Waayee qaama xiyyaaraa Qilinxootti omishamee Boeing'f dhiyaatuu maal beekna?

Sirna waliigaltee qondaaltota Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Komishinii Inveestimeentiifi Koporeeshinii Misooma Paarkilee Indaastirii

Madda suuraa, Ethiopian Investment Commission

Maxxanfame

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa qaamolee xiyyaaraa omishee kaampanii Ameerikaa guddicha xiyyaarota omishu Boeing'f dhiyeessuuf bajata doolaara miiliyoona 15 ramaduu beeksiseera.

Dhaabbatni kun hojiilee omisha qaamolee balalii (aerospace manufacturing) eegale jabeessuuf piroojektii haaraa jalqabee marsaa duraan doolaara miiliyoona 15 akka ramade kan beeksise dhuma torbee darbee ture.

Dhaabbatichi Jimaata darbe karoora qaamolee xiyyaaraa omishuuf qabate milkeessuuf dhaabbilee biyya keessaa lama waliin waliigaltee raawwateera.

Dhaabbatichi Komishinii Investimeentii Itoophiyaafi Korporeeshinii Misooma Paarkilee Indaastirii waliin waliigaltee waliin hojjechuu wayita mallatteessuu, piroojektiin isaa haaraan kun namoota 300 ta'aniif carraa hojii akka uumu ibseera.

Daandiin Qilleensaa Afrikaa keessatti adda duree ta'e kun ALI bara 2009' tti ture wiirtuu qaama xiyyaarotaa oomishu kan hundeesse.

Amma dhaabbatichi Boeing' f qaamole xiyyaaraa omishee dhiyeesuuf waliigalteerra gahamuu Royitarsi dabalatee miidiyaaleen kaan kan gabaasan ta'us, Boeing hanga ammaa waayee waliigaltee kanaa ibsi kenne hin jiru.

Qaamoleen xiyyaaraa omishaman aircraft thermo-acoustic, insulation blankets, electrical wire harnesses jedhamaniif kaanis akka ta'an Komishiniin Inveestimeentii Itoophiyaa ibseera.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa yaada miidiyaa hawaasaa X, tiwiitar jedhamuun beekamaa ture irratti maxxanseen warshaan qaamolee xiyyaaraa omishu kun Paarkii Indaastirii Qilinxoo isa lammataa keessatti lafa heektaara afur irratti ijaaramee hojii akka eegalu ibseera.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa gidduugalicha irraa %51 yoo qooddatu kan hafe %49 ammoo kan SkyTecno jedhamuuti.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa fi kaampaaniin Geven-SkyTecno waliin tahuun bara darbe ture gidduugala oomisha qaama xiyyaara 'Boeing 737 MAX' kan eebbisiisan.

Akka waliigaltee isaaniitti qaama xiyyaarichaa Xaaliyaanii fi Itoophiyaatti oomishuun kaampaanii Boeing'f dhiyeessu.

Haata'u malee yoom hojii akka eegalu wanti jedhame hin jiru.

Dhaabbatichi ibsa isaa keessatti qaamolee xiyyaaraa Boeing'f dhiyeessaa akka tureefi piroojektiin haaraan ammoo fedha dhiyeessii qaamolee xiyyaaraa dabalaa jirurraa akka fayyadamu akka gargaaru ibse.

Carraa hojii uumuufi sharafa biyya alaa fiduuf gumaacha akka godhus ibseera.

Rooyitarsi gabaasa isaa keessatti daandileen qilleensaa akka KQ, hanqina galteefi qaama xiyyaaraan hubamaa akka jiran himuu gabaaseera.

Itoophiyaan hanqina qaamolee xiyyaaraa sababa waraana Raashiyaa fi Yukireeniin dhalatee daandilee qilleensaa hubaa jiruun miidhamuufi dhiisuu irratti wanti jedhame jiraachuu baatus, gabaa guddaa jiru kana fayyaamuuf kutannoon jiraachuu isaaf piroojektiin haaraan kun agarsiistuudha.

Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa, kan xiyyaarota 140 qabu, waxabajjii darbe ibsa kenneen bara bajataa darbe galiin argate akkaan dabalee doolaara biiliyoona 6.1 gahuu ibsuu Rooyitarsi gabaaseera.