Magaalaa Finfinneetti qaamoleen 'maqaa amantiin namoota waraanaaf leenjisaa turan' to'ataman

Meeshaalee waraanaa qabaman

Madda suuraa, Ethiopia Federal Polics/FB

Maxxanfame

Gamtaan humna nageenyaa fi tika biyyaalessaa irraa hundaa'e namoonni maqaa amantiin gocha shororkeessummaaf of ijaaraa turan sakatta'iinsa taasifameen to'achuu Poolisiin magaalaa Finfinnee Samabta har'aa (Fulbaana 10, 2022) feesbuukiisaarratti maxxanseera.

Namoonni kunneen Bulchiinsa magaalaa Bulbulaa keessatti iddoo amantii jechuun bakka qabatanii turanitti karaa seeraan alaa namoonni walitti qabuun leenjii waraanaa kennaa turan jedha gabaasi kun.

Karaa duudhaa fi barsiisa amantaa faallaa ta'een osoo leenjii meeshaalee waraanaa kennaniin qabamuu Gamtaan Humna Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaarraa hundeeffame ibseera.

Namoonni kunneen iddoowwan dahannoo afur qopheeffachuun shaakallii waraanaaf itti fayyadamaa turuuf gamtaan kun ibseera.

Shakkamtoonni kunneen kanneen balleessaa balleessaniiru ittiin jedhan mana hidhaa qopheessuun itti hidhaa turuu akka adda baase gamtaan kun ibseera.

Namoonni maqaa amantiin socho'an kunneen gocha faallaa amantii raawwachuusaanii adda baasuu kan ibse qaamni nageenyaa kun, ALI Qaammee 04, 2014 oppireeshinii gaggeesseen meeshaa kilaashii fakkaatu afur rasaasa 368 waliin, kaazinaa kilaashii 4, shugguxii afur rasaasa 29 waliin fi meeshaa ittiin dahannoo boollaa qotatan afur waliin qabuu ibse.

Kaameeraa lama teessoo isaa waliin, kompiyaataroota afur, Hard Dis ja'a, CD afur, filaashii shan, tirika ammayyaa fi meeshaalee kanneen fafakkaatan hedduu qabuus ibseera.

Kana malees maallaqa yuuroo 300 fi birrii kuma 390 ta'us qabuun galii gochuu eereera.

Oppireeshinii kanaan ''namoonni maqaa amantii jala dahachuun gocha shororkeessummaa raawwachuuf qophaa'aa turan'' 31 qabamuu gareen oppireeshinii gaggeesse kun ibseera.

Jalqaba kan eeruu kenne uummata naannoo ta'uunis ibsameera.