Irra deddeebiin yoo sobne dhugaa fakkaachuu danda’aa? Namoonni hoo ni amanuu laata?

Madda suuraa, Getty Images
Elzaabet Holmiis, Sorkan fi Saayiman Leeviiv ni sobu turan. Sadan isaanitu yeroo tokko sobaan namoota baayyee mooksanii ture.
Elzaabeet ‘dargaggoo ofii isheen miiliyeenara of taasifte’ jedhamuun badhaafamte turte. Amma garuu sobaan himatamte hidhaa buutee jirti.
Anaan ammo maatii koo irraa qabeenyaa baayyee ‘dhaaleera’ jechuun erga namoota baayyee amansiifteen booda, doolaara kuma dhibbaan lakkaa’amu saamte.
Saayiman ammo sobaan doolaara gara miliyoona 10 ta’u waliin dhaheera. Anaan, Elzaabeetiifi Saayiman kan soban adunyaa qofaa miti. Ofiisaanitis akkasuma sobaniiru malee.
Dhugaa jirtu haaluun, wanti gochaa jirruu sirriidha jechuun amananii ture.
Namoonni addunyaa kanarratti of sobanis isaan qofaa miti.
Baayyeen keenyas ofii keenya ni sobna. Sababiinsaas, akka waa’ee ofii keenyaa mirrii gaariin nutti dhagahamufi namoota amansiisuu waan barbaadnuufiidha.
Saayinsiin akka jedhuutti, sobą keenya nuti yoo amanne, namoota ammoo haala salphaa ta’een amansiisuu ni dandeenya.
Qorattoonni qor-qalbii akka jedhaniitti, namoonni ofiisaanii yoo soban sammuu guutuun (conscious) ta’anii miti.
Zooy Chaansi Yunivarsitii Yeeliitti barsiiftuu Maarkeetingiti. Namoonni ofii saanii kan soban, ‘‘waa’ee ofiisaanii mirrii gaariin akka itti dhagahuufiidha’’ jetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata’u malee namni ragaa ykn odeeffannoo dogongoraan bu’aa kamu argatu ofiisaa sobaa jira.
Barataan deebii warra kaan irraa waraabuun yunivarsitii seenuus akkasuma jedhu qorattoonni. Yurii Jeenzii Yunivarsitii Kaaliiforniiyaatti barsiisaa diinagdeeti. Qorannoo bara 2020 hojjateen, gareen tokko gara gorsitoota invastimantii fi abbaa qabeenyummaatti akka qoodaman taasise.
Gorsitoonnis yoo filmaatawwan invastimantii, kiisaaraafi bu’aa qorachuun abbootii qabeenyaa yoo amansiisan, maallaqni akka kennamuuf itti himame.
Akka gorsiitootaatti filamaatawwan invastimantii abbootii qabeenyaa fayyadan irratti gorsurra, yaada isaan mo’achiisu abbootii qabeenyaatti himan.
‘‘Gorsi gareen gorsitootaa kunneen abbootii qabeenyaatti himanis kan ilaalcha gaarii ofiisaaniirratti hundaa’e ture’’ jedha qorataan kun.
Bu’aafi kisaaraa isaan kan tilmaaman, yoo gorsa gara bu’aa ykn gara kisaaraa geessuu kennan, ilaalcha ofiisaaniif qabaniin.
Fakkeenya kanas gara dame wallaansa fayyaatti osoo geessinee: Hakimiin osoo qoricha baayyee gatiin jabaa osoo ajajee, qorichicha kan ajajan wallaanamaaf dhiphatanii akka ta’e ofiisaanii amansiisu.

Of amansiisuu fi namoota kaan amansiisuu
Namoonni ofiisaanii yoo soban, namoota kaan haala salphaa ta’een sobu akka danda’an qorannoowwan ni mul’isu.
Namoonni waa’ee dubbatan sanarratti yoo ija jabaatan, ofiitti amanummaan saanii ni dabala.
Qoranoonni Pirofesara Diinagdee Amalaa, Piitar Shiwaandmaan kan hojjatame, gahumsa sammuu (IQ) irratti.
Hirmaattootaafis qormaanni kennamee ture. Qormaatichi erga xumurameen boodas osoo bu’aansaa hin kennaminiif qabxii hangamii akka argatan akka tilamaaman, isaan boodas murteessa fulduratti dhiyaachuun qabxiin saanii olaanaa ta’u akka amansiisan gaafatamana.
Wallakkaan saanii akka murteessaa amansiisaniif hin gaafatamne ture. Qabxiin qormaatichaas kana ture:
Qabxiin saanii olaanaa ta’u tilmaamuun murteessitoota akka amansiisaniif kanneen gaafataman qabxiisaanii olaanaa ture.
Sababiinsaas osoo murteessitoota hin amansiisiin dura, qabxichi olaanaa ta’u ofiisaanii amansiisuu qabu ture.
Ogummaa 'waliin dha’uu'
Sammuun keenya waan sobaa tokko ‘dhagaadha’ jedhee nu amansiisuu ni danda’a.
Namoota hunda ni caalla jennee ofii keenya amnsiifna. Kana jechuunis murteen keenya yeroo hunda sirrii akka ta’e mirkana jechuudha.
Namni murtee isaatti amanu tokko, waa’e murtee sanaa namoota kaaniitti yoo himu ofiitti amanamummaadhaan guutameeti.
Ofitti amanamummaan kun ammo namoonni akka amann taasisa. Anaa, Elzaabeet fi Saayiman wayita namoota sobaniitti, sammuusaanii keessa yaadni attamii deddebii’aa akka ture hin beekunu.
Yoo saayinsii irratti hundaa’uun tilamaamnu garuu, tarii soba ofiisaaniitti amananii ta’a. Tarii sirriidha nuti jedhanii amanuun ta’u danda’a.
Namni tokko ani sirriidha jedhee yoo amanu ammo, gochaawwan isaa gaafachu ni hir’isa.
Elzaabeeb erga mana hidhaa seenteen boodalleen mana murtiitti dhiyaachuun gochaashee deeggaruun mormaa turte.
Saayiman ‘‘namni ajaa’ibaa ana fakkatu hin jiru’ yoo jedhu dhagahame. Qorattoonni qor0qalbii akka jedhaniitti, namoonni waliin dhahuun himatamanis nuti sondoota jedhanii waan hin amanneef himannichi isaan aarsuu danda’a.
Namoonni hanwaasa biratti fudhatama olaanaa argachu yoo barbaadan, hammi ittiin ofiisaanii soban ni dabala.
Namni tokko nu caaleera jenene yoo yaadnu, nama sana caalu yoo dandeenyu, ofii keenyatti sobawwan gurguddaa himna.
Waa’ee keessan waan gaariin akka isiniitti dhagahamu jettanii, sobniiwwan ofiitti himtan, ykn dhugaa baayyee arbeefamanii mee al tokko dhaabbadhaa yaadaa?
Dogongoreera laataa? Jechuun ofii keessan gaafadhaa mee. Deebii sirriisaa argachuuf gutummaan ofii keessaniif amanamaa ta’u qabdu.
Yeroo sana, xiqqaatuus waa’ee ofii keessanii irratti dhugaa irra gahu dandeessuu ta’a.












