Liiverpuul dorgomaa waancaa cimaa ta’eera, garuu Mo Saalaah malee akkam ta’a?

Mohaammad Saalaah

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Fuulawwan gaazexaa ispoortii jalqabaa har’a Mo Saalaah qabatanii bahaniiru.

Tapha Piriimer Liigii torban 20ffaa Liiverpuul dirree ofiirratti Niwukasil Yunaayitid simateen goolii 4-2n mo’atee qabxii sadiin Liigicha dursaa jira.

Tapha Wixata halkan gaggeeffame kanaan Mohaammad Saalaah goolii 4 keessaa 2 lakkoofsiseera.

Mo Saalaah’n adabbii peenaalitii tokko karra eegaan warra Niwukasil jalaa qolatee dhowwatus goolii ofiin galcheen alattis kaan keessaas gahee guddaa qaba ture.

Liiverpuul bara kana seenaa Piriimer Liigii keessatti kilaba wayita taphatu maratti gooliiwwan akka galchu eegamu ta’eera.

Kana qofaa miti, baruma kana waliigalatti kubbaa taphattoota kilabichaatiin gara gooliitti yaalaman kan yeroo kamiiyyu caalaa baayyeedha.

Kana waan ta’eefis, Liiverpuul barana injifachuuf morkataa isa cimaa ta’eera.

Jijjiirraa taphattootaa ganna darbeetiin erga Fabinhoo fi Jirdaan Hendersan gadhiisanii sarara gidduu isaa deebisee cimsuuf carraaqqii gochaa turanis, leenjisaan kilabichaa Yaargen Kiloop waggaa haaraa bara 2024 kanatti gareen isaa Liigicha dursuurra gaha jedhee hin eegne ta’a.

Haata'u malee, taphoota 20 keessaa tokko qofa mo'amee qabxii 45 qabatee Shaampiyoonaa bara darbee kan ta'e maanchester Siitii qabxii shaniin caalee dursuu danda'eera.

Torban darbe Liigicha dursaa kan ture Arsenaaliinis qabxii shaniin caaleera Liiverpuul.

Taphataan duraanii sarara ittisaa Liiverpuul Jemii Kaaraagar, "kun gahumsa guddaa Liiverpuul bara kana agarsiisedha," jedhe.

Mo Saalaah biyyasaaf taphachuuf deemaan

Taphni Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa dhiyaachaa jira. Kun ammoo warra Liiverpuuliif oduu gammachiisaa miti.

Masiriin ammoo biyyoota Afrikaa Waancaa Afrikaa kanarratti hirmaatan keessaa tokkodha.

Maashina goolii Liiverpuul kan ta'e Moohaammad Saalaah ammoo Masiriif taphachuuf deema.

Liiverpuul taphoota Piriimer Liigii wayita Mo Saalaah deemutti taphatu akka ammaa kana itti fufee milka'aaa? Kun gaaffii deeggartoota kilabichaati.

Masriin dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa kana hanga dhumaatti kan deemtu yoo taate, Mo Saalaah taphoota Liiverpuul taphatu saddet keessaa hafuuf deema.

Kun ammoo taphoota lama Arsenaal waliin: tokko FA Cup marsaa sadaffaa Dilbata taphatamuufi Pirimer Liigii Guraandhala 4 taphatamu dabalata.

Taphni Carabao Cup walakkaa xumuraa dhaqaa galaa Fulhaam waliin taphataan, akkasumas Piriimer Liigiin Bornimaawoz, Chelsii fi Barnilee waliin taphatan keessaa hafa Mo Saalaah.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Saalaah bara kana hanga ammaatti gooliiwwan 18 Liiverpuuliif lakkoofsisuun dursaa jira. Kubbaa saddet ammoo taphattoota garee isaatiif mijeessee kenneera.

"Maashinii goolii lakkoofsisu," jechuun jajata yaargen Kiloop.

Garee Kiloop kanaaf Mo Saalaah dhabuun salphaa akka hin taane shakkiin huin jru, garuu kanaan dura yeroo isa malee taphatanii itti milkaa'anis tureera.

Erga bara 2017-18 Mohaammad Saalaah Liiverpuulitti makamee taphoota Mo Saalaah keessaa hafe taphatan 10 hunda hin mo'amne.

"Ani mo'achuun barbaada [Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa]," jechuun Sky Sports irratti dubbate Saalaah.

"garee biyyaalessaaf taphachuun hiika guddaa qaba. Wantan afaan guutee dubbadhu ta'uu dhiisuu mala. Garuu ani osoon mo'adhee nan jaalladha."

Liiverpuul bakka inni waliin hin jirretti gahoodha kan jedhu Saalaah, "taphattoota gaggaarii qabna. Taphattoota bakka koo taphatan ni qabna.

"Baayyee isaaniirraa amanta aqabna. Baayyee cimnee hojjechuu qabna, dirree irrattis cimina agarsiisuun nu barbaachisa. Kana gochuu dandeenyaan ittuma fufnee mo'achuu ni dandeenya," jedhe.