Atileetonni Itoophiyaa Maaratoonii Tookiyoo olaantummaan xumuran

Atileetoota itoophiyaa dorgommicha olaantummaan xumuran

Madda suuraa, AFP / GETTY IMAGES

Maxxanfame

Atileetoonni Itoophiyaa maaraatoonii fiigicha dhiirootaatiin saarkaa tokkooffaadhaa hanga sadaffaa jiru qabachuun xumuran.

Atileetoonni Itoophiyaa kunneenis dorgommii fiigicha maaraatoonii Tookiyootti Dilabata Biitooteessa 5, 2023 gaggeeffameen maaraatonii dhiirootaatiin sadarkaa tokkoo hanga sadaffaa dhunfachuun olaantummaan xumuran.

Dorgommii maaraatonii dhiiraatiin atileetoonni Itoophiyaa sadarkaa tokkoo hanga sadaffaa qabachuu yoo xumuran, dubartootaan ammoo sadarkaa lammaffaa hanga arfaffaa dhunfachuu danda’aniiru.

Fiigiicha maaraatonii dhiiraatiin Deessoo Galmiisaa 2:05:22 dorgomicha olaantummaan xumureera.

Atileetii umuriin wagga 25 kan ta’e Deessoon dorgommii maaraatonii addunyaa kana injifachu kan danda’e, hiriyyoota isaa kan ta’an Mohaammad Isaa fi Tsagaayee Geetaachoo hordofsiisee galuudhaan.

Xumura dorgommichaarratti atileetoonni jaha kaan dhiisanii fulduratti bahuun dorgommii cimaa taasisaniiru.

Lammiin Keeniyaa Taayitas Kipirutoo, lammiin Kaanaadaa Kaameeruun Leeviinsi fi lammiileen Itoophyaa Dassoo Galmiisaa, Tsagaayee Geetaachoo, Damee Taaduu fi Mohaammad Isaa hanga xumura dorgommichaatti kokkee wal qabatanii fiigaa turan.

Lammiin Kaanaadaa Liiviinsi hanga km 39tti dursaa turulleen wayita meetirri 400 hafu garuu Deessoo Galmiisaa saffisa dabaluun injifataa dorgommichaa ta’uu danda’eera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Atileetiin Kaanaadaa atileetoota shan hordofsiisuun hanga kilomeetoroota dhumaatti dursaa turus, 2:05:38 irratti galuudhaan sadarkaa shanaffaa bahuudhaan xumuuruudhaan, Kaaba Ameerikaatti sa’aatii saffiisaa ta’e galmeessuu danda’eera.

Atileetiin Itoophiyaa kan biraa ammo Damee Taadduu sadarkaa jahaffaan dorgommicha xumureera.

Dorgommii fiigicha maaraatoonii dubartootaatiin ammo lammiin Keeniyaa Roozmarii Waanjiiru tokkooffaan yoo xumurtu, atileetoonni Itoophiyaa ammo sadarkaa lammaffaa hanga arfaffaa dhuunfachuun xumuraniiru.

Atileetiin Keeniyaa Waanjiiruun sa’aatii 2:16:28tti dorgommicha kan xumurte yoo ta’u, Tsahaay Gammachuu sa’aatii 2:16:56tti lammaffaa bahuun xumurte jirti.

Bara darbee maaraatoonii Tookiyoo lammaaffaa bahuun kan xumurte Ettee Bakaree Roozmarii Waanjiiruu booddee sakandiiwwan 2:34n turtee seenuun sadarkaa sadaffaa baatee jirti.

Warqinash Iddeessaa ammo sa’aatii 2:20:13 irratti dorgommicha xumuruun sadarkaa arfaffaa baatee jirti.