Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Vilaadmiir Puutin maal yaadaa? Karoorri isaa hoo maali?
Vilaadmir Puutiin maal yaada, maal karoorsaa jira gaaffiileen jedhan ji’oota darbanii fi Raashiyaan osoo Yuukireeniin hin weerariin durayyuu gaafatamaa ture.
Pireezdaantiin duraanii US Joorji W Buush yeroo tokko, Vilaadmiir Puutin ija keessa ilaalee “lubbuun isaa maal akka fakkatu arge” jedhee ture. Ta’us amma hariiroon Raashiyaa fi biyyoota lixaa jiru gaarii miti.
Kanaaf sammuu hoogganaa Kireemlin kana keessa waan jiru baruun hojii galata hin qabnedha. Ta’us garuu yaaluun barbaachisaadha. Keessumaa yeroo kaan caala amma, erga dhiyeenya Moskoon doorsisa nuukileera taasistee barbaachisaadha.
Pirezidaantiin Raashiyaa kun dhibbaa jala jiraachuu isaa irratti shaakkii xiqqaa xiqqaatu jira. Yuukireen keessatti “sochiin waraanaa addaa waraanaa” jedhee inni waamaa ture isaaf gaarii hin taane.
Hojiin kun guyyaa muraasa qofa akka turuuf karoorfamee ture. Ta’us garuu amma waraanni kun gara ji’a saddeetii ta’eera, xumurri isaas hin mul’atu.
Biyyattiin looltoota isheerra “miidhaan guddaa” akka ga’e amanteetti, torbanoota darban keessatti humni waraanaa Raashiyaa naannoolee Yuukireen keessatti kana dura to’atee ture dhabaa dhufeera.
Lakkoofsa loltootaa guddisuuf jecha, ji’a darbe Pirezdaant Puutin, waan kanaan dura hin godhu jedhee ture, gariin bobbaasuu labe. Yeroo kanatti, qoqqobbiiwwaan diinagdee Raashiyaa guddaa midhaa jira.
Kanaaf, Puutiin murteen Yukireen weeraruuf taasise dogoggora jedhanii yaaduu laata?
Kun waan ta’u miti.
“Ilaalchi Puutin haala waraanicha hunda sochoosa,” jechuun amana abbaan qabeenyaa fi gulaalaan gaazexaa Raashiyaa Nezavisimiya, Konistaantin Remchukoov.
“Hoogganaa irree humna nuukileeraadha. Biyyattii keessatti hoogganaa hin morkatamnedha. Amantaa fi ilaalcha cimaa isa maraachu qaba. Kun amma barbaachisummaan dhimma jiraachuudha jedhee amanuu eegaleera. Ofii isaaf qofa miti, eegeree Raashiyaafis.”
Yoo waraanni kun dhimma jiraachuu ta’e, injifachuuf Pirezdaant Puutin hagam deemuuf qophiidha? Ji’oota darban keessa Puutin dabalatee angaa’onni Raashiyaa olaanoon, al-kallattiin hogganaan kun waraana kana keessatti meeshaa nuukileera qophaa’aa isaa ta’uu wantoota mul’isan dubbataniiru.
“Hin godha jedhee hin yaadu,” jechuun Pirezdaantiin US Joo Baayden CNN’tti himaniiru. “Ta’us garuu waa’ee isaa haasa’uun isaa itti gaafatamummaa dhabuudha.”
Torban kana keessa Raashiyaan haleellaa Yukireen keessatti baay'isuun ishee, yoo xiqqaate Raashiyaan lola Yukireen walinii hammeessuuf kutachuu ishee kan mul’isuu maludha.
Biyyooti Lixaa waliinoo?
“Biyyota Lixaa waliin waldhabdee kallattii irraa of qusachaa jira, ta’us garuu yerooma sanatti waldhabdeefis qophaa’aadha,” jedhee amana namni siyaasaa Giriigorii Yavliniskii. “Wanti ani guddaatti sodaadhu waldhabdee nuukileeraadha. Lammaffaan ammoo waraana dhuma hin qabnen sodaadha.”
“Waraanni dhuma hin qabne” ammoo galii dhuma hin qabne barbaada. Kana ammoo wanta Raashiyaan qabdu hin fakkaatu. Haleellaan misaa’elaa magaalota Yukireen irratti baayyate, sochii aangoo ofii agarsiisuudha, ta’us garuu kana Raashiyaan yeroo hagamiif tursuu dandeessi?
“Haleellaa misayeelaa kunneen guyyootaaf, torbaniif, ji'otaaf itti fufuu dandeessaa? Ogeessooti hedduu misayeloota ga’aa qabna kan jedhu ni shakku,” jedhu Aab Remchukoov.
“Dabalataanis, gama humna waraanaanis, mallattoon injifannoo Raashiyaa maal faakkata kan jedhu namni beeku hin jiru. Mallattoon injifannoo maali?
Bara 1945 keessa alabaa Barliin keessa fannisuun ture. Amma mallattoon milkaa’inaa maali? Alaabaa Kiyeev ykn Kersoon ykn Karkiiv irra labsuudhaa? Hin beeku. Eenyuyyu hin beeku.”
Vilaadmiir Puutin ofiiyyuu yoo beeka ta’e ifa miti.
Guraandhala keessa, karoorri Raashiyaa yeroo gabaabaa keessatti waraana yeroo dheera hin turre malee, injifannoon Yukireeniin gara biyyasheetti dabaluu ture.
Ta’us garuu Puutiin kutannoo humna waraanaa Yuukireen fi uummatni ishee biyya isaanii ittisuuf qabanii hin hubanne, dabalataan dandeetti humna waraanaa isaa garmalee ol kaasee ilaale.
Amma maal yaadaa jira? Karoorri Vilaadmiir Puutin amma bakka qabateeru cimsee itti fufuun waraana dhaabuumoo hanga Yukireeniin guutummaatti to’atutti waraana itti fufuudha?
Pirezdaantiin duraanii Raashiyaa Dimiitrii Medveedeev torban kana akka barreessanitti: “Yuukireen akkaata amma keessa jirtutti… itti fufiinsaa fi kallattiin Raashiyaaf yaaddoo taati. Karoorri keenya gara fulduraa guutummatti bulchiina siyaasaa Yuukireen diigudha jedheen amana,” jedhaniiru.
Yoo jechi Medveediiv yaada Pirezdaant Puutin kan ibsu ta’e, waraanaa hammaataa fi dhiigni hedduun itti dhangala’u eeguu qabna.
Murteen Puutiin Yukireeniiniin weeraruuf murteesse hedduu rifachiiseera. Aab Yaavlinskii garuu kun hin ajaa’ibse.
“Puutin gara kallaattii kanaatti adeemaa ture jedheen amana waggaa waggaatti haala amma keessa jiru ijaaraa tureera,” jedhu.
“Rakkoon Raashiyaa sirna keenyadha. Sirna uumame kun nama akka Puutiin uumeera. Sirna kana uumuu keessatti ga’een biyyootii Lixaa gaaffii guddaa keessa seena.
“Rakkoon isaa sirni kun hawaasa hin uumne. Namootni gaarii hedduun Raashiyaa keessa jiru. Ta’us garuu hawaasni siviilii hin jiru. Kanaafi Raashiyaan of qabuu kan hin dandeenye.”