Dorgommii Tiktokarootaa Afrikaan yeroo jalqabaaf qopheessiteen eenyutu injifate?

Madda suuraa, Getty Images
Toorri miidiyaa hawaasaa biyyoota Afriikaa keesaatti fayyadamtoota hedduu horataa jiru- Tiktok’n yeroo jalqabaatiif fayyadamtoota Afriikaa viidiyoo qabiyyee adda ta’e dhiyeessan badhaaseera.
Sirna badhaasaa magaalaa guddoo Keeniyaa Naayirootti gaggeeffame irratti biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadii irraa kanneen dhiyaatan keessaa ture filannoon kan gaggeeffame.
TikTok’n bara darbe ‘‘kanneen ogummaa fi kalaqa addaatiin miidiyaa hawaasaa irratti dhiyeessan’’ jechuun biyyoota Afrikaa adda addaa irraa kaadhimamtoota dhiyeesse.
Hirmaattonni miidiyaa hawaasaa- TikTikaroota jedhamuun beekaman kunneenis viidiyoowwan gagabaaboo qabiyyeewwan adda addaa qaban dhiyeessu.
Kaadhimamtoonni Afrikaa dorgommicha irratti dhiyaatan irra caalaan kanneen nyaata bilcheessuun, eegumsa bareedinaa fi kan dandeettii shubbisaa dhiyeessan turan.
Waltajjiin badhaasa TikTokaroota Afrikaa hirmaachisee kunis kaayyoonsaa ijoon, hirmaattota miidiyaa hawaasaa jajabeessuu akka ta’e, Ittigaafatamaan qabiyyee TikTok biyyoota Sahaaraan gadii Booniisawaa Siidiwaabaa dubbataniiru.
Itti dabalunis, ‘‘TikTok namoota qabiyyee dhiyeessaniif beekkamtii maluuf kennuun seenaawwan kan Afrikaa ta’an akka dhiyeessaniifi yeroo hunda wantoota nama gammachiisan warra kaaniif akka dhiyeessnaiif jajabeessuuf,’’ jedhan.
Dorgommichi kan dhiyaate Afriikaa bakka afuriitti adda qooduun yoo ta’u, kanaanis hojiiwwan TikTokaroota adda addaa Baha Afriikaa, Lixa Afriikaa, biyyoota Afriikaa Saaraan gadii fi naannoolee kibba Afriikaatiin adda qoodamuun dhiyaate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanneen dorgommicharratti kaadhimummaan dhiyaataniif injifatan keessaa lammiin Naayijeeriyaa, Keeniyaa fi Afriikaa Kibbaa hedduusaa to’ataniiru.
Haaluma kanaanis rammaddii Baha Afriikaafi biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadii keessatti lammiin Keeniyaa Naataashaa Giwaal fi Deeniis Ombaachii yoo injifatan, Lixa Afriikaa irraa lammiin Naayijeeriyaa Ifeeomaa Ifiokaawaa, Afriikaa Kibbaa irraa ammo Meeliisaan injifachu danda’aniiru.
Dorgomtoonnis dameewwan ogummaa adda addaa irratti dandeettii qaban, kalaqawwan gargaaraafi aadaa viidiyoowwan hojjatan gaggabaabduu keessatti mul’isu isaanitiif kan filamaniidha.
Lakkoofsi fayyadamtoota TikTok Afriikaa keessatti saffisaan guddataa kan jiru yoo ta’u, keessattuu Keeniyaa, Masrii fi Naayijeeriyaa keessatti lakkoofsi fayyadamtootaa dabalaa jiraachu ragaaleen ni mul’isu.
Itoophiyaa keessattis fayyadamtoonni viidiyoowwan qabiyyee adda addaa hojjachuun maxxansuun hordoftoota kumaatama horchaa jiran yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufaa jiru.












