Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidant Puutin maaliif Yunaayitid Arab Emireetis dhaqan?
Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin daawwannaf yeroo heddu biyyaa bahaa hin turre. Amma garuu Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) jiru.
Puutin UAE irraa gara Sa’ud Arabiyaatti imaluuf beellamataniiru.
Pirezedantiin Puutin dhimma waraana Gaazaa fi Yukireen irratti akka mariyatanitu eegama, akkasumas oomisha boba’aarratti Pirezedantii UAE waliin ni mari’atu jedhamee eegama.
Yeroo ammaa kana UAE walgahii qilleensaa baramaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii COP28 jedhamu keessummeessa jirti.
Kiremliin garuu Puutin yaa’icharratti hirmaachuu fi dhiisuu hin ibsine ture.
Puutin erga Bitootessa 2023 baayyee biyyaa bahanii hin beekan, erga Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) ajaja hidhaa irratti baase asitti Raashiyaa kessaa yeroo heddu hin bahan ture.
Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa daa’imman Yukireen seeraan ala gara Raashiyaa geessan jechuun himatan – Himannaan kun yakka waraanaati.
Haa ta’u malee, UAE ta’ee, Sa’ud Arabiyaan dhaddacha mana murtii kanaaf beekamtii kennanii, ofitti hin fudhanne.
Hogganaan Raashiyaa kun yaa’iiwwwan idil-addunyaa dhiheenya kana gaggeeffaman kanneen biroo, yaa’ii BRICKS Afrikaa Kibbaatti baatii Hagayyaa taa’ame dabalatee walgahii garee G20 baatii Fulbaanaa keessa Hinditti taa’amerraa hafanii turan.
Puutin gara biyyoota Arabaa lamanitti imaluun kun yeroo Raashiyaan dhiibbaa uumu feetu fi biyyoonni Lixaa moggaatti baasuu yaaliiwwan godhan irra aanuuf Raashiyaan wayita yaalaa jirtutti raawwatame.
Puutin pirezedantii UAE Sheek Mohaammad Bin Zaayid Al-Nahiyaniin, ''hariiroon keenya sadarkaa guddaarra gaheera,’’ jedhan.
Daldalli fi dhimmi boba'aan UAE’tti ajandaa ijoodha.
Ibsi Kiremliin baase keessatti UAE’n ‘’biyyoota Arabaa keessaa michuu gama dinagdee Raashiyaa ishee ijoo'' ta'uu eere.
Pirezedantiin Raashiyaa Roobii gara galgalaa gara Sa’uud Arabiyaa imaluun ilma mootii Sa’udii Mohaammad bin Salmaan waliin wal arguuf beellamatan.
Hoggantoonni biyyoota lamaanii kunneen waldhabdee Israa’elii fi Hamaas gidduutti jabaate ''karaalee qabbana’u danda'u barbaadu’’ jedhe ibsi Kremlin.
Walitti bu’iinsa Sooriyaa, Yaman, fi Sudaan irrattis UAE fi Sa’udii Arabiyaatti ni mari’atama jedhan gorsaan Pirezedantii Raashiyaa Yurii Yushakov.