Baayidan tokkoon tokkoo barattoota miiliyoonaan lakkaa'amanirraa liqaa doolaara 10,000 haqan

Pireezidant Joo Baayidan

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan barattoota miiliyoonaan lakkaa'amaniif liqaa baasii mana barnootaa akka haqaniif ibsan.

Maallaqa mootummaan federaalaa ramadeef doolaara kuma 10 kan ta'u tokkoon tokkoo isaanitiif haquuf waadaa galan.

Liqaa haquun kun carraansaa lammiilee Ameerikaa waggaatti galii doolaara kuma 125 gadi argatan ilaallata.

Barattoota carraa sagantaa deeggarsa maallaqaa mootummaa jalatti fayyadamaa turaniif ammoo liqaa doolaara kuma 20 haqaniiru.

''Kanaan booda liqiin barattootarratti ba'aa hin ta'u,'' jedhan Joo Baayidan.

Lammiileen Ameerikaa miiliyoona 43 ta'an liqii barattootaaf fudhatamu doolaara tiriiliyoona 1.6 ofirraa qabu.

Kanneen keessaa harka tokko shanaffaa kan ta'an liqii doolaara kuma 10 ofirraa qabu.

Kaffaltiin liqii walakkaa bara 2020 irratti yeroof dhababatee ture hanga xumura bara kanaatti akka turu murtaa'ee jira.

Tarkaanfiin Baayidan liqii namarraa haquurratti fudhatan kun namoota galii gadi aanaa qabaniif haara galfii ta'a.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Joo Baayidan erga dimokiraatonni jijjiirama fedhan dhiibbaa uumanii fi dhimma kanarratti guddoo dubbatanii booda liqii haquuf murteerra ga'an.

Maallaqi barattootarra jiru akka haqamuuf namoota dhiibbaa guddaa uuman keessaa Seenaatar Eelsaabeet Moorin fi Chaak Shumar isaan muummeyyiidha.

Karoorri isaanii namoota liqii ofirraa qaban hunda irraa doolaara kuma 50 hir'isuudha.

Murteen amma darbe garuu tokkoon tokkoon namoota liqii ofirraa qaban irraa doolaara kuma 10 hir'isuudha.

Karoora kana raawwachuuf mootummaan doolaara biiliyoona 300 baasuu qaba.

Baayidan tarkaanfiin kun ''haala diinagdee biyyattii giddu galeessa kan godhateedha,'' jedhan.

''Lammiilee Ameerikaa dafqasaaniin bulan gargaaruu kiyyatti hin gaabbu. Namoonni galii olaanaa qaban sagantaa liqii haquu kana keessatti fayyadamtoota hin ta'an,'' jechuunis ibsan.

Warri Rippaabilikaanotaa fi dimokiraatonni muraasni liqii haquun kun giphii lammiilee Ameerikaa keessatti maallaqa dabaluu waan fakkaatuuf qaala'iinsa jireenyaaf karaa saaqa jechuun qeeqan.

Barattoonni mootummaa federaalaa irraa maallaqa liqeeffachuun baratan hedduun namoota gurraacha.

Kanneen digirii baratan waggoota afuriif maallaqi isaan liqeeffatan gara doolaara kuma 25 ta'a.

Kunis kan lammiileen Ameerikaa adii ta'an liqeeffatan akkaan caala jedhamee tilmaamama.