Namni mirgi himatamuu dhabuu irraa mulqame yaa'ii caffee hirmaataa?

Caffeen Oromiyaa Roobii dhufurraa eegaluun Yaa'ii taa'a. Ofii namni mirgi himatamuu dhabuu irraa kaafame yaa'ii caffee hirmaachuu danda'aa? Seerri maal jedha? Oggeessa seeraa dubbifneera.
Bakka Bu'oonni uummataa filannoo irratti hirmaatanii hawaasan filatamanii mana marii bakka bu'oota Uummataas ta'e manneen marii naannolee akka Caffee Oromiyaa seenan mirgoota addaa heeran gonfatan qabu.
Mirgoota bakka bu'oonni uummataa addatti qabaatan keessaa ijoon ammoo mirga himatamuu dhabuuti.
Obbo Milkii Makuriyaa Daayireektara Leenjii fi tajaajila gorsaa Inistituutii Leenjii qorannoo seeraa Oromiyaati.
Dhimma kana ilaalchisuun turtii BBC waliin taasisaniin mirgi addaa namoonni bakka bu'oota uummataa ta'an gonfatan kuni Heera mootummaa naannoo Oromiyaa fi dambii ittiin bulmaata caffee Oromiyaa irratti ifaan caqafamee jira jedhu.
"Mirgi addaa miseensota Caffeetiif kenname kuni heera mootummaa naannoo Oromiyaa Keewwata 48/5 Irratti ibsamee jira. Tarreeffamni mirga kanaammoo bal'inaan dambii, Labsii gurmaa'insa, Hojmaata, Naamusa Miseensotaa fi sirna walgahii caffee lakk 6/2011 irratti ibsame" jedhan.
Akkaataa heeraa fi dambii kana irratti eerameenis namni miseensa caffee ta'e tokko yakka cimaa osoo raawwatuu harkaa fi harkatti yoo qabame malee heyyama caffeetiin ala hin qabamus, yakkaanis hin himatamu jedha.
Sababa mirgi kun namoota bakka bu'oota uummataa ta'aniif addatti akka kennamuuf barbaachise wayita ibsani "Namni miseensa caffee ta'e yaadasaa yeroo ibsatu waa'ee itti gaafatamummaa osoo hin yaadiin caffee keessatti yaadasaa bilisaan akka ibsatuufidha" jedhu.
Dambiin ittiin bulmaata Caffees "Miseensi Caffee kamiyyuu sababa sagalee yookin yaada walgahii caffichaa irratti kennuun hin himatamu, tarkaanfiin bulchiinsaas irratti hin fudhatamu" jedha.
Mirga addaa mulqamuu fi deebisanii argachuu
Akkaataa dambii Lakkoofsa 6/2011tiin namni miseensa caffee ta'e yeroo yakkaa fi malaammaltummaadhaan shakkamutti caffee irratti dhihaatee mirgi himatamuu dhabuu erga irraa kaafameen booda himanni irratti banama.
Haata'u malee, namni mirgi himatamuu dhabuu caffeedhaan irraa kaafame mirga addaa irraa mulqame kana deebisee karaan ittiin argachuu danda'u akka jiru himu Obbo Milkiin.
"Abbaa alangaatiin fi qorataa yakkaatiin Yeroo dhimmi ittiin himatame sun qoratamu adeemsa keessa bilisa ta'uun isaa yoo mirkanaa'e, akkasumas manni murtii yoo balleessaa hin qabu jedhee murteesse mirga addaa sana deebisee argata," jedhu.
Kanaan alattis namni mirgi himatamuu dhabuu irraa mulqame suni yakka ittiin himatameen adabbii hidhaa itti murame yeroo xumuree bahutti mirga addaa sana battalatti deebisee gonfachuu danda'a.
Miseensummaa caffee dhorkachuu kan danda'u uummata bakka isa buufate qofa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mirgi addaa himatamuu dhabuu miseensi irra kaafame jechuun miseensa caffee ta'ee itti hin fufu jechuu miti jedhu Obbo Milkiin.
"Mirgi kun irraa mulqame jechuun ni himatama yookan nihidhama jechuudha malee miseensa caffee ta'uusaa kan hambisu miti. Kanaaf mirgi suni kaafamus miseensummaansaa adda hin citu," jedhan.
Kanaaf jechas namni mirgi himatamuu dhabuu irraa mulqame akkuma miseensa caffee kamiiyyuu yaa'ii hirmaachuu, yaada kennuus ta'e mirga addaa sanaan alatti mirgoota akka miseensa caffee ta'uutti qabu hunda inuma qabaata jedhan.
"Fakkeenyaaf miseensi caffee mirgi addaa himatamuu dhabuu irraa mulqamee himatamaa jiru tokko osoo himatarra jiruu wabiidhaan bahee yoo jiraate, miseensummaan caffee isaa adda waan hin cinneef yaa'ii caffee hirmaachuu mirga guutuu qaba," jedhan.
Akkaataa Dambii caffee Oromiyaa Lakkoofsa 6/2011tin minseensi caffee tokko miseensummaa isaa dhabuu kan itti danda'u tumaaleen seeraa biroo addatti jiraachuus himu ogeessi seeraa kun.
"Uummanni miseensa sana bakka buufate yoo nama bakka buufate kanarraa amantaa dhabe uummanni sun deebisee nama biraa filachuu haalli itti danda'u jira.
''Kuni karaa boordii filannootiin kan raawwatamu ta'a. Ummata bakka buufate sanaan ala garuu namni miseensummaa dhabsiisuu danda'u hin jiru," jedhan.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












