Dandeettin Antoonii kan kufe jireenya dhuunfaa dirreen alatti qabuuni- Ten Haag

Antoonii- taphataa Yunaayitid

Madda suuraa, BBC Sport

Maxxanfame

Gatii guddaadhan gara kilaba Maan Yunaayitid kan dhufe Antoonin sababni gadi bu'uu dandeettiisaatii jireenya dhuunfaa dirreen alatti qabuun akka ta'e leenjisaan kilabichaa Teen Haag ibsan.

Lammii Biraazil kan ta'e Antoonin haleellaa raawwate jennaan poolisiin qorannoo irratti gaggeessaa ture.

Qorannoon irratti haa gaggeeffamu malee Biraazilittis ta'ee Ingilizitti himanni irratti hin banamne, poolisiinis hin to'anne.

Antoonin dubartoota wajjin maqaansaa ka'uun cinaatti dirree Yunaayitid keessatti kan isarraa eegamu bahaa hin jiru, inumaayyuu dandeettinsaa gadi deeme jedhama.

Leenjisaan Maan Yunaayitd Ten Haag taphataan gatiin guddaan itti bahee dhufe kun dandeettinsaarratti dhiibbaa kan godhe jireenya dhuunfaa inni dirreen alatti qabu akka ta'e himan.

Jaalalleensaa jalqabaa na reebe jettee himannaa isarratti banuu hordofee garee biyyaalessa Biraazil keessaa yeroodhaaf ugguramee ture.

Himannaa irratti dhiyaataa ture kan haalu Antoonin dorgommii bara kanaatin taphoota 21 irratti hirmaatee galii tokkollee galchuu hin dandeenye.

Kubbaa galchiif ta'us homaa hin mijeessine.

"Akka natti fakkaatutti wantoonni dirreen ala jiran akka inni hin taphanne dhiibbaa irratti godhaniiru," jedhan leenjisaan Maan Yunaayit Ten Haag.

"Waan gaarii akka agarsiisufis deeggarsa barbaachisu ni taasifnaaf," jedhan.

Antoonin taphataa ganna 23 yoo ta'u paawondii miliyeena 82n Ayaaksirraa Yunaayitiditti makame.

Seenaa Maan Yunaayitid keessatti taphataa gatii guddaan itti bahe isa lammaffaadha.

Kilabasaa duraanii Ayaaksif yeroo taphataa ture, Antoonin taphoota 82 irratti hirmaatee galchii 24 lakkoofsisuun galchiin 22 akka galuuf ammoo kubbaa mijeessee kenneera.

Bara dorgommii 2022-23tti Antoonin taphoota 47 irratti hirmaatee galchii 10 qofa galchuu danda'e, galchii 5 ammoo kubbaa mijeessee kenneera.

"Waggaa jalqabaatti gaarii ture, liigichi osoo hin eegalin taphoota turan irrattis baay'ee gaarii ture, liigichi erga eegalees gaaridhuma ture," kan jedhan Ten Hag himanni erga irratti dhiyaachuu eegalee booda "waan irraa eegamu bahachuu hin dandeenye. Gahuumsa fooyyee qabu akka agarsiisu abdiin qaba," jedhan.