‘Meedaaliyaan kana booda dhimma xiyyeeffannoo jalqabaa kenninuuf miti’ -Keeniyaa

Madda suuraa, Getty Images
Federeeshiiniin Ispoortii Keeniyaa dawaa si’eessituu to’achuuf xiyyeffannoo jalqabaa akka kennu hime.
Federeeshiinichi ''Medaaliyaa injifachuun kana booda dhimma xiyyeeffannoo jalqabaa kenninuuf miti,'' jedhe.
Ispoortiin Keeniyaan sababa dawaa si’eessituun rakkoo keessa seene.
Bara darbe sadarkaa addunyaatti atileetoota qorannoo irratti gaggeeffame keessaa 40 % dorgommiirraa dhorkamaniiru.
Sirumayyuu dawaa si’eessituu fudhachuun sadarkaa olaanaarra waan qaqqabeef, Keeniyaan dorgommiiwwan id-addunyaarraa akka dhorkamtu Atileetiksiin Addunyaa yaada dhiyeesse ture.
Taatee kana hordofuun Ministeerri Ispoortii Sadaasa bara darbee yaa’ii Roomitti taa'ameerratti yeroon dabalataa akka kennamuuf gaafate.
Keeniyaan yeroo sanaaf dorgommii idil-addunyaarraa dhorkamuu jala miliqxus biyyoota ilaalcha sadarkaa addunyaatti jiru geeddaruuf hoji-maneetu ishee eeggata.
‘Meedaliyaa argachuu qofaarratti hin xiyyeeffannu’
Hagayya keessa dorgommii Shaampiyoonaa atileetiksii biyya Hangaariitti dorgomamuf qophaa'aa kan jiru yoo ta’u, Atileetiksiin Keeniyaa xiyyeeffannoo hordofaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Atiletiksiin biyyattii meedaaliyaa argachuuf otoo hin taane haala adda ta’een hirmaanna jedhan.
Atileetiksii Keeniyaatti Daarektarri Dargaggoota Ga’oomsuu Barnabaas Koriir,‘’dorgommii Shaampiyoonaarratti qabxii galmeessisuuf xiyyeeffannoo hin kenninu’’ jechuun BBC hime.
''Federeshinichi xiyeeffannoo kan kenneef atileetoota dawaa si’eessituutti hin gargaaramne eeguudha. Atileetota karaa haqa-qabeessa injifatan qabna,’’jedhe.
''Atileetoota dadhaboo jedhaman yoo fudhanne irraa baranna, dawaa otoo hin fudhatiin dorgomnaan firiisaa ni fudhanna,’’ jedhan.
''Kana booda meedaliyaawwan fudhachuu qofarratti xiyyeeffachuun hin dandeenyu,’’ jedhan.
Mootummaan Keeniyaa ispoortii biyyattii dawaa si’eessituurra qulqulleessuuf Doolara Ameerikaa miliyoomna 25 ramade.
Ministirri Ispoortii Abbaabbu Namwaambaa, atileetiksiin Keeniyaa fi Ejensii Biyyooleessa Farra Dawaa Si’eessituu maallaqa ramadame sirnaan itti gargaaramusaanii koree to’atu ni hundeessu jedhanii akka eegan dubbatan.
Barnaabaas akka jedhanitti Keenyaan biyyattiin rakkoo dawaa si’eessituun walqabatu hiiku dadhabnaan gatii jabduu baasuuf jirti.
''Sadarkaa addunyaatti akkatti ilaalamnu sirreessuuf lakkoofsa dorgomtootaa baayyee hir’isuu qabna,’’ jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Qorumsa gara fuulduraa
Keeniyaan biyyoota torba kanneen dawaa gargaaramuu jedhamanii shakkamuun garee ‘’A’’ jalatti qoodaman keessa jirti.
Gartuu naamusaa ’independent Athletics Integrity Unit’ jedhamutu Keeniyaa garee kanatti ramade.
Kana jechuun atileetiin Keeniyaa dorgommii gurguddoo irratti dorgomuuf ji’a 10 keessatti si’a sadii qoratamuu qabu.
''Garee A keessatti waggaa shaniif ramadamne, waggoota shanan dhufanitti kaayyoon keenya garee kana keessaa bahuudha,’’ jedhan Koriir.
''Atileetiksiin Addunyaa yoo xiqqaate qorannoo si’aa 3,000 barana karaa Ejensii Farra Dawaa Si’eessituu Keeniyaa akka taasifnu nu ajaje, Addunyaa waliin dorgomuu yoo feene kun haal-duree keessaa tokkodha,’’ jedhan.
Keenyaan dorgommii torban lama dura qopheessiteerratti atileetoota 1,500 ol hirmaachifte.
''Kaayyoo ijoon dorgommii biyya keessaa atileetota dandeettii fiigichaa qaban adda baasuudha, Ammatti garuu dorgommiitti gara tarree qorannoo naamusa atileetiksitti keessa galchaa jirra,’’ jedhan Obbo Barnaabaas.












