Waa'ee sagalee keessanii wantoota beekuu qabdan torba

Madda suuraa, Getty Images
Namni kamuu sagalee addaa kan nama biraatin walin fakkaanne waliin uumame. Sagantaan saayinsii kan BBC qorannoowwan dhimmi kanaan walqabatan hedduu qorachuun argannoowwan dinqisiisoo ifoomse.
1. Erga dhalannee kaasee akkaataa dubbii adda tahe qabaachuu
Daa'imman yeroo gadaamessa haadhaa keessa jiran irraa eegaluun akkaataa dubbii maatii isaanii dhaaluu eegalu.

Madda suuraa, Getty Images
Qorattoonni, daa'imman reefu dhalatan kan biyyoota Faransaayiifi Jarman irratti gaggeessaniin, daa'imman reefu dhalatan wayita boohan halluu sagalee afaan dhaloota isaanii akka qabu himu.
Akka qorattoonni kun jedhanitti daa'imman reefu dhalatan biyyoota garagaraa irraa walitti fiduun osoo walbira kaa'amanii akkaataa boo'icha isaaniitiin biyya dhaloota isaanii adda baasuun ni danda'ama jedhu.
2. Qokkeen keenyaa kara keessaatin sagalee inni dhageessisu

Madda suuraa, Getty Images
Sagaleen keenya kan eegalu keessoo caasaa lafee cinaachaa irraa yoo ta'u, hafuurri keessa keenyaa baafnu kuni dhiphatee karaa qokkee keenyaatiin bahuuni.
Adeemsi kunis Tiishuun lama kan 'vocal cords' jedhaman fulduraa fi duubatti kirkiruun sagalee uuma.
Kanaan alattis tumsa qooda fudhattoonni akka hidhii, maddii fi arrabaatin sagaleen nama kaanirra adda tahee uumama.
3. Sagaleen keenya maalif jabaachaa deema?

Madda suuraa, Getty Images
Sagaleen warra dhiiraa yeroo dargaggummaa isaaniitti ni jijiirama. Kunis sadarkaa kanatti qokkeen isaanii gara keessaatti waan gadi siquufi. Kunis sababa liqimsituu "Adam's apple" tiini.
Fageenyi qokkee fi afaan gidduu jiru ni dheerata. Kan dubartootaas adeemsa walfakkaatu qaba garuu saffisaa miti. Rukuttaan sagale isaaniis laafaa taha.
4. Namoota jaalattanitti fakkaachaa deemuu

Madda suuraa, Getty Images
Hammuma nama tokko jaalannu sagalee keenyas sagalee abbaa sanaatin walfakkeessaa deemna. Kanaaf dhiirri tokko dubartii yoo jaalate yeroo isheetti dubbatu sagalee isaa kansheetti dhiheessaa deema jechuudha.
5. Sagaleee keenyaa fi dulluma

Madda suuraa, Getty Images
Akkuma umriin keenya gara dullumaa deemuun, dibbeen sagalee keenya haphachaa deemuun hafuurri keessa gadi lixu waan jiraatuuf bifti sagaleessuu keenya ni jijjiirama.
Kana jechuun wayita umriidhaan achi siqaa deemnu jechoota dheeraa walitti fufiinsan dubbachuu hin dandeenyu jechuudha. Sababnisaas hargansuun keenya waan adda cicituufi.
Kana malees ribuun keenya dadhabaa waan deemuufis akkuma dulloomaa deemnu rukuttaan sagalee keenyaa olka'uu dandaha.
6. Sagaleen keenya yeroo dheeraaf dargaggoomee tura

Madda suuraa, Getty Images
Wanti dansaan, sagaleen keenya kutaalee qaamaa keenya biroorraa turee dullooma.
Kanaaf nama tokko sagaleesaa dhageenyee umriisaa tilmaamuuf osoo yaallee yeroo hunda umrii nama Sanaa gaditti tilmaamna jechuudha.
7. Sagalee keenya attamiin leenjifna?

Madda suuraa, Getty Images
Akkuma dulloomaa deemnu wiirtuwwan sagalee keenyas fayya qabeessa akka tahaniif akkuma qaama keenya biroo shaakala barbaachisa.
Isinis sagalee keessan bareechachuu fi akka barbaaddanitti qarachuuf shaakala armaan gadii bakka qofaa tahetti yaalaa. -Jecha afaan Ingilizii 'knoll' jedhu hamma dandeessan dheeressaatii waamaa. nooooooooo….-Sagalee keessan baayyee olkaasuun jedhaa 'k-n-oooooo..'-Itti fufiinsaan hanga sagaleen keessan gadi bu'aa deemutti jedhaa 'oooooooooo…'-Sagalee keessan gadi buusuunis hamma dheeressuu dandeessan guutuu jedhaa 'ooooooooooo…l-l'-Hamma dandeessan yaamtanii sagalee dhumaa yoo jettan sagaleen keessan adda cituu mala sababa hargansuu qilleensa gara keessaa seenuu dhabdaniif.-Shaakala kana irra deddeebiin itti fayadamuun sagalee keessan irratti jijjirama fiduu dandeessu.
Yookaan ammoo garee muuziqaatti (choir) keessa makamuun karaa ogummaan deeggarameen sagalee keessan sirreeffachuus ni dandeessu.














