Hiika sagalee furdaa dhiirotaa fi sababa dubartoonni jaalataniif

Qorannoon akka jedhetti dubartoonni dhiira sagalee furdaa qabu jaalatu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qorannoon akka jedhetti dubartoonni dhiira sagalee furdaa qabu jaalatu
Maxxanfame

Namoota yeroo jalqabaaf yeroo walitti dhufnu, akkaataa dubbii isaanii irratti xiyyeeffanna.

Namoota yeroo duraaf walbarre qofa osoo hin taane namoota siyaasaa, hiriyyoota keenya, michuufi kaanis akkaataa dubbii isaanii ilaallee filanna ykn jaalanna.

Garuu maaliifi? Sababni isaas isa yaadnu caalaa sagaleen keenya waa'ee keenya waan dubbatu qaba.

Yunivarsiitii Mompeliyee Faransaay argamutti qorattuu xin-qooqa afaanii kan ta'an Melisaa Barkat Defrads, sagaleen keenya eenyummaa keenyas ibsa jedhu.

Sagaleen keenya sadarkaa hawaasa keessa jirrus ni ibsa jechuunis himu.

''Sagaleen keenya haala waliigalaa fayyaa keenyaa kan fayyaa sammuu keenyaa dabalatee ni hima. Qulqullinni sagaleen keenyaa waa'ee keenya odeeffannoo kana hunda kenna,'' jedhu.

Takka takka sagalee nama tokkoo dhageenyee waa'ee nama sanaa dursinee murteessina yookiin tilmaamna.

Garuu qulqullinni sagalee nama tokko namarraa eegnu kuni maali? Fakkeenyaaf nami tokko hoogganaa keenya akka ta'u akkamiin sagaleen filanna?

Yeroo filannoo namoonni bareechanii dubbatan filannoo injifatu. Namoonni sagalee ol qabanii dubbatan dorgomaa cimaa, fi amanamaa akka ta'etti bakki fudhatamu jira.

Sagaleen beekamtii dabala

Haala nama ajaa'ibuun sagaleefi akkaataan itti dubbannu jechuunis loqodi haala naannoo ilaalee ni jijjiirama.

Hiriyyoota sagaleen isaanii nu fakkaatu yookiin akka keenya dubbatan filannee hiriyyaa yerootti godhannu ni jira.

Yunivarsiitii Liyoonitti dhimma naamusaa [ethics] kan qoratan Katarzyna Pisacinki, haasaa guyyuu keessatti akkaataa nami kaan dubbaturraa kaasee sagalee keenya jijjiiruun waan baramedha jedhu.

Yoo nami tokko suuta dubbata ta'e suuta dubbanna. Yoo nami sun saffisaan dubbata ta'e saffisna.

Kuni tura keessa namoota waliin wal hubachuuf waan dhaqna godhannedha jedhu.

Haala kana keessatti, loqodi tokko kaanirraa bareeda jechuu dandeenyaa?

Akkuma yeroo dheeraaf sagaleen guddachuun namoonni siyaasaa beekkamtii akka dabalan taasisu, dhiirotallee hawwataa akka ta'an godha jedhama.

Akka qorannoon jedhetti, dubartoonni dhiira jaalatan bira sagalee isaanii gad qabu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Akka qorannoon jedhetti, dubartoonni dhiira jaalatan bira sagalee isaanii gad qabu

Melisaan dhimma sanyii hormaataan walqabata yaada jedhu qabu.

''Hammi hormaata testestiroonii [hormoonii qaama saalaa] dhiiraafi sagaleen nami sun qabu faallaadha. Namichi sagalee guddaa yoo qabaate hammi testestiroonii isaa xiqqaa dha.''

''Testestirooniin dhiirootaaf faayidaa baay'ee qaba. Haala hormaata isaaniirratti dhiibbaa qabaachuu qaba,'' jechuun ibsu.

Nami dhiiraa sagalee guddaa yoo qabaate, jaalallee hedduufi ijoollee hedduu horachuu danda'a jechuun ibsu. 

Humna sagalee isaan, akkasumas akkaataa sagalee baasuufi dubbatuun dhiirri jaalala isaa dubartii jaalatuuf ibsuu danda'a.

Sagaleen furdaa dubartoota ni hawwataa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sababa kanaafi baayolojistoonni dubartoonni sagalee olaanaafi furdaa ta'e akka isaan hawwatu ibsu.

Yaada kanarratti hundaa'un, sagaleen dubartootaa kam hawwataa akka ta'e ibsuu dandeenyaa?

Sadarkaa addunyaatti sagaleewwan garagaraa qorataman, dubartoonni sagalee guddaa qaban dafanii jaalallee argatu.

Sagaleen dubartootaa guddachuun umriifi bareedina isaanii mul'isas jedhama.

Qorannoon gama kanaan taasifame dubartoonni sagalee isaanii jaalallee yeroo argatanitti dabalu. Garuu kuni jijjiiramaa jira jedhu qorattooti tokko tokko.

Kana jechuun dubartoonni dhiira hawwataa biratti sagalee isaanii gad qabu.

Qorattuun Yunivarsiitii Liyoon Katarzyna Piscinki dhimma kana irratti qorannoo gaggeessaniiru.

Qorannoon kuni dubartoonni muraasni daqiiqaa jahaaf dhiiratti akka haasawaniifi isa jaalachuufi jaalachuu dhabuu isaanii akka qabxii kennamu ta'e. Yeroos sagaleen dhiiraas waraabamaa ture. 

Qorattuun kuni sagalee dubartootaa kana wal bira qabanii wanti argatan kana ture.

Dubartoonni dhiira jaalatan bira sagalee isaanii xiqqeessu, kan isaan hin hawwanne bira garuu sagalee isaanii guddisu.

Akkasumas dhiironni dubartoota sagaleen isaanii xiqqaate akka filatan bira gahan.

Qorannoon biraa dhiirotaafi dubartoota Faransaay irratti taasifamees kanuma ragaa bahe.

Dhiironni Faransaay dubartoota sagaleen isaanii xiqqoo ta’e caalsisanii filatu.