Jijjiirraa taphattootaa Amajjii kanaan eenyutu garam deema?

Taphattoota jijjiirraa Amajjii kana keessa kilaba biraatti makamuu danda'u jedhamaa jiru
Maxxanfame

Yeroon jijjiirraa Amajjii gaheera.

Hamii taphataa kamitu gara kilaba kamii deemuu danda'a jedhu ji'ootaaf odeeffamaa tureen booda amma yeroon qabatamaan itti argamu gaheera.

Odeeffannoo hedduu taphataa kamitu eessa deemuuf jira jedhamaa tureefi torbanoota muraasa dhufan keessa dhugoomuuf jiru walitti qabneerra.

Kalviin Filiips (Maanchester Siitii): Niiwukasil fi Juuventus waliin ka'a jira

Kalviin Filiips (Maanchester Siitii)

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan Maanchester Siitii kun Niwukasil fi Juuventuus waliin maqaan isaa ka'aa jira.

Kalviin Filiips goolii isaa jalqabaa Maanchester Siitiif kan lakkoofsise yeroo tapha Shaampiyoons Liigii Mudde 13 Reed Istaar Beelgireed waliin taphatan ture. Haata'u malee, gooliin inni lakkoofsise kun hiree Isteediyeemii Itaad turuu hin dhugoomsineef.

Taphataan sarara gidduu Ingilaand kun maqaan isaa ciminaan Niiwukaasil waliin ka'aa jira. Kana malees, kilabni guddaa Xaaliyaan Juuventuus bakka taphataan kun deemuu mala jedhamaa jirudha.

Jeedan Saanchoo (Maanchester Yunaayitid): Boorsiyaa Doortimuund waliin ka'aa jira

Jeedan Saanchoon akka Oold Tiraafoord gadhiisu ifa ture. Taphataan sarara fuula duraa kun erga leenjisaa kilabichaa Erik ten Haag waliin waldhabanii fincilee kilabichaan ala waan tureef deemuun isaa akka hin oollee barameera.

Kilabni isaa duraanii Boorsiyaa Doortimoond maqaa taphataa kanaa kaasaa jira. Haata'u malee, dhimmi miindaa isaa gufuu guddaa kun akka hin molkoofne taasisadha jedhamaa jira.

Taphataan Maanchester hiriyyaasaa ta'e Doonii van de Beek gara Bundosliigaa deemuun Amajji 1 irraa kaasee Intiraakt Firaankifart makameera.

Aaron Ramsadeel (Arseenal): Chelsii, Niwukasil waliin ka'aa jira

Aaron Raamsaadeel

Madda suuraa, Getty Images

Taphataa Ingilaand kan ta'e Aaron Raamsaadel Arsenaal keessatti erga David Rayaa Fulbaana dhufee bakka isaa dhabeera. Karra eegaan kun jijjiirraa Amajji kanaatiin gara biraa deemee carraa dhaabbataan taphachuu fedhaa.

Chelsiifi Niwukasil ammoo kilaboota Raamsadel fudhachuu barbaadanidha.

Konoor Galaager (Chelsii): Tootenhaam waliin ka'aa jira

Konoor Galaager yeroo jalqabaatiif Chelsii keessa dhaabbataan bara kana taphachaa kan ture yoo ta'u, yeroo amballii ta'ee garee isaa dursaa tures jira. Kana ta'ee osoo jiruu garuu jijjiirraa Amajjii kanaan kilaba biraatti makamuuf oduun jedhu hedduu namoota ajaa'ibeera.

Chelsiin ji'oota 18 darban keessa taphattoota hedduu waan biteef baasii kanaan dura baase deebifachuuf taphataa gurguruu fedha qaba. Kanaaf, ammoo aarsaa kan ta'e Gaalger ta'uu isaati.

Taphataan sarara gidduu lammii Ingilaand kun Paawondii miliyoona 50n kan dhiyaate yoo ta'u, kan fudhachuuf jedhu ammoo Landanitti masaanuu Chelsii kan ta'e Tootenhaamidha.

Ivaan Toonii (Bireentiford): Arsenaal waliin ka'aa jira

Arsenaal tibba kana walitti aansee mo'amuudhaan dorgommii waancaa keessaa mucucaachaa jira. Keessumaa tapha dirreesaarratti Weest Haamiin 2-0n mo'amerratti kubbaa qabatanii taphachuun carraa uumanis kan lakkoofsisuu yaale hin turre.

Gareen Mikeel Arteettaa yaalii 30 taasisan keessaa saddeet qofatu qixa sirriin rukkutame.

Jifataan Bireentifoord Ivaan Toonii sarara duraa fuula duraa Arsenaal comsuudhaaf jijjiirraa Amajjii kana keessa mallatteessuu danda'a jedhamee odeeffamaa jira.

Tooniin seera tirgaa [qumaara, betting] Waldaa Kubbaa Miilaa waan cabseef ji'a saddetiif adabameera, garuu Amajji 17 adabbii isaa kana xumurata.

Johahoo Palhiinaa (Fulhaam): Arsenaal, Baayer Muniik, Liiverpuul waliin ka'aa jira

Johahoo Palhiinaa

Madda suuraa, Getty Images

Fulhaam Fulbaana darbe kontiraata haaraa dhiyeessuun kilaboota taphataa sarara gidduu Jahohaa Palhiinaa barbaadan akeekkachiiseera. Haata'u malee, jijjiirraa Amajji kanaan kilaboonni iji irra bu'e biraa hafaa hin jiran.

Arsenaal, Baayer Muniik fi Liiverpuul taphataa lammii Poorchugaal kana fudhatu jedhamee maqaan isanii waliin ka'aa jira.

Fulhaam ammoo yoo kan gadhiisu ta'es gatii cimsee hanga Paawondii miliyoona 60 gaafata jedhameera.

Tomaas Paartee (Arsenaal): Juuventuus waliin ka'aa jira

Toomaas Paarteen bara kana sababa miidhamaatiin Arsenaaliif taphachaa hin jiru. Mikeel Arteetaan ammoo jijjiirraa Amajjii kanatti taphataa biraa bituuf jedhaniif baajata barbaada. Kanaaf taphataa sarara gidduu lammii Gaanaa kana gurguruu danda'a jedhameera.

Taphataan umurii waggaa 30 sababa miidhamaan ji'a lamaaf osoo hin taphatiin ture kun gara kilaba Xaaliyaan, Juuventuus deema jedhamaa jira.