Faarfataa Abeenezar Fiqiruu haadha warraa kadhachuuf haadholii jaarsummaa ergate

Madda suuraa, ABENEZER FIKRU
Aadaadhaan ilma gaa’ila dhaabbachuf umuriinsaa qaqqabe tokkoof intala kadhachuuf gara mana warra intalaatti kan jaarsummaa ergaman abbootii ture. Tibbana garuu waan hin baramne tokko dhagahameera.
Faarfataa Abeenazar Fiqiruu jedhama. Maatiin intala jaalatee jaalallee isaa tole jedhanii gaa’ilaaf akka kennaniif haadhoolii ulfoo jaarsummaa ergachunsaa miidiyaa hawaasaa irratti dubbii ijoo ta’eera.
Faarfataa Abeenazaris haala barame sana ‘cabseen’ haadhoolii ergadhee jedha.
Haata’u malee namoonni gochaa kana ajaa’ibsiifachuun yaadasaanii miidiyaa hawaasaa irratti qoodanis jiru.
Kanneen gaafattoota gaa’ilaa dhiira, maatii intalaa ammo hayyama kennitu taasisuun fudhachuun baayyee hin fudhatamneef, intala gaa’ilaaf kadhachuuf eenyumtuu ergamuun garaagarummaa hin qabu kanneen jedhanis jiru.
Haadholiin jaarsummaadhaaf gara maatii jaalallee Abeenezariitti ergamanis uffata/wandaboo aadaa uffatanii bareedanii mul’atanis miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa oole.
Faarfataa Abeenezar turtii BBC waliin taasiseen, maatiin jaalallee isaa ‘‘…Na fudhataniiru. Tole jedhanii intala saanii nu kennaniiru’’ jedheera.
Akka inni jedhetti, jaarsummaa haadholii erguuf akka yaade jalqaba kan hime abbaasaatti ture.

Madda suuraa, ABENEZER FIKRU
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
‘‘Jalqaba abbaakoo biran dhaqe. Jaarsummaadhaaf haadholii erguuf yaadeera maali jetta? Jennaaniin baayyee gammade’’ jedhe.
‘‘Haadholiif kabaja akka qabaattu goonee akka si guddifne natti agarsiisaa jirta’’ jechuun yaada isaa akka fudhatan dubbata.
Maatiin jaalalleesaattis jaarsummaaf dubartoonni akka ergaman dursee akka itti hime dubbata Abeenazar.
Maatiin jaalalleen ‘‘dubartoota erguun aadaadhaanis ta’e amantaadhaan waan faalleessuu hin qabu. Dubartoonni kabaja keenya malee, kan nama qaanessan akka hin taane waanan amaneef ergeera. Maatii ishees baayyee gammadan’’ jedhan.
Abeenezar wayita haadhoolii kanneen jaarsuummaadhaaf gara maatii jaalallee isaatti ergetti haala ture, ‘‘waan barameen ala waan ta’ef hubachiisuun qaba ture’’ jechuun ibsa.
Kanaafuu haadholii jaarsummaadhaaf filatetti yaada isaa ‘‘…waanan kabaja isiniif qabuuf osoon jaaarsummaa isin ergadheef na hin qaaneessitan. ‘maatiin ishee baayyee nutti tole. Kabajatu nutti dhagahama’ waan jedhaniif maaloo naaf deemaa’’ jechuun gaaffi akka dhiyeesseef dubbata.
Haadhooliin kunneenis gaaffii isaa fudhachuun maatii jaalallee Abeenezar bira deemuun maaloo ilma keenyaaf intala keessan nuu kennaa jechuun gammachuun deeman.
Haadhoolii jaarsummaadhaaf Dilbata Amajjii 15, 2-23 gara maatii intalaa ergaman kanneenifis simannaan taasifameef kan baayyee isaan gammachisee fi ‘‘gaaffii isaan dhiyeessan simanneera’’ jechuun deebii saffiisaa qabatanii deebii’an.

Madda suuraa, ABENEZER FIKRU
Gara mana jaalallee Abeenezar erga dhaquun gaaffiicha dhiyeessaniin booda, maatiin intalaas, ‘‘Haadholii dhaabuun baayyee nutti ulfaata. Dhaabbatanii intala keessan maaloo ilma keenyaaf kennaa jedhanii yoo gaafatan baayyee ulfaata’’ jechuun kabaja akka agarsiisan hima Abeenezar.
Innis dubartoota jaarsummaaf erguun oogummaa bareedaadha jedheera. ‘‘Dhugaa dubbachuuf haadhooliin dhaabbatanii kadhataa, lakkii jedhanii diduun, sa’aatii dheeraadhaaf isaan tursiisuun baayyee ulfaatadha’’ jedha.
Ilaalcha jaarsummaadhaaf dhiirota erguun maatii intalaa duratti ‘fudhatama ni qabaata’ jedhu akkasumas dubartoota jaarsummaadhaaf erguun akka waan maatii intalaa tuffachuutti ilaalama isa jedhu kan geeddareedha.
Haalli amma Abeenezar raawwate kunis faallaa ilaalacha baramee yoo ta’u, ‘‘hiikaa adda keennuufii waan narra tureefi haadholiin kabaja argachu waan qabaniif’’ haadholii kanneen jaarsummaadhaaf ergusaatti kabajni akka itti dhagahamu dubbata Abeenezar. Akkasumas maatiin kaadhimaa isaa birattilleen fudhatama argachu BBCtti himeera.
Gochaan Abeenezar haadholii jaarsummaadhaaf warra intalaatti ergunsaa kunis miidiyaalee hawaasaa ijoo dubbii ta’ee oleera.
Baayyeen haala barameen addatti jaarsummaadhaaf dubartoota filachuusaa dinqisiifachuun fakkeenya gariidha jedhanii yoo deeggaran, adeemsa waan barameen ala ta’eedha jechuun kan qeeqanis hin dhabamne.
Kana malees, jechu ‘‘jaarsummaa’’ jedhu mataansaa kan gahee dhiirotaa agarsiisuudha jechuun jechichuma irratti yaadaa garaa garaa kennuun kanneen gaaffii kaasanilleen hin dhabamne.
Haata’u malee tarkaanfii ija jabinaa Abeenezariin alatti, gaaffii isaa fudhachuun haala hin baramneetiin addatti haadhooliin jaarsummaadhaaf gara mana warra intalaa dhaqan akkasumas maatiin inatalaa haadhoolii kanneen gammachuun simatanii gaaffii isaaniis tole jechuun kan deebisaniif dinqisiifannaan akka ta’uf kanneen ibsan hedduudha.












