Masiriin shaakala waraanaa qilleensarraa jabaa Chaayinaa waliin gaggeessite

Madda suuraa, Biizinas Insaayider Afrikaa
Masiriin humna ittisaa ishee jabeeffachuuf Chaayinaa waliin shaakala waraanaa jabaa gaggeessaa jirti.
Hagayya 2026 keessa Chaayinaa fi Masiriin shaakala waraanaa qilleensarraa maqaa Risaa Qaroominaa 2026 ykn 'Eagles of Civilization 2026' jechuun moggaasan waliin gaggeessan.
Biyyoonni Afrikaa Kaabaa bakka wal dorgommii biyyoota addunyaa irratti humna jabaa qabanii tahaniiru.
Morookoon Ameerikaa waliin, Aljeeriyaan ammoo Raashiyaa hariiroo cimaa qabu.
Chaayinaan Masirii, Taayilaandii fi Beelaarus waliin shaakala waraanaa cimaa gaggeessite. Biyyoonni kunneen oppireeshinii waraanaa idil-addunyaaf qophii tahuu gabaasaaleen himaniiru.
Humna Bilisummaa Uummataa ykn PLA jedhamuun kan beekamu humni qilleensaa Chaayinaa shaakala kana gaggeessuun humna isaa biyyoota birootti bobbaasuu akka danda'u agarsiiseera.
Biyyoota murteessoo waliin hariiroo cimaa uummachuuf jecha al takkaatti biyyoota kanneen waliin shakala gaggeessan.
Masiriin Chaayinaa waliin Morookoon Ameerikaa wlaiin Aljeeriyaan Raashiyaa waliin michummaa cimsataa jiru.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Biyyoonni kunneen Afrikaa irraa baajanni humna waraanaa isaaniif ramadan baay'ee guddaadha.
Chaayinaan gama waraanaan Masirii qabattee Afrikaa galuu
Shaakalli waraana qilleensarraa Chaayinaa fi Masiriin waliin gaggeessan haleellaa qilleensarraa qolachuu, oppireehsinii qilleensarraa karaa caalmaa qabuun raawwachuu fi ergama lubbuu baraaruu raawwachuu fa'aa of keessatti qaba.
Chaayinaan Masirii kan filatteef humna waraanaan Afrikaa keessaa biyya adda duree waan taateefi jedha gabaasni Biizinas Insaayider Afrikaa baase.
Humni Qilleensaa Masirii xiyyaarota waraanaa Ammayyaa Ameerikaa, Faransaayii fi Raashiyaa hidhateera.
Bakki argama Masirii, Bo'oo Suuwiiz to'achuu ishee fi dhiibbaa isheen Baha Gidduugaleessaa fi Kaaba Afrikaa keessatti qabdu akka biyyoonni gurguddoo addunyaa michumma aishee waliin cimsachuuf wal dorgoman taasiseera.
Shaakala 'Qaroomina Risaa'' jedhamee moggaafame kana bara 2025 keessas raawwataniiru.
Yeroo sana Chaayinaan humna qilleensaa ishee guutuu J-10C, KJ-5000 fi YY-20 xiyyaarota boba'aa guutuuf oolan gara Masiriitti bobbaasteetti.
Akka gabaasa Chaayinaa Giloobaal Taayimsi jedhutti humni qilleensaa Chaayinaa PLS jedhamu yeroo jalqabaaf humna qilleensa irraa gara Afrikaatti erge.
Shaakalli kunis waraana qilleensarraan olaantummaa fudhachuu, Humna ittisaa qilleensa diinaa cabsanii seenuu, adda waraanaatti barbaacha miseensaa gaggeessuu, lubbuun oolchuu fi oppireeshiniiwal xaxaa gaggeessuu irratti kan xiyyeeffate ture.
Ogeessonni waraanaa akka jedhanitti shaakalli kun Chaayinaan oppireeshinii gurguddaa fageenya irratti akka gaggeessitu ishee gargaara. Michoonni ishees waa'ee teeknoloojii aviyeeshinii Chaayinaa fi tooftaalee ittisaa ishee akka hubataniif gargaara jedhan.
Morookoon shaakala waraanaa 'African Lion' jedhu Ameerikaa wlaiin gaggeessaa turte. Kanaan Raabaat humna waraanaa isaa cimsachuuf F-16 Block 71 xiyyaara waraanaa jedhamu, helikoopteroota Appaachee fi sirna rookkeettii HIMARS jedhaman hidhataniiru.
Aljeeriyaa fi Morookoon akkuma morkattoota walii tahan Raashiyaa waliinis hidhata cimaa qabu. Raashiyaan xiyyaarota waraanaa lamaan isaaniif dhiyeessiti.
Aljeeriyaan xiyyaarota waraanaa Raashiyaa Su-30, Su-34, S-300 jedhamanii fi sirna ittisa qilleensarraa S-400 jedhaman argatteetti.
Humni Qilleensaa Chaayinaa PLS jedhamu kun oppireeshinii waraanaa ''Swift Eagle 2026'' jedhamu Beelaaruus waliin, ''Falcon Strike 2026'' kan jedhamu Taayilaand waliin gaggeesseera.
Masiriin Chaayinaa, Raashiyaa fi Ameerikaa waliin michummaa fi waliigaltee waraanaa guddaa qabdi.
















