Gareen 'angawoota mootummaa haleeluun hokkara uumuuf' turan to'atamuu poolisiin hime

Namoonni haleellaa raawwachuun hookkara raawwatuuf turan jedhaman Finfinnee dabalatee mandheeffatanii sosso'aa akka turan poolisiin ibseera

Madda suuraa, Federal Police

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni haleellaa raawwachuun hookkara raawwatuuf turan jedhaman Finfinnee dabalatee mandheeffatanii sosso'aa akka turan poolisiin ibseera
Maxxanfame

Gareen namootaa aangawoota mootummaarratti haleellaa raawwachuun guutuu biyyaatti hookkara kaasuuf turan jedhee shakke to'achuu poolisiin Itoophiyaa hime.

Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti namoonni shakkaman kuni Finfinneen ala magaalaa Adaamaa, Bahaardaariifi Dirree Dhawaattis haleellaa raawwatuuf ture turan jedhame.

Namoota to'atamuun isaanii ibsame keessaa beektota, aktivistootafi abbootiin qabeenyaa miidiyaa qaban kan of-keessatti hammateedha jedhameera.

Poolisiin maqaafi suuraa namoota badii qindeessaa turan jedhe ummataaf ifa godheera.

Magaalaa guddoo Itoophiyaa Finfinneetti gareewwan adda addaa badii raawwatuuf turan jedhaman yeroo to'ataman kuni yeroo duraaf miti.

Akka gabaasa miidiyaaleetti gareen kun Naannoo Amaaraa, magaala Finfinneefi naannolee biroo keessa buufachuun sochii taasisaa turan.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad dhihoo parlaamaa yeroo dhihaatanitti Finfinneen ''bakka jeequmsaa akka hin taane ammas hojiin ciminaan hojjetama,'' jedhuun himaniiru.

Namoonni to'atamuun isaanii kan ibsames eega dhihoo oppireeshinii gaggeessaa jirra jedhanii paarlaamaatti dubbatan boodadha.

Gareen ibsa bahe irratti 'finxaaleyyii' jedhamuun ibsaman kun ummanni Amaaraa 'dhiibbaa hamaa keessa jira' jechuun socho'aa jiru.

Dabalataanis, ummaticha hokkaraaf kakaasaa jiraachuufi caasaa isaa naannoo Amaaraa, Finfinnee fi yuunivarsiitiiwwan biyyattii keessatti diriirfamuu poolisiin ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dabalataanis gareen kun 'ummata bilisa baasna' jechuun hokkara kaasuu cinaatti humna hidhate ijaaruun meeshaa waraanaan magaalota keessattuu qondaaltota mootummaarratti haleellaa banuuf qophii gochaa turaniiru jedha ibsi bahe.

Kanuma galmaan gahuuf meeshaalee waraanaa nama dhuunfaan qabatamanii kaasee hanga meeshaalee gurguddaatti gara magaala Finfinneetti galchaas turaniiru jedhe ibsi gaafa Kibxataa bahe.

Magaalaa Bahirdaar bu'uura godhachuun namni meeshaalee waraanaafi lojistikii gara Finfinneetti daddabarsaa ture hordoffii godhameen to'atamuullee ibsame.

Miseensonni garichaa biroo naannawa Laga Xaafoofi Finfinneetti garicha qindeessaa turan jedhamanillee to'atamuu ibsameera.

Torban muraasa dura kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee namoonni naannoleerraa gara magaalaa Finfinnee ''godaanaa'' jiru jechuun yaaddoo ibsaniiru.

Naannoolee namoonni biraa godaanaa jiru jedhaman keessaa tokkommoo Naannoo Amaaraadha. Dubbii isaanii kana paartileen mormituu qeeqanii turan.

Jiraattonni Naannoo Amaaraa gara Finfinnee imaluu rakkatuu irra-deddeebiin komataa turani.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad ''Bilisaan socho’uun mirga lammiilee Itoophiyaa hundaati. Garuu yakkaaf yoo ta’e hin eeyyamamu,'' jechuun dhihoo dubbatanii turan.