Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yukireen haleellaa banteen ittisni cimaan Raashiyaarraa ishee mudataa akka jiru amante
Haleellan Yukireen bifa haaran Raashiyaarratti bante akka yaaddetti saffisaa akka hin jirre Pirezidaantin biyyattii Volodmir Zeleniskiin amanan.
"Namoonni tokko tokko kuni fiilmii Hooliyuud itti fakkaata. Garuu miti, kuni waa'ee lubbuu namaati" jechuun BBC tti himan. Dirree waraanarratti mo'icha argataa jiraatanis Raashiyaarraa ittisni cimaan isaan mudataa jiraachuu dubbatan.
Yukireen daangaa Raashiyaadhan jalaa qabame deefachuuf yeroo dheeraf haleellaa bifa haaran nan eegala jettee dubbataa turte. Kanaafis meeshaalee waraanaa garaa garaa biyyoota lixaarraa deeggarsaafi bittaan kuufataa turte.
Amma haleellaa eegalteen naannoo Zapporeezhiyaafi Doneetiskitti mandara 8 Raashiyaa jalaa bilisa baasuu beeksifte.
"Namoonni tokko tokko nurratti dhiibbaa gochuu [akka dafnee mo'annuuf] barbaaduu dabalatee waanti isaan nurraa barbaadan waan fedhe yoo ta'es, yaada isaanii kabajaa akkaataa nuuf mijatuun dirree waraanaa irratti milkaa'ina argachuu itti fufna," jedhan Zeleniskiin.
Gama biraan ammoo NATO irraa wabiin nageenyaa akka kennamuufii qabu jala muranii dubbatan.
Barreessaa olaanaa NATO kan ta'an Jeens Istooltenbarg walgahii NATO ji'a dhufu Lituuniyaatti taa'amu irratti waayeen Yukireen gamtichatti dabaluu ajandaa akka hin taane ibsan.
Zeleniskiin BBCtti akka himanitti biyyi isaanii xayyaara waraanaa ammayyaa USn omishtu F-16 jedhamuun beekamu argachuun akka isaan barbaachisuufi Raashiyaa daangaa isaanii keessaa baasuuf murteessaa ta'uu himan.
Sababa waraana kanaan diinagdeen Yukireen bara 2022tti 29.2% gadi bu'e. Baankin Addunyaa ammoo Yukireen waraanan mancaate deebisanii ijaaruf dolaara biliyoona 411 akka barbaachisu ibse.
Zeleniskiin garuu deeggarsa deebisanii Yukireen ijaaruu osoo hin taane deeggarsa Yukireen jijjiirutu barbaachisa jedhan.
"Tarkaanfiwwan ariifachiisan fudhatamuu qaban lammiilee Yukireen [faffaca'anii] jiraniif iddoo jireenyaa mijeessufi hidha Kakhoovaa haleellan jige deebisanii ijaaruudha," jedhan Zeleniskiin.
Gama biroon ammoo, guyyoota muraasa dura Raashiyaan boombii nikularaa gara Beelarus geessuu mirkaneessitee turte. Joo Baayidan ammoo Puutin boombii nikularaa kana itti fayyadamuu akka danda'u akeekkachiisan.
Waa'ee sodaachisa Puutin boombii nikularaa fayyadamuu kana ilaalchisee Zeleniskiin, erga bara 2014 Raashiyaan Kirimiyaa humnaan fudhattee kaatee Puutin nama yaaddoo uumu ta'uu dubbatan.