta’a.

‘‘Osuman nama ta’e himadhees karaa tokkoon mana hidhaa seenuun, kan biraatiin bahee namakootti naaf dhufa’’ jechuun ture Haarpoyaan, namoonni yakkicha raawwatan akka itti dureewwan siyaasaatiin deegaraman kan himan.

Dhugaadha namoonni muraasni yakka raawwataniif murteen irratti darba.

Jala bulti bara haaraa darbeetti namoonni 242 badii dhukaasa guyyaa kabajaatiin wal qabatee adda baafamanii ture, akka gaazexaa Libaanoos Al-Qaaws kan dhimmoota seeraafi haqaa irratti gabaasuutti.

Gabaasnis 186 isaan irratti tarkaanfiin homaatuu kan hin fudhatamiin yoo ta'u, kaan isaanii ammoo yeroof hidhamanii yoo gadi dhiifaman lama qofti mana hihdatti hafu adda baase.

Jarreen lamaan mana hidhaatti hafanis waan nama siyaasaa ykn nama dhiibbaa taasisuu hin beekneefiidha jedhan qeeqxxoonni.

Rasaasni samiitti yoo dhukaafamu maaltu umama?

Qorannoowwan baayyeen, rasaasni samiitti dhukaafamu akka kan itti qiyyeeffatamee namatti dhokaafamu ta'u baatulleen, mana miidhuudhaaf gahaa akka ta'e mul'isan.

Yeroo rasaasni asiin oleetti qilleensa keessatti dhokaafamutti, hangi harkisa lafaafi haalli qilleensaa saffisa rasaasichaa zeeroo taasisuutti saffiisaa asii ol imala.

Rasaasichi irraan gadee deebii'uu wayita egaluutti ammoo, sababii dacheen gadi harkiiftuuf jecha safisni isaa ni dabala. Garuu ammoo haalli qilleensaa ammas saffisa isaa xiqqeessuuf ni yaala.

Saffisni rasaasaa dhimmoota akka waan rasaasni irraa hijjatame, bocaafi kaalibarii fi kallattii ittiin dhokaafamu isaarratti hundaa'un murtaa'a.

Akka qorannoo bara 1962tti, rasaasni kaalibarii 30 yeroo lafatti gadi deebii'uutti saffiisa sakandiitti m91 qabaachu danda'a. Qorannoon diheenya gaggeeffame tokko ammoo, safisni sakandiin meetira 61 mataa namaa uree seenuuf gahaadha jedha.

Qorannoon bara 2018tti gaggeeffame ammoo rasaasni lafatti gadi deebii'u tokko saffiisa hanga sakandiitti meetira 180 gahu qabaachu waan maluuf mataa keessa darbuyyuu akka danda'u eera.

Ekspartoonni aadaa qawwee ammooo, aadeeffannaa kunis kan ilaalcha meeshaa waraanaa dhiirummaafi of tulummaa irraa akka maddee falmu.

Haata'u malee, sirna awwaalcha loltuu irratti yeroo 21 dhokaasuun, hanga ta'e barbaachisaa ta'uu kaasu.

'Kun dhiirummaa miti jedhe kan nutti hime hinturre'

Nama dugda garagalfate taa'uufi gaazexessituu

Ayimaan duraan kanneen dhukaasan keessaa ture. Nama waggaa 31 yoo ta'u lixa Beeruut jiraata.

Yeroo carraa argate hundatti gamoo keessa jiraatu gubbaa bahuudhan callisee kara samiitti dhukaasa ture.

''Yeroo jalqabaa waggaa 14 ture. Samiitti ol dhukaasuun, sirummaa dursaa garee keenyaa ykn dargaggoo ollaa waliin wal dorgomna turre.''

Aymaan yeroo cidha namootaa dhagahuus ni dhukaasa ture. ''Fira dhihoo keenya ta'u baatus ykn qabxii qormaataa gaarii argameetti gammachu ibsuuf'' nan dhukaasa ture. Yeroo tokko tokkos sababii tokko malee dhukaasa ture.

Garuu amma waggaa baayyen dura gochaa kana dhaabera.

''Namni ta'e rasaasa tasaatiin ajeeffamuu yoo dhagahun, gadduun eegale. Ijoollee ta'ee, kun akka waan gaarii hin taane kan natti hime hin jiru. Rasaasni kunneenis nama ajjeessuu waan danda'aniif namni amantaadhaan dhorkamusaa nutti hime hin jiru.''

Aymaan amma qawweesaa naanoo baadiyaa ykn kilaboota keessatti qofaa itti fayyadama.

Nama samiitti ol dhokaasaa ture

Madda suuraa, Getty Images

Gammachuuf jedhanii samiitti dhukaasuun hangam balaafamaadha?

Jidduugala Bahaa, Kaaba Afrikaa, Afgaanistaaniifi Paakistaan dabalatee Eshiyaa akkasumas Itoophiyaa keessatti qawwee sababii adda addaatiif dhukaasuun baramaadha.

Fakkeenyaaf qophiilee gammachuu kan akka jala bultii bara haaraa, chidha, ayyaanoota amantaa ykn sirna awwaalchaa irratti ni dhukaafama.

Akkasumas samiitti dhukaasuun kun Ameerikaa keessattis ni raawwatama, garuu akka gabaasaaleen jedhaniitti, kunis gammachuuf osoo hin taanee hokkara daandiirraa dhaabuuf samiitti dhukaafama.

Adooleessa keessa qondaalli poolisii Joordaan Haamzeeh Al Faanaatseh guyyaa cidha isaatti rasaasa dhukaafameen ajjeeffame.

Muddee 2021 keessa ammoo US- Noorzi Kaarolinaa keessatti namoonni baayyee rasaasa akka tasaan rukutamuun ajjeeffaman.

Fulbaana 2021 keessa ammoo Afgaan-Kaabuuliitti namoonni 17 ajjeeffamanii 14 madaa'an. Kunis sirna gammachu milishoota Taalibaan irratti erga gammachuuf dhokaafameen booda ture.

Biyya keenya Itoophiyaattis namoonni yeroo garaa garaatti sirna gammachuufi gaddaa irratti rasaasaa akka tasaatiin akka ajjeeffaman ni gabaafama.

Keessattuu taateen akkasii kun naannoo Amaaraa keessatti mudachuun irra deddebiin dhagahama.