Yoomiifi attamiin akka duunu osoo dursinee beekna ta'eehoo?

Madda suuraa, Getty Images
Nutis, namni nuti beeknu hundis guyyaa tokko du’uun hin oolu.
Akka ogeessonni xiinsammu tokko tokko jedhanitti, dhugaan namatti hin tolle kun yeroo hunda yaada keenya keessa tura.
Wantoota raawwannu kanneen akka mana amantaa sagadaaf dhaquu, soorata nyaannu, ijoollee horachuu filachuufi hiriyyoota qabaachuuf kan nu kakaasudha.
Namoota fayyaa qabaniif, duuti yeroo hedduu duuba yaada isaanii keessa kan turuu fi sadarkaa hin hubatamneen kan dhiibbaa irratti taasisuudha.
''Yeroo baay’ees osoo hin hubatin, kan duunu ta'u keenyayyuu osoo hin yaadanne guyyaa keenya dabarsina,'' oggeessii fayyaa daa'immanii Kiriis Feudtner akka jedhanitti.
Garuu osoo shakkiin waa’ee du’aa keessa keenya jiru badee maaltu uumama laata?
Akka tasaa yoom akka duunuu fi akkamiin akka duunu yoo nutti himame hoo?
Kun haala qabatamaadhaan ta'uu waan hin dandeenyedha.
Waan hin danda’amne ta’es, yaadi utuu kun waa’ee kaka’umsa nama dhuunfaa fi hawaasaa irratti deebii kennuu danda’a.
Akkasumas akkamiin yeroo murtaa’aa addunyaa irratti qabnu akka dabarsu qabnuuf yaada nu kennuu danda’a ta’a.
Bara 1989’n keessa, ogeessotni xiinsammuu yeroo dhalli namaa wanta yeroo kamittu du’uu dandeenyu ta’uu keenya yeroo hubannu dhiphuu fi gadadoo dhufu akkamiin to’achuu danda’ama jedhu irratti qorannoo eegalanii turani.
Tiwooriin To’annoo Sodaa, (Terror management theory) dhalli namaa sodaa jireenyaa isa guddaa ofirraa ittisuuf jecha ilaalcha bu’uura aadaa qabu kan akka addunyaan, ykn jireenyi keenya gatii qaba jedhutti of madaqse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qorannoowwan 1,000 ol gaggeeffameen, yeroo akka duunu yaadannu, amantaa bu’uuraa keenyatti akka caalaatti cichinuu fi gatii keenya guddisuuf akka yaallu qorattoonni bira gahaniiru.
Akkasumas waa’ee amantaa keenya irratti of eeggannoo guddaa gochuun, yoo sanarratti mormiin ka’e hokkoraan deebii kennu malla.
Yeroo waa’ee du’aa yaadannu, warra bifaan, siyaasaan, bakka dhalootaa fi amantiin nu fakkaatan kaan caalaa ofitti siqsina. Warra wanta nuti jaallannu waliin walii hin gallee ykn faallessan waliin ammo gara walloluutti deemna.
Dabalataani, safuu fi naamusa hedduu duubatti jechuun, garmalee dhuguu, tamboo xuuxuu, nyaachuu fi mi’a bitachuu baay’isuun, waa’ee naannoo keenyaaf dhimma qabaachuu hir’isaa deemna.
Yoo namni hundi tasa yeroo fi akkamiin akka du’an barani, hawaasa keessatti - jibbi sanyummaa, jibbi lammii biyya biraa, lolli, waraanni, of miidhuun fi naannoo ofii barbadeessuun isa amma jiru caalaatti hamaachaa deemuu mala.
Qorattoonni mala yaada “ilaalcha du’aa” jedhu irratti qorannoo gaggeessaa jiranis, namoota waa’ee du’aa walumaagalatti qofa osoo hin taane akkamiin akka du’an irratti akka yaadaniif yoo gaafanne, deebiin namoota garaagaradha,
Namootni caalaatti garaa garummaatti xiyyeeffatan - fakkeenyaaf barbaachisummaan isaa jiraatus dhabus, dhiiga gumaachuu eegalu. Dabalataanis, waa’ee jireenya isaanii garummaas ta’e hamaa isaa caalaatti xiinxaluu ni eegalu.
Akka argannoo kanaatti waa’ee yeroo du’a keenyaa baruun, sodaa guddaa fiduurra akka karoora jireenya keenya uumnuu fi hawaasa keessatti hirmaannu nu gochuu danda’a.
Jireenyi umurii ganna 13 ykn 113’ttis yoo dhume, qorannoon akka agarsiisutti namootni dhibee wal’aansa hin qabneen hubaman deebiin du’aaf qaban salphaadha.
Namootni dhibee akkanaa qaban yeroo hedduu sadarkaa yaadaa lama keessa darbu.
Jalqaba dhukkubni isaanii fala kan hin qabne yoo ta’e, hagam tattaafatanis du’uun isaanii kan hin oolle akka ta’e baruuf gaaffii kaasu.
Sana booda, yeroo isaaniif hafe akkamiin akka dabarsuu qaban yaaduu eeegalu. Hedduun isaani filannoo lama keessaa tokko filatu.

Madda suuraa, Getty Images
Humna isaanii hunda dhibee isaanii mo’achuu irra oolchu ykn dhibee isaanii simachuun yeroo hafeef wanta isaan gammachiisu gochuun dabarsuuf murteessu.
Namoota balaa guddaa irraa oolan irraa ragaan argame ammo, yeroo murtaa’aa akka qaban baruun isaani, jireenya ofii foyyeessuuf akka kaka’umsa kennu agarsiisa.
Namoota akkanaa irraa odeeffannoo bu’uura funaanuun cimaa ta’us, hedduun isaanii jireenyi isaanii waan gaariif akka geeddarame himu.
Jeequmsa amantaa
Dhugumaan dubbachuuf, addunyaarra eessayyu jiraanne, yoo yoomii fi akkamiin akka duunu barre, jireenyi keenya guddaa geeddarama.
Amantiiwwan jiraniis hundee isaaniitii raafamu.
Hariiroowwan namoota gidduu jirus miidhamuun isaa hin oolu.
Nama guyyaan du’a isaanii kan ofiitti dhiyoo ta’e waliin hariiroo eegaluun barbaachisaa ta’aa deema.
Haaluma wal fakkaataan saamuda fudhatamuun yoo guyyaan du’aa baramuun danda’ame, maatiin tokko tokko, daa’imman dhalatanii yeroo gabaabaa keessatti du’an, gadda daa’imi jalaa du’uu irraa of baraaruuf jecha, ulfa baasisuu danda’u.
Kaan ammoo, ofii isaanii – umurii murtaa’erra darbanii akka hin jiraanne yoo beekan, ariitiin daa’imman horachuu yaaluu danda’u.
Industiriin awwaalchaas kanaan miidhamuu mala, sababiin isaas maamiltonni isaanii maatilee gaddarra jiran osoo hin taane, namoota lubbuun utuu jiranii du’a isaanii eegan ta’u.
Kanaaf, yeroo fi akkaataa du’a keenyaa baruun, jireenyi keenya haala gurguddaan akka jijjiiramu ni taasisa.












