Itoophiyaatti baankiin aannan harmaa itti kuufamu yeroo jalqabaaf baname

Madda suuraa, DR. Fitsum W/Gabriel
Itoophiyaatti baankiin aannan harmaa yeroo jalqabaaf Hospitaala Kompireensiiv Ispeeshaalaayidii Hawaasatti baname.
Rorbee darbe, Waxabajjii 13, Ministiira Fayyaa kan ta'an Dr. Maqidas Dhaabaa argamuun pirojektoota hospitaalichaa biroo waliin baankii aannan harmaa kan kan eebbisan yoo ta'u, du'aatii daa'immanii hir'isuu keessatti gahee guddaa qaba jedhama.
Baankichi aannan harmaa haadholii garaa garaa fedhiisaaniin arjooman walitti qabuun kan kaa'udha. Aannan harmaa kana kuusuf ammoo adeemsa qulqullinaa barbaachisaa keessa darbee ta'uus himame.
Daa'imman sababa garaa garaan aannan harmaa haadhasaanii argachuu hin dandeenyef baankichi aannan harmaa ni dhiyeessa.
Yaada baankii aannan harmaa hadholii hundeessuu kana kan jalqabe hospitaal Yuunivarsiitii hawaasaa kanatti ispeeshalistii daa'imman reefu dhalatanii kan ta'aniifi ittaanaa itti gaafatamaa kolleejichaa kan ta'an Dr. Fitsum Walda Gabri'eel BBCtti akka himanitti, baankiin aannanii Yuunivarsiitii Hawaasaatti yeroo jalqabaaf banamuu ibsan.
Afrikaatti ammoo Itoophiyaan baankii aannan harmaa banuun biyya saglaffaa ta'uushee himu Dr. Fitsum.
Hospitaala Kompireensiiv Ispeeshaalaayidii Hawaasatti ispeeshalistiin tokkichi daa'imman reefu dhalatanii Dr. Fitsum yoo ta'an barnootasaanii biyya baakii aannan harmaa qabu Afrikaa Kibbaatti baratanii gaafa deebi'an rakkoo argan furuuf baankii aannan harmaa hundeessuuf murteessuu himu.
Akka isaan jedhanitti daa'imman yeroonsaanii osoo hin gahin dhalataniifi sababa rakkoo fayyaa garaa garaan hadholiin harmisaanii mirgisuu diduurraa kan ka'e aannan harmaa osoo hin argatin hafan jiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanarraa ka'uun daa'imman aannan harmaa osoo hin argatin yeroo dheeraaf dhangalaa karaa ujummoo dhiigaa kennamu qofaan yeroo dheeraa turuuf akka diramanis kaasu. Kuni ammoo infeekshiniifi du'aafis saaxiluu akka malu ibsuun, daa'imman akkaataa barbaadameenis akka hin guddannes akka godhu ibsu.
Kana hir'isuuf jecha yeroo baruumsaf Afrikaa Kibbaa turan muuxannoo achitti argan gara Itoophiyaa fiduun baankii aannan harmaa kan hundeessan.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gabaasa waggaa lama dura baaseen, bara 2022 qofaa daa'imman miliyeena 2.3 dhalatanii guyyaa 28 jalqabaa keessatti du'an. Kana jechuun guyyaatti daa'imman reefu dhalatan 6,500 ni du'u.
Duuti daa'immanii kun harki hedduun kan galmaa'e biyyoota Afrikaa Saharaa gadiitti yo ta'u, daa'imman 1000 haaraa dhalatan keessaa 27 ni du'u.
Sababoota du'aatiisaanii keessaa yeroon osoo hin gahin dhalachuu, aannan harmaa dhabuu, infeekshinii yeroo dahuumsaa mudatuufi rakkoolee garaa garaa yeroo dahuumsaa mudatan fa'aadha.
Aannan harmaa eenyutu arjoomuu danda'a?
Aannan harmaa arjoomuuf adeemsa mataasaa akka qabu kan himan Dr. Fitsum, ammatti baankii aannan harmaa Hawaasatti banametti arjoomuu kan danda'an haadholii dahumsaf hospitaalicha deemaniidha.
Haa ta'u garuu, aannan arjoomuu kan danda'an daa'imasaanii hoosisanii aannan irraa hafu yoo ta'eedha.
Haati tokko aannan harmaa arjoomuuf fedhii qabaachufi dhiisuu erga gaafatamtee booda yoo fedhii qabaatte, HIV dabalatee dhibeewwan aannan harmaan daddarban irraa bilisa ta'uushee qorannoon akka gaggeffamus himu Dr. Fitsum.

Madda suuraa, DR. Fitsum W/Gabriel
Haadha aannan harmaa arjoomuuf fedhii qabduuf qorannoon barbaachisu erga godhamee booda aannan fuudhamuun paascharaayizd godhamee bakka qorraa [firiijii] keessa godhama.
Aannan harmaa digrii seenti gireedii -20 gaditti yoo kuufame, homaa osoo hin ta'in ji'a jaha kan ta'uuf turuu danda'a.
Aannan harmaa haadholii fedhii qaban irraa walitti qabamee baankii keessatti kuufamu, daa'imman reefu dhalatan rakkoo garaa garaan haadhasanirraa aannan harmaa argachuu hin dandeenyef kennema.












