Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dureessi addunyaa Ruuppart Murdook waggaa 92'tti haadha warraa shanaffaa fuudhuuf
Addunyaa irratti keessumaa qabeenya miidiyaatiin horataniin dureessa beekamaa kan ta'an Ruuppart Murdook dulluma keessa umurii waggaa 92 irratti haadha warraa shanaffaa fuudhuuf akka jiran beeksisan.
Maanguddoon kun dubartii inni si'a shanaffaaf fuudhuuf qophaa'aa jiran kun kanaan dura michuudhuma isaan walii kan turte yoo ta'u maqaan ishee Aan Lasilee Ismiiz jedhamti.
Dubartiin kun kanaan dura miseensa poolisii turte. Umriin ishee ammoo waggaa 66 ta'eera.
Jarri lamaan kan wal arganii qalbiin wal hawwatan Fulbaana darbe oyiruu wayinii maanguddichaa Kaalifoorniyaa keessatti argamutti ture.
Miidiyaa isaanii keessaa tokko kan ta'e Niiw Yoork Poostitti akkana jedhan: "Jaalalaan nan qabama jedhee nan sodaadha. Haa ta'u garuu, kun isa dhumaa kiyya jedheen yaada. Akkasis ta'uu qaba. Gammachuun qaba.''
Haadha warraa isaanii afraffaa Jerii Hool waliin bara darbe ture kan wal hiikan.
Maanguddoon kun Aan Lasilee Ismiiz natti heerumi jedhanii kan gaafatan guyyaa kabaja Seent Paatiriik lammilee Ayerlaand biratti Bitootessa 17 kabajamurratti ture.
Kana kan godhaniif ammoo guyyaan sun guyyaa namoonni ayyaanicha kabajan sodaafi saalfii tokko malee bashannanaan dabarsan waan tureef "sodaa qaban keessa dhorkafchuuf" ture.
Abbaan warraa duraanii Aan Lasilee Ismiiz, Cheester Ismiiz jedhamu. Weellisaafi hoji-gaggeessaa raadiyoofi TV turan.
"Nu lamaaniif kennaa Waaqayyo biraa ta'edha. Fulbaana darbe wal argine," jechuun isaaniis barruu Niiw Yoork Poostitti yaada isaanii kennan.
"Ani waggoota 14 darban dubartii abbaan warraa irra hin jirre ta'een ture.
''Akkuma Ruuppart Murdook abbaan warraa koo abbaa qabeenyaa ture... kanaaf ani afaan Ruuppart dubbatun dubbadha. Ilaalcha wal fakkaatu qooddanna."
Ruuppart Murdook gaa'ela jalqabaa sadan ijjarratanii turan irraa ijoollee ja'a qabu.
Gaa'ela amma godhachuuf jiran kana ilaalchisuun akkas jedhan: "Nuti lamaan keenya jireenya keenya hafe waliin dabarsuu barbaadna."
Jarri kun cidha isaanii ganna dhufutti kan beellamatan yoo ta'u, cidha isaanii erga raawwataniin booda ammoo bakkawwan jireenyaa isaanii akka Kaalifoorniyaa, Montaanaa, Niiwu Yoork fi UK keessatti dabarsuuf akka jiran dubbatu.
Murdook kana dura keessummeessituu xiyyaaraa lammii Awustiraaliyaa taate Paatiriishiyaa Buukar, gaazexeessituu dhalattuu Iskootish kan taate Aannaa Maan fi haadha qabeenyaa dhalattuu Chaayinaa kan taate Wendii Dengi fuudhanii turan.