Lammiileen Itoophiyaa Libaanos keessa jiraatan haala keessa jiran maal jedhu?

Madda suuraa, Reuters
Aanga’oonni Libaanos akka jedhaniitti haleellaa qilleensarraa Israa’el torban darbeen namoonni 1,000 ol yoo ajjeeffaman miliyoona kan ta’an mana jireenyaasaanii irraa buqqaafaman.
Israa’el haleellaa qilleensaa Libaanos irratti raawwattu itti fufuu qofaa osoo hin taane duula lafoo gaggeessuu jalqabuu ishees ibsiteetti.
Hogganaa Ittaanaan Hezbollaa ammoo loltoota Israa’el gara daangaa isaanii seenuu ofirraa qolachuuf ‘qophii ta’uu’ beeksiisan.
Sababii waranaa kanaatinis akkuma lammiilee biyyattii kaan lammiilee Itoophiyaa Libaanos keessatti argaman dhukaasaafi dhohiinsa kallattii garaa garaatiin dhagahaa jiraachuu dubbatu.
Miidhaa haleellaan qilleensaa kun qaqabsiisuun namoonni yaadda’an kaanis manaa ala daandiirra buluu eegalaniiru.
Lammiin Itoophiyaa BBCn dubbise Alam akka jettuutti, naannoo Libaanos kan haleellaa cimaan irratti raawwatamu keessaa bahuudhaan Sambata darbe gara magaalaa guddoo biyyatti Beeruuti seenuun bakka Haamraa jedhamuutti dahattee akka jirtu dubbatti.
‘‘Mana keenya fulduratti haleellaan raawwate. Foddaa cacabee kufe. Naasuudhaan osoo omaa hin qabatiin, calliifnee bahe’’ jetti.
‘‘Mucaa baatii afuriitan qaba. Isheedhuma butee bahe. Amma mana namaatti siqnee jirra,‘‘ jetti.
Jiraataa kan turte abbaa warraashee lammii Sudaan waliin akka tureefi dhohinsichaan booda manasaanitii bahanii mana nama biraatti akka dahatan himti.
‘‘Nagaan ni bu’a jennee eegnee turre. Nagaan garuu hin jiru. Itti badaa dhufe. Waaqni nu haa eegu’’ jechuun yaaddoo itti umame ibsiti Alam.
Haleellaan raawwatamaa jiru sochii biyyattii keessa ture gufachiisuun alatti eddoon hojii cufaa waan ta’eef hojii ittiin waan ittiin oolamu argamu hojjachuun hin danda’amne jechuu rakkoorra jiraachuu kaafti.
‘‘Eddoon hojii cufaadha. Hojii yoo barbaadnu hin jiru. Mana hiriyaa abbaa manakoo jirra. Mana kireeffamu hin arganne. Kanneen iddoo turtii dhabuun daandiirra rafaa jiranis jiru.‘‘

Madda suuraa, EPA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Odeeffannoon Ministeerri Hojjattoota Libaanos waggaa afuriin dura baase akka mul’isuutti, lammiileen Itoophiyaa kuma 150 ol ta’an biyyattii keessatti hojiiwwan damee garaa garaa irratti hirmaatanii jiru.
Haata’u malees, lakkoofsi kun kanneen karaa seeraatiin galmaa’uun Libaanos keessa jiran kan agarsiisu yoo ta’u, kanneen sababii adda addatiin osoo seera qabeessa hin ta’iin hojjataa jiran waan jiraniif lakkoofsi kun akka kana caalu tilmaamama.
Libaanositti Qontsilaan Itoophiyaa torban darbe paasportiifi bilbila keessan galmeessaa jechuun beeksiisa baasee ture.
Alamis yoo galmaa’uu baatteelleen garuu gara Imabaasichaatti bilbiluu ibsuun, “kun hundi itti fakkeessuufi sobaaf malee yoo itti bilbilan hin kaasan. Sagalee erguu nu deebiisaa yoo jenneenis deebii hin kennan‘‘ jechuun komatti.
Itti dabalunis, “Biyya kanaa imbaasii hin qabnu. Eeguumsa Waaqaatiin jirra. Omaa nu gargaaraa hin jiran. Ofiisaaniiyyuu sodaachuun dhokataa jiru‘‘ jechuun ibsiti.
Torban darbe keessa BBC haala jireenya lammiilee Itoophiyaa Libaanos keessaatti gabaasa qindeessuuf qondaaltoota waajirra qontsilaa Itoophiyaa bakka bu’uun hojjataniitti bilbilu illeen, “ministeera dhimma alaa Finfinneetti argamu dubbisaa‘‘ jechuun odeeffannoo kennuun itti gaafatamummaasaanii akka hin taane dubbatan.
‘Maal qaba osoo daabboo tokko nuu kennanii?‘
“Mucaa baatii afuriin qaba. Daandiirratti maalan laadhaaf? Maalan obaasa? Maal ta’a osoo nu gargaaranii? Maal qaba osoo daabboo tokko nu kennanii? Aannan, daayipariin jira… Lammiin biyya biraa lammii biyyichaaf qaqabaa jira. Nuuf eenyutuu nu qaqabaa?’’ jechuun haala rakkiisaa keessatti argaman dubbatti.
Bakka isheen jirtu keessa lammiileen Itoophiyaa ijoollee qaban hedduun akka jiran dubbatti.
Amma bakka dahataniitti dhukaasaafi dhohiinsi dhagahamu baatulleen, ‘‘Hanga yoomiitti harka namaa eeggannee jiraanna? Hanga yoomiitti mana namaa keessa jiraanna?’’ jechuun dhiphachuun dubbatti.
Isheefi Itoophiyaanoti kaan Libaanos keessaa bahu barbaadanillee, waajjira qontsilaa Itoophiyaa biyyattii keessatti argamurraa deebii argachu hin dandeenye.
Qonstilaan Itoophiyaa Beeruti Libaanositti argamu ergaa of eeggannoo toora miidiyaa hawaasaa isaarratti torban darbe baaseen, haalli nageenyaafi muddamni Libaanosiifi naanoooshee keessatti “yeroodhaa gara yerootti’’ cimaa dhufu ibseera,
Naannoo haleellaan keessatti raawwatame keessa bahaa jechuun ergaa dabarsuu kaasuudhaan, ‘‘eessatti kufna? Godaansarra jirraa? Daandiirra bullaa?’’ jechuun gaafatti.
Gama mootummaa Libaanosinis deeggarsi akka hin taasifamneef dubbatti. Hoteela duwwaa argachuun dahannoo kan godhatan lammiileen biyyaa jiraatanilleen, sun lammiileen biyya biraatiif kan hin yaadamneedha jetti.
‘‘Lammiileen Itoophiyaa daandiirra ciisaa jiru. Ijakoon argeera’’ jetti. Waggaa sagaliif Libaanos keessa kan jiraatte Alam, rakkoon Libaanos kan itti fufu yoo ta’e gara Itoophiyaatti deebii’u malee filmaata biraa akka hin qabne dubbatti.
Haleellaan Libaanos kibbaatti cimnaan kaan isaanii gara kaabaatti baqataa jiru. Namoonni daandiiwwan irra jiraachuuf dirqamaa jiru.
Jidduugala waraanaa kan taate Libaanos keessatti guyyoota sadiif gaddi labsameera.

Madda suuraa, EPA
‘Yoon du’es asumattin du’a’
Lammiin Itoophiyaa kan Kibba Libaanos Saayidaatti argamtu BBCn dubbise ammoo, sodaadhaan jiraachaa jiraachuu ibsiti.
Dhukkubbii jilbaa akka qabdu kan dubbattu Itaaganyoon, hiriyoonni ishee gargaaruufi hojii salphaa hojjechuun jirachaa akka turte dubbatti. Amma garuu ‘‘waan hundi cufamee taa’aa jirra’’ jetti.
‘‘Kiraan manaa hin jiru. Teenyee ija keessa wal ilaaluu qofaadha. Sodaadhaan jiraataa jirra.’’
Sababii umuriifi fayyaatiin hojii salphaa yoo ta’e malee hojjachuu akka hin dandeenye kan dubbattu Itaaganyoon, gara biyyaa deebii’udhaafis maatiin ishee Kibba Wallootti argaman sababii lolaatiin buqqaafamusaanii, filmaata biraa akka hin qabne dubbatti.
Gara waggaa 20’f Lobaanos jiraachuu kan dubbattu Itaaganyoon, ‘‘haalli bakka hundaa jiru cimaadhaa’’ jetti. Sagaleen dhukaasaa fageenya gabaabaa irraa akka dhagahamuufi sababii dhohiinsaatiin laftii rom'aa jiraachuu himti.
Jiraattoonni kibba Libaanos gara Beeruutiitti baqatanis, kun garuu isheedhaaf filamaata akka hin taane dubbatti.
‘‘Waan na dhukkubuuf lafa ciisuu hin danda’u. Akka garaatti mana fincaaniis fayyadamu hin danda’u. Kanaafuu asumatti du’a jedheen jira’’ jechuudhaan haallii isheen keessatti argamtu abdii kutannaa ta’uu BBCtti himte.
Haleellaan Israa’el kibba Libaanos keessatti eegalte babal’achuun magaala guddoo biyyattii Beeruut irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsuun, bakka nageenya qaba jedhamu baayyeen akka hin jirre dubbatti.
‘‘Eessi akka rukutamu hin beekamu. Waaqaan na eegi jechuu qofatu danda’ama’’ jetti.
Libaanositti Qonsilaan Itoophiyaa paasportiifi bilbila galmeessaa jechuun beeksiisi baase, Itaaganyoon gama isheetiin “yoo birrii tikeettii fidi naan jedhan harkakoorra saantima tokko hin qabu…imbaasichis beeksiisicha yoo baasu ifa hin goone. Hin galmoofnees‘‘ jetti.
Namoonni naannoolee kibba LIbaanos kan haleellaan irratti raawwatamaa jiru keessa jiraatan kaan bahuun, kaan achumatti akka hafan dubbatti.
‘‘Maal akka ta’u hin beeknu. Bakka dhaqnu hin qabnu. Ijoollee sadii warri hojjachiisan, ‘bahaa isin hin barbaadnu’ jedhaniinii ana waliin taa’aa jiru’’ jechuun dubbatti.
Walitti bu’iinsi daangaa Israa‘eliifi Hezboollaa baatiiwwan lakkoofsiise torbanoota lamaan darban keessa cimuun, naannooleen Libaanos hedduun xiyyaaroota waraanaa Israa’eliin haleelamaa jiru.
Sababii kanaatinis namoonni dhibba hedduu ta’an du’anii, kan miliyoona tokko ta’an ammoo bakka jireenyaasaanii irraa buqqaafamuun dahannoo keessa jiraachuu aanga’oonni biyyattii beeksiisan.












