Fox News maqa-balleessiin himatamee beenyaa dolaara mil. 787.5 kaffale

Maxxanfame

Fox News himannaa maqa-balleessii irratti dhiyaateef dolaara miliyoona 787.5 kaffaluudhaaf waliigale.

Himata kana miidiyaa beekamaa kanarratti kan dhiyeesse ammoo dhaabbata kampaanii maashina sagalee filannoo lakkaa'u bulchu Domiiniyoon jedhamudha.

Filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa bara 2020 gaggeeffameen walqabatee gabaasa Fox News Domiiniyoon ilaalchisuun hojjete maqa-balleessiidha jedhamee himanni irratti banamee ture.

Domiiniyoon himata kana yeroo banetti beenyaan dolaarri biliyoonni 1.6 akka kaffalamuuf ture kan gaafate.

Yeroo filannootti sagaleen pirezidantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraampiif kenname waliin dhahameera jechuun Fox News gabaasuu isaa hordofee Domiiniyoon daldala isaarra miidhaan akka gahe ibseera.

Abbaa-qabeenyaafi hogganaa Fox News kan ta'e Ruuppart Murdook dabalatee aanga'oonni miidiyaa kanaa yaada isaanii mana-murtiif kennaniiru.

Waggoota dhiyoo keessa Fox News irratti himata maqa-balleessii dhiyaatan keessaa isa guddaa waan ta'eef kan qalbii hawwate ture.

Fox News maallaqa kana kaffaluudhaaf erga waliigaleen booda "hojii gaazexeessummaa olaanaa ta'eef ni dhimmina" jechuun ibsa baase.

Ibsa kanaan odeeffannoon bal'aa ta'e kennamuu baatus Domiiniyoon ilaalchisuun odeeffanoo sobaati jedhamanii kan dhiyaatan keessaa hanga ta'e kan itti waliigalu ta'uu ibseera Fox News.

Itti-gaafatamaan Domiiniyoon akka jedhetti, waliigalteen irra gahame maallaqa kaffaluun alatti Fox News, "soba dubbachuu isaatiifi dhaabbaticharraan miidhaa geessisuu akka amanuuf" dirqisiisa.

"Sobni dhiibbaa hin malle qaqqabsiisa. Sobni waggaa lama dura waa'ee domiiniyoon iulaalchisee gadhiifame guutuu Ameerikaa waliin gaheera. Kun qorannoo shiuraaf kja'umsas ta'eera. Dhaabbata keenyas miidheera," jedhe.

Dhimmichi, mana-murtiitti ilaalamuudhaaf osoo beellamni qabamee jiruu dhaabbileen lamaan waliigalteerra gahuun isaanii dhagahame.

Abkotoowwan Fox News beenyaan jalqaba gaafatame dolaarri miliyoona 1.6 akka malee kan ol ka'edha jechuun mormaniiru.

Fox News gama isaatiin "miidhaa guddaadha" jechuun daangaa bilisaan yaada ibachuurra kaa'ame ta'uu ibse.

Sagaleen Tiraampiif kenname waliin dhahameera kan jedhu gabaasa sobaa miidiyaa warra leellisootaa kan ta'e Fox News ta'uu isaa Domiiniyoon qeeqaa tureera.

gareen abbootii-seeraa qorannoo taasisaniin gaggeessitoonniifi gaazexeessitoonni Fox News filannoon bara 2020 waliin dhahameera jedhanii amanuu baatanis gabasaaleen isaanii garuu kana hin agarsiisu.

Itti-gaafatamaan Fox NewsMurdook, waa'ee domiiniyoon ilaalchisee gabaasni dhiyaate "baayyee fayyaalessa kan hin taanedha" jedhee ibsullee tarkaanfii tokkollee hin fudhanne.

Gaazexeessaan Fox Shoon Heneetis gabaasota kanneen "tokkoo isaaniilee hin amanu" jechuun ibsus gabaasaalee kanneen dabarsuu hin dhiisne.

Haata'u malee, Fox gabaasaaleen haala keessatti ibameen alatti fudhatameera jechuun falmeera.

Osoo waliigaltee maallaqa kaffaluurra hin gahiin dura daanyaan dhimmicha qabate waa'ee Domiiniyoon ilaalchisee oduun sobaa dhiyaachuu kan mirkaneessu argameera jedhe.

Ogeessonni seeraa tokko tokko waliigalteen maallaqaa bu'aa gaariidha jechuun yaada isaanii kennaniiru.

Barsiisaa Yunivarsiitii siraakas kan ta'eefi Heera mootummaa Ameerikaa irratti ogeessa kan ta'e Roy Guterman, "adeemsi torbanoota ja'a fudhatu qaama hunda dadhabsiisa ture. Adeemsa Fox salphisus ta'a ture. Haata'u malee, Fox osoo mana-murtiitiin itti murtaa'ee maallaqa guddaa dabama ture," jedhe.

Domiiniyoon Fox News alatti miidiyaalee garee warra leellistootaati jedhaman akka ONN fi NewsMax irrattis himata baneera.

Dhaabbanni biraa maashina sagalee filannoo kennuu hojjete biraas Fox maqaa koo balleesseera jechuun himata dolaara biliyoona 2.7 irratti baneera.