Magaalaa Finfinneetti boombiin dhohee miidhaa qaamaa namarraan gahe

Bakka dhohiinsi boombii itti gaggeeffame

Madda suuraa, ADDIS ABABA POLICE

Maxxanfame

Magaala Finfinnee giroosarii [mana dhugaatii] tokko keessatti guyyaa Kamisaa boombii dhoheen namoota torbarratti miidhaan qaamaa dhaqqabuu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise.

Dhohiinsi kun kutaa magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 9 bakka Gooroo jedhamutti akka dhaqqabe.

Bakki balaan itti dhaqqabe giroosarii Wiikar akka jedhamuufi kunis galgala keessaa sa'aatii saditti kan raawwate ta'uu poolisiin beeksiseera.

Boombii dhohe kanaan kanneen miidhaman waldhaansa fayyaa argataa akka jiran ibsame.

Dhohiinsa kanaan wal qabatee poolisiin qorannoo akka eegale beeksise.

Ibsi poolisiin magaala Finfinnee baase kun dhohiinsi boombii kun eenyun akka gaggeeffame kan hin ibsine yoo ta'u, "Nageenya magaala keenyaa kan jeequ waliin taanee humnoota farra nageenyaa faccisuu qabna" jedhe.

Humnoonni farra nageenyaa kun eenyu akka ta'an garuu poolisiin hin ibsine.

Dabalataanis, "Dhaabbileen tajaajila kennan nageenya waloof jecha eegumsaafi sakattaa irratti xiyyeeffachuu qabu" jedheera poolisiin Finfinnee.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanumaan wal qabatee hojii to'annoo meeshaalee waraanaa seeraan alaa taasifameen meeshaaleen garaa garaa magaalaa Finfinnee seenuf jedhan qabamuus ni addeessa ibsi kun.

Yeroo garaa garaatti meeshaalen waraanaa magaala Finfinnee galaa turaniifi dhokfaman danuun to'atamuus beeksise.

Poolisii fi tajaajilli tikaa fi odeeffannoo biyyaalessaa waliin ta'uun kutaalee magaalaa heddu keessatti mana namoota daddabarsa meeshaalee waraanaatiin shakkamaniitti sakattaa tasaa taasisaniin shugguxiiwwan, rasaasa garaa garaa fi boombiiwwan harkaa to'achuu isaanii ibse poolisiin.

Kanaanis kutaa magaala Laaftoo aanaa 11 fi 14'tti namoonni daddabarsa meeshaalee waraanatiin shakkaman afur to'annoo jala ooluu hime.

Mana isaanii keessas shugguxii 5 fi rasaasni garaa garaa 53 yoo qabamu kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 13'tti ammoo shuggiixii 4 rasaasa garaa garaa 30 fi boombi harkaa 1 to'atameera.

Kutaa magaalaa Gullallee aanaa 10 naannoo Fiinaansii jedhamutti sakattaa taasifameen konkolaataa tokko keessatti boombin harkaa 15 yoo qabamuu poolisiin beeksisee ture.

Walumaa galatti magaalaa Finfinnee keessatti sakattaa poolisiin gaggeessen boombin harkaa 16, shuggii 9 fi rasaasa garaa garaa 83 to'achuudhan namoota kanaan shakkaman 11 to'annoo jala oolchuu Poolsiin Finfinnee beeksisee ture.