HRW fooyya'insi labsii dhaabbilee Siiviilii paarlaamaadhaan akka hin raggaane waamicha godhe

Human Rights Watch

Madda suuraa, Human Rights Watch

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dhaabbatni mirga namoomaa idila addunyaa, Human Rights Watch, paarlaamaan Itoophiyaa wixinee labsii dhaabbilee siiviilii fooyyessuuf qophaaye akka hin raggaasifne waamicha dhiyeesse.

Dhaabbitichi michootni Itoophiyaa wixinee Paarlaamaa Itoophiyaaf dhiyaachuuf deemu kana akka balaaleffatanis waamicha dhiyeesse.

HRW ibsa Adoolessa 29/2025 baaseen fooyya'insi labsii hojimaata dhaabbilee Siiviilii Itoophiyaa hogganuuf amma dura hojiirra oolaa ture irratti godhamuuf jiru dhaabbilee siivilii quucarsa jechuun balaaleffate.

Fooyya'insi godhamu dhaabbileen siiviilii deeggarsa alaa argatan mootummaan Federaalaa akka dhorku hayyama.

Dabalataan sababa ''nageenya biyyaalessaa'' jedhuun dhaabbilee siiviilii keessumaa kan buclhiinsa gaariifi filannoorratti hojjetan galmee dhorkachuu, haquu ykn walitti dabaluu akka danda'u godhaa jedha dhaabbatichi.

Daayirekatara itti aantuun damee Afrika Latiishiyaa Baader ''seera dhaabbilee siivilii Itoophiyaarratti fooyya'insi godhamuuf qophaaye rifoormii Minisitirri Muummee Abiy Ahimad mataan isaanii dhaaban kan buqqisuudha'' jedhan.

Fooyya'iinsa kana raggaasuun hojiirra akka oolu gochuun ''hawaasa siiviilii biyyattiif balaa guddaadha'' jedhan.

HRW ibsa isaa keessatti seera ture irratti fooyya'insi akka godhamu yeroon itti murtaahe kun wayita biyyattiin filannoo biyyaalessaa bara 2026 gaggeessuuf qophaayaa jirtu ta'uu eereera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dabalataanis yeroo aanga'oonni tikaa biyyattii dirreewwan yaada bilisaa hawaasaafi gareewwan mirgaa walaba ta'an irratti doorsisaafi dhiibbaa uumuu itti jabeessanittidha jedha.

Seerri dhaabbilee siviilii Itoophiyaa amma fooyya'insi akka irratti godhamu kaayyeeffame dhufaatii Ministira Muummee Abiy Ahimad booda bara 2019 raggaasifame.

Sana dura labsiin dhaabbilee siiviilii Itoophiyaa bara 2009tti raggaasifamee ture danqaawwan hedduun dhaabbilee kana laamshessu ture.

Fooyya'insi dhufaatii MM Abiy booda godhame hawaasa siiviilii biyyattiif abdii kan hore ta'us waggoota muraasa darban garuu deebi'ee haala rakkisaa keessa galuu dhaabbati mirgaaf falmu kun himeera.

Dhaabbatni kun fooyya'insa godhamuuf karoorfameefi dokimentii Ministeerri Haqaa qopheesse ji'a Waxabajjii darbe argachuu himeera.

Fooyya'insi kun hojiirra oola taanaan bu'aawwan erga dhufaatii MM Abiy booda damee kanaan galmaa'an boodatti deebisa jedhe.

Wixineen kun qophaawuun wayita ifa ta'etti dhaabbileen siivilii biyyattii keessa jiran ragga'uunsaa yaaddoo guddoo akka uumu BBCtti himanii turan.

HRW wixineen kun hawaasa siiviiliif balaa fiduu danda'u yoo tarreessu, wixinichi gidduseentummaa mootummaaf karra bana kan jedhu isa tokko. Boordiin dhaabbilee siiviilii kun miseensota qabu torba keessaa shan hogganoota mootummaa kan Ministeera Haqaan muudaman ta'a kan jedhu rakkoo akka uumu ibsa.

Wixinichi dhaabbileen siiviilii Itoophiyaa dhimma filannoorratti hojjetan deeggarsa maallaqas ta'e kan teeknikaa qaamolee alaarraa akka hin arganne ni dhorka.

Dabalataan dhimma galmeefi gabaasa dhiyeessuu wajjin walqabatee dhaabbilee siiviilii biyya keessaafi alaarraa wanti gaafatamu baayyachuus ibsi HRW akka rakkootti eeree jira.

Fakkeenyaaf dhaabbilee qaama kamuurra meeshaa argachuu dura guyyoota 15 dura akka beeksisan ni barbaachisa. Herrera baankii banachuufis ta'e liqaa gaafachuuf dursanii hayyama argachuun irra jira.

Labsiin duraanii adeemsi dhaabbilee siivilii haquu kan raawwatu dhaabbatichi seera cabsuun isaa qorannoon erga mirkaneeffamee booda ta'uu labsa. Dabalataan dhaabbatni badii raawwate ji'oota sadiif erga adabamee booda oliyyachuu danda'aa jedha.

Wixinneen haaraan kun garuu yeroo dabalataa ji'a sadiif dhaabbatichi akka ugguramu ajaja. Turtii kana keessattis qabeenyiifi herregni baankii dhabbatichaa akka hin sochoone godhama. Dhaabbatni murteen akkasii irratti fudhatamu guyyoota 30 keessatti iyyannoo galfatus, murtee manni murtii dabarsu irratti oliyyannoo fudhachuu akka hin dandeenye dhorka.

Human Rights Watch qabxiilee olitti tarreeffaman akka bu'uraatti kaa'uun wixineen kun akka hin raggaasifamne cimsee gaafate.

Gamtaa Afrikaa jalatti komishiniin mirga namoomaarratti hojjetuufi gareen addaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti ijaarame atattamaan wixinee kana keessa qabiyyee jiru hubatee hawaasa siviilirratti balaa aggaamame akka dhaabsisu waamicha godheera.

Laatishiyaan bu'aaleen foyya'insa bara 2019 booda galmaahan boodatti akka hin deebine yoo gaafatan, haalli itti adeemamaa jiru mootummaan Itoophiyaa sirna hacuucaa namootni hedduun deebi'ee hin dhufu jedhanii abdatanitti deebi'aa jiraachuu akeekaa jedhaniiru.