Bidiruu Haroo Caamootti dhidhimte keessaa reeffi nama tokko qofa argame

Maxxanfame

Kibba Itoophiyaatti bidiruu namoota saddeet baattee dhidhimte keessaa reeffi nama tokko argamu poolisiin hime.

Balaan kuni Guyyaa Sambataa ALI Bitootessa 16/ 2015 Naannoo Kibbaa haroo Caamoo keessatti dhaqqabe.

Qajeelcha poolisii naannawa Arbaa Mincitti Inispeektara I/aanaa kan ta’an Abirahaam Buhee bidiruun kuni namoota saddeet feetee akka turte himani.

Sababii dambaliirraa ka’eenis dhidhimuu himan. Qondaaltonni biroo bidiruun kuni sangaa dabalatee mi'a biroo baachuu himan.

‘’Darbee darbee ganna ganna dambaliin ni mudata. Kanaan ala sababi bidiruun kuni dhidhimteef yoo jiraate qorataa jirra,’’ jedhan qondaalli poolisii.

Namoonni bidiruurra turan daldaltoota ta’uufi Ammaarroo irraa gara magaalaa Arbaa Minc geeffamaa akka turan ibsameera.

Qondaalli poolisii kuni bidiruun kuni mi’a feetee akka turte odeeffannoo akka qaban himaniiru. Dhidhimuu isheef sababa ta’u isaa garuu qoratamaa akka jiru dubbatan.

Poolisiin akkana haa jedhan malee kominikeeshiniin magaalaa Arbaa Minc ibsa baasen bidiruun dhidhimte nama, bineeldotaafi meeshaalee feetee dambaliin dhidhimuu ibse.

Hoogganaan qajeelcha geejibaafi misooma daandii Godina Gaamoo Obbo Alamaayyoo Algoo bidiruun kuni namoota saddeet dabalataan sangaa, bullaafi qullubbii feetee akka turte dubbachuu isaanii kominikeeshiniin ibseera.

Qondaalli poolisii bidiruun kuni dhiira jahaafi dubartoota lama fe’u ibsanii kanneen keessaa reeffi nama tokko argamu himan.

‘’Ammaan achi carraan reeffa namootaa argachuu dhiphaadha,’’ jechuun himan. ‘’Yeroo fudhata ta’a malee reeffa namootaa argachuun hin hafu.’’

Haroo Caamoo keessa bineensotni kanneen akka roobbiifi naachi ni argamu. Ta’us, reeffi bineensaan nyaatamuu dhiisuu mala jedhu.

‘’Saayinsiin mirkanaa’u baatus hawaasi naannichaa waan lubbuun keessaa bahe hin nyaatu amantaan jedhu jira.

‘’Kanaan alatti balaan gidduu haroo keessatti dhaqqabe. Nyaachi immoo qarqara haroo jiraata,’’ jechuun reeffi akka argamu abdii qaban qondaalli poolisii himu.

Balaan kana duras mudatee kan beeku ta’us hammi namoota lubbuu dhabanii garuu hammana guddatee hin beeku jechuun aangawoonni himaniiru.

Namoonni bidiruurra turan daldaltoota ta’uufi Ammaarroo irraa gara magaalaa Arbaa Minc geeffamaa akka turan ibsameera.

‘’Odeeffannoo qabuun tokko ilma abbaa qabeenyaa bidiruuti. Kan biraa oppireetara bidiruudha. Kan hafan jaha immoo daldaltoota,’’ jechuun qondaalli poolisii eenyummaa namoota akka du'an amanaman himan.

Inispeektarri I/Aanaa Abirahaam ‘’xiyyeeffannoon keenya reeffa barbaaduudha. Poolisootaafi kiyyeessitoota qurxummii bobbaasnee sakattaan taasifamaa jira,’’ jedhaniiru.