Maatii paayilatii xiyaara waraanaa Yukireeniifi abdii dhukaasa dhaabuu

Ivaan fi Maariyaa

Madda suuraa, Maria Smerechanska

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Maariyaan guyyoota kan lakkooftu bilbila eeggachuudhaan. Abbaan warraashee Ivaan balaliisaa ykn paayilattii xiyyara waraana Yukireen.

Isheen guyyaa guyyaatti waa abbaa warraashee mudataaa laata jechuun bilbila eegaa oolti.

Ivaan dargaggoon waggaa 31 bara 2022 irraa eegalee xiyyara waraanaa Miigii 29 balaliisa. Ergama 200 ol raawwateeras.

Waraanichaanis waahillansaa hedduu dhabeera. Kanneen du'an keessaa ijoolleen abbaa kiristinnaa isaa keessatti argamu.

Yaaliin Ameerikaan Yukireeniifi Raashiyaa jidduutti waliigalteen nagaa buusuudhaaf taasisaa jirtu jireenya Ivaan fi Maariyaa keessatti jijjirama guddaa fidaa.

''Waliigaltee nagaa irra yoo gahame nagaan ni bu'a'' jetti Maariyaan.

Waraana Addunyaa laffaan booda waraana Awurooppaa badii guddaa qaqabsiise kun akka dhaabbatu barbaadu lammiileen Yukireen. Kanaafis Raashiyaan haleellaa akka hin raawwannee wabii argachuu barbaadu.

Dubartiin umuriin waggaa 29 Maariyaan dhukaasa dhaabuun Yukireeniis mo'atamu ta'a jettee yaaddoofti. Bulchiinsoonni isaanan baayyeen Raashiyaadhaan akka gadi hin dhiifamne yaaddi.

''Gootoonni keenya kan aarsaa kanfalaniifi lubbuusaanii itti dhaban maaliidhaarree?'' jetti.

Maatiin kunneen yeroo wal baran Raashiiyaan weerara raawwatti jedhanii hin yaadne ture.

Maariyaan barsiiftuu afaan Ingiliffaati. Mana barnootaa mucaan hiriyaan Ivaan itti barattuutti sababii barsiiftuuf wal baran.

Guyyaa jalqaba itti wal baran Ivaan hojiinsaa balaafamaa ta'u Maariyaatti hime. Ishee garuu baayyee hin dhiphisne ture. Amanamaafi namaga gaarii ta'unsaa akka jaalattu ishee taasise.

Osuma baayyee hin turiin ergamni waggaa tokko kennameef. Osoo wal hin argiin sababii turaniif kan adda bahan itti fakkaatee ture.

Booda garuu waggaa tokkoon booda gaa'ila dhaabbatan. Waraanni eegallaan garuu wanti hundi jijjriame.

Yeroonsaan yeroo intallisaanii Yaarosilaavaan kan itti dhalatteedha.

Ivaan sababii waraanaatiin mucaansaa yeroo imaluu eegaluudhaaf curuuqxu , yoo inkaan baaftu bira hin turre.

''Suuraalee kumaatamaan lakkaa'amaniin ergeef. Akka waan nu waliin jiruu akka itti dhagahamu gochuufan'' jetti Maariyaan.

Yoo dhiheenya manasaaniitti ergama qabaate ammoo daqiiqaa shaniif figee dhaquun ilaala. Isheenis nyaata fa'i geessitiif. Daqiiqaan tokkolleen isaaniif hikkaa qabdi.

Ivaan

Madda suuraa, Maria Smerechanska

Intallisaanii afaan hiikkachuu wayita eegalteetti qubashee samiitti ol qabuudhaan abbaanshee akka xiyyara balaliisuu agarsiifti turte.

''Intalli keenya abbaanshee paayilatii akka ta'e beekti. Guyyaa dhalootasheerratti viidiyoodhaan bilbilleef nu waliin keekii nyaata. Raashiyaa Yukireen irraa akka ittisaa jiruun itti hima'' jetti.

Baatii jaha jahaan suuraan maatii kaasu. ''Dhugaa dubbachuudhaaf fhumaaf yoom akka wal agarruu baruu dhabuunkoo baayyee na raasa. Yeroo hunda yoo waliif bilbillu kan dhumaa keenyaa laata jedheen yaadda'a'' jechuun miirashee ibsiti.

Jalqaba waggaa waraanaarratti maatiin loltootaa odeeffannoo wal jijjiruu turan.

Lammiileen Yukireen, Ameerikaafi Awurooppaan raashiyaan deebiitee haleellaa akka hin raawwannee wabii akka kennaniif barbaadu.

Ivaanii fi intalasaa

Madda suuraa, Maria Smerechanska

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maariyaan waliigalteen dhukaasa dhaabuu walitti bu'iinsicha ni dhaabsiisa jetti.

Ameerikaa fi Faransaay jeettii waraanaa F-16 Yukireeniif kennan. Yukireen xiyyaara bara Sooviyeetiin lolaa turte.

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin warri lixaa Yukireeniif deeggarsa waraanaafi odeeffannoo tikaa kennuu akka dhaaban barbaada.

Xinxaltoonni kana gaaffiin Puutiin kun waraanni akka itti fufuuf barbaadurraa kan maddeedha jedhanii yaadda'u.

Doonaald Tuiraamp karaa duubaatiin Puutiin waliin waliigaltee irra gahee ta'e jedhamee yaada'amaa ajira.

Humni waraanaa Yukirenis waggoota dhufan keessa of eeggannoodhaan dhaabbachuunsaa hin olu. Maariyaam kana ni beekti.

Yukireen keessatti nagaan yoo jiraate abbaan waraashee nagaa akka hin argannee dubbatti.

Sababii waraanichaattiin onneesaa miidhamu, duuti hiriyootasaa hikaa akka hin qabaanneetti akka iti dhagahamu yaaddi.

Bulchiinsoonni Yukireen Raashiyaadhaan qabaman guyyaa tokko akka deebii'an abdii godhatti.

Deebiisanii biyyasaaniitti jireenyasaanii akka ijaarratan amanti. ''Yeroo hunda akka isa eegnu abbaan warraakoo akka naaf beekuun barbaada'' jetti Maariyaan.