Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Reeffi namoota torba bidiruu haroo Xaanaa keessatti dhidhimteen du'anii argame
Reeffi namoota torba kan bidiruu haroo Xaanaarra osoo imalaa jirtuu dhidhimteen du'anii argamuu poolisiin beeksise. Reeffi namoota jaha hafanii ammallee barbaadamaa jira.
Bidiruun godina Jiddugaleessa Gondar Aanaa Danbiyaa irraa namoota 13 feetee gara buufata bidiruu Gorgoraa imalaa turte Jimaata darbe achi buuteen ishii kan dhabame.
Sanbata irraa eegalee poolisii fi ogeeyyiin lubbuu baraarsaa barbaacharra kan turan yoo ta'u, Wiixata ganama reeffa namoota torbaa argachuu poolisiin Aanaa Danbiyaa Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himeera.
Reeffi isaanii dambalii bishaanii dhiibamee haroorraa bololi'aa osoo jiruuti jedhan hogganaan poolisii aanichaa komaandarri itti aanaa Charinnat Asmaare.
Reeffi namoota jaha haafanii barbaadamaa akka jiru himaniiru.
Imaltoonni lakkoofsaan 13 ta'an A.L.I Adoolessa 9 bara 2013 halkan keessaa sa'aa 9 irratti imala eegalan.
Bakka ka'uumsaa hanga buufata bidiruu Gorgoraatti bishaanirra kiiloomeetira 15 fagaata akka gabaasa Tajaajila Oduu Itoophiyaatti.
Poolisiin aanaa Danbiyaa, bidiruun ganda Addisagee Dingee jedhamturraa namoota 13 fi fe'uumsa fe'attee erga kaatee booda achi buuteen ishee dhabamuu maatiirraa erga mirkaneeffatee booda barbaacha eegale.
Sanbata guyyaa irraa eegalee gareen ogeeyyii fi poolisoonni bidiruu achi buuteen ishii dhabame kana barbaacha eegalanis, hanga Wiixata ganamaatti mallattoon homtuu hin argamn ture.