Loltuu qoccolloon saalaa hogganaashee itti hammaannaan of ajjeefte

Maxxanfame

Loltuun lammii UK qoccollaa saalaa hogganaanshee irraan gahaa tureen booda of ajjeesuu qorannoo dhaabbati waraanaa taasiseen mirkaneessuu hime.

Loltuun Jeeslii Beek jedhamtu kuni nama ganna 19 yoo taatu kaampii Wiiltsher Kibba Ingilaanditti argamutti reeffishee argame.

Gabaasi qorannoo waraanaa BBC harka gale, ''amala fudhatama hin qabne irra deddeebiin itti agarsiisaa ture, '' jedha.

Gabaasichi, ''sababiin du'ashee kana akka tahe mirkana jechuun danda'ama,'' jedha.

Hogganaan ishee dhihoo kuni du'asheen dura ji'oota lamaaf ''amala fudhatama hin qabne,'' kan itti agarsiisaa ture jedha gabaasni Roobii kaleessaa bahe.

''Gochaan nama kanaa du'asheen torbee tokko dura dhaabbatus dhiibbaan irra gahe garuu itti fufee fayyaa sammuushee miidhaa ture,'' jechuu ibsa gabaasichi.

Ergaa gabaabaa 1000 ol

Haati loltuu Jeeslii Beek mucaan isaanii qoccollaa ji'ootaan booda ''gadda'' keessa turte jedhan.

Gaafa duute sana akkamiin duute kan jedhuuf garuu kara seeraan waan mirkanaa'e hin jiru.

Qorannoon waraanaan taasifame, hogganaanshee maqaan hin dhahamne ishee wajjin hariiroo jaalalaa nama barbaadu yoo tahu, isheen immoo jaalallee akka qabdu itti himuun gaaffiisaaf deebii hin kennine.

Gabaasichi Onkololeessa 2021tti hogganaanishee ergaa gabaabaa barreefamaafi sagalee 1000 ol WhatsApp'dhaan isheef ergeera. Ji'a itti aanu ergaan kuni 3,500 gahee ture jedha.

Qabiyyee ergaa gabaabaa kana keessatti amala nama to'achuu keessatti mul'ateera.

Jaalallee akka qabdu irra deddeebiin mirkaneessuuf yaaluun dabalataan, yaada isheen nama biraa wajjin tahuu akka fudhachuu hin dandeenye hima.

Jeesliin jalqabarra hogganaashee akka hiriyyaatti dhiyeessuun hubachuuf yaaltus du'asheen torbanoota dura garuu, ''kana caalaa hin danda'u, waan tahaa jiru na cabsaa jira,'' jetteenii ture.

Loltuun kuni waan irratti raawwachaa ture qaama ilaallatutti hin gabaasne, ture, kan gabaaseef nama biraadha.

''Sababiin isaas loltuu gameessa biraan qoccollaan saalaa irra gahe himattee akkaataan dhimmishee itti ilaalameen gammaddduu waan hin turreefi,'' jedhu haatishee.

Dubbii himaan waraanaa, '' yeroo ulfaataa kanatti maatii loltuu Jeeslii Beekiif gadda nutti dhagahame ibsina,'' hamma qorannoon dabalataa adeemsifamutti kanarraa waa akka hin dubbannees himan.

Ministeerri Ittisaa biyyattii loltuunn tajaajilarra jiran muxannoo isaanii waggaa lama darbanii qooduun odeeffannoo walitti qabamaa jiru akka deeggaran gaafate.