Haleellaan misaa'elaa Huutii kokolaachisaa doonii akka malee madeesse - US

Madda suuraa, Reuters
Dooniin fe’umsaa tokko Galoo Galaana Adan keessa misaa’ela kiruuzii lama kan hidhattoota Huutii Yaman keessa jiraniin itti dhukaafameen gar-malee miidhamuu waraanni Ameerikaa beeksiseera.
Konkolaachiisaan doonii kanaa haleellaa kanaan miidhamees wallaansa fayyaaf gara doonii biraatti xiyyaaraan geeffamuu Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa (CentCom) gabaaseera.
Itti-dabaluun, hojjettoonni doonii MV Verbena - kan alaabaa Paalaawuu, kan Yukireen, kan Poolaandiin hojjettuu irrattituranis ibiddadhaamsuudhaad yaalaa akka turan ibseera.
Boodarra CentCom sa’aatii 24 darban keessatti, bidiruu basaasaa Huutii lama, doonii nama maleessaa tokkoo fi diroonii tokko Galaana Diimaa irratti barbadeessuu isaa ibseera.
“Sirnoonni kun Ameerikaa, humnoota gamtaa fi dooniiwwan daldalaa riijiinicha keessaatiif balaa cimaa akka ta’an murtaa’eera,” jedhe CentCom ibsasaa kenneen kanaan.
Duran ammoo gareen Huutii sa’aatii 24 darban keessatti doonii MV Verbena dabalatee, “yakka ummata keenya Gaazaa keessaa irratti raawwatameef haaloo ba’uuf akkasumas weerara Ameerikaa fi Ingilizii biyya keenyarratti raawwataniif deebii kennuuf'' jecha doonii sadii irratti haleellaa raawwachuu isaanii ibsuunii ture.
Haleellaan ammaa kunis kan raawwatame, erga gareen Iraaniin deeggaraman kunneen doonii qabeenyaa Giriik taatee Galaana Diimaa keessa irratti xiyyeeffachuunerga miidhaa hamaairraan qaqabsiisaniin guyyaa tokko boodadha.
Gareen hidhattoota Huutii kunis akka qaama garee diddaa Israa'el, US fi biyyoota dhihaa bal'aa irrattii kan "axis of resistance" jedhamuufi Iraaniin durfamuutti of ilaalu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Adoolessa irraa eegalee, gareen finciltootaa kunis Filisxeemoota Gaazaa keessa jiraniif deeggarsa jechuudhaaf jechuudhaan, dooniiwwan Israa’el waliin hidhata qaba jedhan hunda irratti Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Adan irratti haleellaa raawwachaa ture.
Ameerikaa fi UKn haleellaa isaanii kanaaf deebii kennuudhaaf jecha, walitti fufiinsaan eddoowwan Huutii Yaman keessarratti haleellaa raawwatanii kan ture yoo ta'u, Huutiis haaloo bahuumsaaf dooniiwwan biyyoota kanneen waliin hidhata qabu jedhamanii yaadamanrratti akka haaloo ba’uu eegalan.
“Huutiiwwan lammiilee ilisxeemoota Gaazaa keessa jiran bakka bu’uun socho’aa jirra jedhan. Haata'u malee, garuu lubbuu lammiilee biyya sadaffaa kanneen walitti bu’iinsa Gaazaa waliin hidhata hin qabne irratti xiyyeeffachuun balaadhaaf saaxilaa jiru,” jedha CentCom.
Haleellaan finciltoonni kunneen dooniiwwan daldalaa kanneen Galaana Diimaa keessaa irratti raawwachuunsaanii, dhaabbileen doonii hedduun daandii bishaanii, kan daldalli galaanaa addunyaa keessaa gara harka 12 ta'u keessa darbudha kana fayyadamuu akka dhaabban taasiseera.
Roobii darbe Huutiin, diroonii galaanaa fayyadamuun doonii alaabaa Laayibeeriyaa qabduufi Tuutor jedhamtu Galaana Diimaa keessatti irratti xiyyeeffataniiru. Haleellaa kanaanis lubbuun namaa darbe hin turre.












